Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Sa’uudi Arabiyaatti dubartoonni 28,000 baabura oofuu dorgomuuf galmaa’an
Sa’uudi Arabiyaatti dhaabbanni baaburaa dubartoota 30 baabura oofan qacaruuf beeksisa baaserratti dubartoonni 28,000 gita kanaaf dorgomuuf galmaa’uu ibse.
Kaadhimamtootni dorgommii kana darban waggaa tokkoof erga leenji’anii booda, baabura saffisoo magaaloota Makkaa fi Madinaa gidduu oofu.
Sa’uudi Arabiyaa keessatti yeroo jalqabaatiif gita hojii kanarratti dubartoota simachuuf beeksifni bahe.
Waggoota kudhanitti lakkaa’amaniif Sa’ud Arabiyaan biyyoota dubartoota hojiirratti hirmaachisurratti addunyaarraa lakkoofsa gad aanaa galmeessisan keessatti eeramti.
Haata’u malee, waggoota muraasan asitti mootummaan Sa’uudi lakkoofsa dubartoota hojiirratti hirmaatani dabaluuf tattaaffii taasisaa jira.
Kunis qaama karoora ilmi mootii biyyattii Mohaammad biin Saalmaan, damee diinagdee boba’aarratti hirkate bal’isuuf karoorsaniiti.
Kana malees, foyya’iinsa gama hawaasummaa jalqabame dubartoonni konkolaataa konkolachisuu kan eeyyamu fi seera dhiironni dubartoota akka eegan jedhu laaffisuun dubartoonni akka bilisaan imalan eeyyamuu fa’aa of keessa qaba.
Sababa kanarraa kan ka’e hirmaannaan dubartoota hojiirratti ganna shan keeessa harka dachaan dabaluun %33 qaqqabeera.
Bara darbe baatii jahan jalqabaatti lakkoofsi dubartoota hojiif qacaramanii kan dhiirota ni caala ture.
Haata’u malee, dhiironni biyyattii keessaa ammas hojiiwwan hedduu qabatanii jiru.
Inistitiyuutiin Ameerikaa keessa maadheffate ‘the Brookings Institute’ qorannoon bara darbe maxxanse akka agarsiisutti, dameen hojii hawaasummaa harka caalu dhiirotaan qabameera.
Dhaabbanni baaburaa Ispeen 'Renfe' jedhamu fedhii bal'aa dubartoonni damee hawaasummaarratti qaban keessaa amma xiqqoo guutuuf dubartoota konkolaachisummaa baaburaaf filate.