Manni murtii Sa’uudii yeroo jalaqabaaf qoccollaa saalaatiin nama ifatti adabe

Manni Murtii Sa’uudii Arabiyaa nama haleellaa saalaa raawwate ummata duratti maqaan akka dhahamuufi qaana’u ajaja kenne jedhe gabaasni miidiyaa biyyattii.

Namni Yaasiir al-Araawwiin jedhamu jecha naamusa hin qabneen dubartii arrabsuu fi qoccoluudhaan yakkamaadha jedhamee Mana Murtii Madiinaatiin itti murtaa'e.

Namni kun hidhaa baatii saddeetiifi doolaara 1,330 adabameera.

Seerri farra-haleellaa saalaa bara darbe kan fooyya’e yoo tahu namni yakka kana raawwate maqaansaa fi adabbiinsaa gaazexaa naannoosaa irratti baasii mataasaatiin akka gabaafamu ajaja.

Abbootiin murtii ulfaatina yakkaa fi dhiibbaa inni hawaasa irratti fidu madaalanii akka murteessan taasifame.

Seerri bara darbe fooyya’e kunis biyya galoo galaanaa naannichaan waan gaarii jedhamuun fudhatmee ture.

‘’Isa eegameen baayyee boodatti hafet seerichi fooyya’e,’’ kan jedhes ture.

Seerri bara 2018 keessa ragga’e nama haleellaa saalaan balleessaa jedhameef adabbii hidhaa waggaa lamaafi qarshii doolaara 27,000 kaa’a.

Yakkamaan gochaa kana yoo irra deebiin raawwate immoo hidhaa waggaa shaniifi doolaara 80,000’n adabamuu mala.

Tarkaanfiin seeraa akkanaa kennamaa jiraatus dubartoonni Sa’uudii gariin mootummaan qoccollaa saalaa hambisuuf hamma barbaachisu hojjetaa hin jiru jechuun komatu.

Dubartiin tokko BBCtti akka himtetti yaadni miidiyaa hawaasaa irratti kennamu qocollaa saalaa raawwateef dubartii kan komatu yoo tahu, yeroon itti nama badii raawwate otoo hin taane dubartiin qoccollaan irra gahe adabamtus jira jette.