Qorichoonni laggeen keessa gataman fayyaa addunyaaf yaaddoo uumuu qorannoon mul’ise

Laga faalame

Madda suuraa, Dr John Wilkinson

Ibsa waa'ee suuraa, Akka qorannoon mul'isetti, lagni Tuniz keessatti argamu qorichoota hedduun faalamuun bira gahameera
    • Barreessaa, Jonaah Fiishariin
    • Gahee, BBC Environment Correspondent

Laggeen addunyaa qorichotaafi oomishaalee warshaalee qorichootaa keessaa bahaniin faalamuun ''fayyaafi naannoof yaaddoo guddaa uumuu,'' gabaasni mul'ise.

Qorichi mataa [paaraastaamolii], nikotinii kanneen akka tamboo, kaaffenii kanneen akka bunaa, qoricha gaggabdoo [epilepsy] kan ta'e carbamazepine, akkasumas qorichi sukkaaraa metformin bal'inaan laggeen keessa kan argamanidha.

Qorannoon Yunivarsiitii of Niiw Yorkiin taasifame kuni qorannoo guddicha sadarkaa addunyaatti gaggeeffamedha.

Laggeen Paakistaan, Booliviyaa fi Itoophiyaa kanneen baay'ee faalaman keessaati. Laggeen Ayislaand, Noorwayiifi Amaazon immoo kan wayyoo qabanidha.

Dhiibbaan qorichoonni laggeen keessa argamuun fiduu malu gara caalu hin beekamu.

Taatullee, kana dura qorannoo taasifameen qorichi dhala hambisuuf fudhatamu oomisha qurxummii miidha akkasumas humna fayyisuu qorichootaa irratti dhiibbaa qaba.

Riqicha leemmanaa lagarra tolfame

Madda suuraa, Dr John Wilkinson

Ibsa waa'ee suuraa, Lagni Naam Kaan jedhamuufi Laawositti argamu hammi qorichoota of keessaa qabu xiqqaadha

Qorannoon kuni biyyoota 100 keessaa saamuda bishaanii 1,000 ol fudhachuun taasifame.

Walumaagala, laggeen 258 ol keessatti oomishaaleen qorichaa keessatti argamaniiru. Kunis orgaanizimoota bishaan keessa jiraataniif balaa akka qabu qorannichi mul'ise.

Nami qorannicha hoogganan Dr Joon Wilkinsan to'annoon qulqullina bishaanii cimaallee qorichonni kuni laggeen akka hin seenne hambisuu hin danda'u jechuun BBC'tti himan.

Afrikaa keessa farra busaaf kan fayyadaman, artemisinin, bal'inaan laggeen keessa argameera.

Yunivarsiitii Hertfodshaayir irraa BBC'n kan dubbise Dr Veronikaa Edmandis-Biraawon qorichoonni laggeen keessa argamuun miidhaa qabaachuufi garuu dhiibbaa isaa gadi fageenyaan baruuf qorannoon hanga ammaa taasifame xiqqaa ta'uu himan.

Qorichoonni farra baakteeriyaa laggeen keessa argamuun baakteeriyaan akka qoricha dandamatu gochuu danda'a jedha qorannichi. Hammi fayyisuu qorichaa laafuun immoo ''fayyaafi naannoo addunyaaf yaaddoo guddaa fiduu'' ibsa.

Laggeen haalaan faalaman kan biyyoota gali giddu galeessa xiqqaa keessa argamaniifi bishaan gad - lakkifamuufi to'annoon bishaan faalame laafaa ta'ettidha.

Laga faalame

Madda suuraa, Dr John Wilkinson

Ibsa waa'ee suuraa, Lagni Naayiroobii Keeniyaa keessa argamu laggeen qorichootaan haalaan faalaman keessaa tokko

Ogeeyyiin kuni keessumaa hawaasa carraa eegumsa fayyaa xiqqaa qabu irratti dhiibbaan qabu jabaa ta'uu ibsu.

Maaltu taasifamuu qaba isa jedhuuf Dr Wilkinsan akkaataa qorichi fudhatamu to'achuun bu'aa buusuu akka danda'u amanu.