Dhukkubsattoonni dhiibbaa dhiigaa paarastaamoolii baay'inaan liqimsan dhibee onneef saaxilamu-Qorannoo

Madda suuraa, Getty Images
Dhukkubsattoonni dhiibbaa dhiigaa ajaja hakiimotaan yeroo dheeraaf qoricha paarastaamoolii kan fayyadaman yoo ta'e dhibee onneef akka saaxilaman qorannoon mirkaneesse.
Qorattoonni Yuuniversiitii Edinbiraa akka jedhanitti doktaroonni dawaa yeroo dheeraaf fudhatamu wayita dhukkubsattoota isaaniif ajajan faayidaa fi miidhaasaa ilaalcha keessa galchuu qabu jedhan.
Qoricha dhukkubbii namarraa galchu/nama dandamachiisu dhukkubbiiwwan akka mataa bowwuu fi ho'ina qaamaaf fudhachuun hagas mara rakkoo hin qabu jedhu qorattoonni.
Ogeeyyiin fayyaa gariin ammoo namoota hedduurratti qorannoon hojjetamee mirkanaa'uu qaba jedhu.
Qorichi paarastaamool dhukkubbiin akka namarraa laaffatuuf kan fudhatamuudha, ta'us garuu namoonni akkaan dhibaman akka fudhataniifis ni gorfama. Garuu qorichichi furmaata waaraa hin ta'u.
Bara 2018 keessa qofa lammiileen Iskootlaand miiliyoona walakkaa ta'an qoricha yeroof dhukkubbii namarraa kaasu kana akka liqimsan hakiimonni ajajanii turan.
Kana jechuun lammiilee biyyattii 10 keessaa tokko paarastaamoolii liqimsa jechuudha.
UK keessatti namoota sadi keessaa tokko dhibee dhiibbaa dhiigaaf saaxilamoodha.
Qorannoon kana mirkaneesse namoota eeyyamamoo ta'an 110 hirmaachisuun kan hojjetame yoo ta'e, kanneen keessaa lama sadaffaan dawaa dhibee dhiibbaa dhiigaa warra fudhachaa turaniidha.
Hirmaattonni qorannoo kanaa paarastaamoolii giraamii tokko guyyatti afur torbee lamaaf akka fudhatan taasifaman.
Itti aansuun ammoo torbee lamaaf qorichuma kana kan fakkaatu garuu miidhaas faayidaas kan hin geessifne akka fudhatan taasifaman.
Yaaliin kun akka agarsiisutti kanneen paarastaamol fudhatan dhiibbaan dhiigaasaanii akkaan dabale.
Kana jechuun carraan dhiibbaa dhiigaa fi kantaruu dhiigaan qabamuusaanii guddaa ta'uu agarsiisa jedhan Pirofeesarri Yuuniversitii Edinbiraa Jeemsi Diir.
Kanaafuu doktaroonni namoota dhibee dhiibbaa dhiigaa qabaniif paarastaamoolii muraasa akka ajajaniif qorattoonni kunneen dhaamaniiru.
















