Qorattoonni sababa 'dhiphinni harriin akka biqilu' taasisa jedhan argatan

Madda suuraa, Getty Images
Qorattoonni maaliif dhiphinnii haarrii akka biqilchuu taasisuufi halluu rifeensaa dhibachuun alatti karaa ittiin hambisuun danda'amu arganneera jedhu.
Qorannoo hantuutarratti taasifameen seelonni rifeensaafi gogaa to'atan dhiphinna dhukkubbiirraa maddeen miidhamaniiru.
Argannoo qorannichaan hantuutni rifeensishee gurraachaa ture torbee muraasa keessatti guutummatti arrii biqilchite.
Qorattoonni Ameerikaafi Biraaziil akka jedhanitti qorannoon kun sababa umuriin dabaluuf bifni rifeensaa akka jijjiiramu taasisuu qoricha jijjiirama bifaa kana dhorku oomishuun ni barbaachisa jedhan.
Dubartoonniifi dhiironni walakkeessa ganna 30'oota keessatti bifni rifeensasaanii ni jijjiirama.
Haalli arrii biqilchuu adeemsa uumamaatiin dabaluu umuriitiifi qaccee sanyii waliin kan wal qabatu ta'us dhippinnillee sababa tokko.
Qorattoonni garuu akkaataa dhippinni bifa rifeensa keenyaa jijjiiru adda hin baafne.
Yeroo qorattoonni yuunivarsiitii San Poolofi Haarvard meelaaniin sababasaa akka ta'e mirkaneessuuf rakkataniiru.
"Nuti amma dhippinni jijjiirama bifa gogaafi rifeensaaf sababa akka ta'e bira geenyeerra," jedhan qorataan yuunivarsiitii Harvaard kan ta'an Prof Ya-Cieh Hsu.
'Dhiibbaa yeroo dheeraa turu'
Dhukkubbiin hantuutaa keessatti mul'ate hormooniin adireelaaniifi kortiisool akka maddu taasisa. Kunis immoo dhahanan onnee akka saffisuufi dhiibbaa dhiigaa akka dabalu gochuun sirna narviirratti dhiibbaa geessisa. Dhiibbaan kunis dhippinna keessa akka galan taasiseera.
Taateen kunis lakkoofsi seelota meelaaniinifi rifeensa oomishan akka xiqqaatu godha.
"Dhippinni qaama keenyaaf gaarii miti," jedhan Prof Hiisu.
"Bu'aan qorannoo dhiibbaa dhippinni geessisu arganne isa ani yaade caala.
"Guyyoota muraasa booda seelonni meelaaniin oomishan badaniiru."
"Al-tokko badan taanaan irra deebi'anii hin oomishaman- dhiibbaansaanii dhaabbataadha."

Madda suuraa, William A Goncalves
Qorannoo biraatiin qorattoonni qoricha farra dhiibbaa dhiigaa kennuudhaan jijjiirama dhufe hambisuun ni danda'ama jedhu.
Akkasumas qacceen sanyii hantuuta dhukkubbii keessa jirtuufi dhukkubbii keessa kan hin jirre wal bira qabanii ilaaluudhan pirootiinii dhippinnarraa seelota balleessan adda baasuu danda'u.
Yeroo pirootinichi akka hin oomishamne taasifamu yaaliin jijjiira bifa rifeensaasa ni dhorka.
Kun immoo qorattoonni pirootiniin kanarratti xiyyeeffachuun jijjiirama bifa rifeensaa tursiisuun ni danda'ama.
"Argannoowwan kunneen arriidhaaf yaalii miti," jechuun Prof Hsu BBC'tti himaniiru.
"Argannoon keenya hantuutarrati taasifame jalqabii namootaaf yaalii taasisuuti.
"Dabalataanis yaada dhippinni qaama keenya kan biraas miidhuu akka danda'u nuti agarsiisa," jedhan.
















