Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Prof. Mararaa Guddinaa: 'Mariin Biyyaalessaa akka amma deemaa jirutti rakkoo biyya kanaa kan hiiku natti hin fakkaatu'
Lolli amma biyyattii raasaa jiru kun osoo hin jalqabamin dura falli marii biyyaalessaati yoo jennu mootummaan nun dhageenye jechuun BBC'tti kan dubbatan Dura Taa'aan KFO, Piroofesar Mararaa Guddinaa, mariin biyyoolessaa amma qophaa'aa jiru kunis fala waan fidu miti jedhan.
Waraana Kaaba Itoophiyaatti waggaa tokkoo fi ji'a afuriif deemaa jiru akkasumas dhibdeewwan siyaasaa kutaalee biyyattii adda addaa keessatti lammiilee nagaa rakkoof saaxilaa jiru fura jechuun Mootummaan Itoophiyaa marii biyyoolessaa gaggeessuuf sochii erga jalqabee bubbuleera.
Marii biyyaalessaa mootummaan rakkoolee biyyattii keessatti deemaa jiru aara galfachiisa jechuun sochii itti jalqabe kanaafis Koomishiinii hundeessee, komiishinaroota eeruu uummataatiin akka filatamu ta'uun yeroo ammaa kana namootni 42 kaadhimamanii yaadni uummataa itti kennamuurratti argama.
"Wanta gurguddaa lamatu jira. Tokkoffaa marichi hunda hammachuutu irra jiraata. Amma garee tokko duwwaadha kan keessa jiru," jedhu pirofeesar Mararaa Guddinaa.
"Inni lammaffaan komishiniin waan kana raaawwatu ammoo bilisa ta'ee hin ijaaramne. Kun silaa hojii mootummaati. Akka amma ilaallutti rakkoo biyya kanaa waan hiiku natti hin fakkaatu," jedhan.
Dhaabni isaanii KFO'n adeemsa marichaa irratti qaaamni maricha gaaggeessu walaba miti jechuun marichatti hirmaachuuf waamicha taasifameef akka hin fudhatin hafanis himan.
Kana malees adeemsi marii kanaa karaa fala fiduun deemaa hin jiru jechuun dhaabni isaanii xalayaa ergaawwan Ijoo afur qabu mana marii bakka bu'oota uummataa fi waajjira ministira muummeetti galchuus eeran.
"Xalayaan nuti galchine ergaawwan ijoo afur kan qabudha. Isa keessattis mariin kun hunda hammachuu akka qabu, koreen waan kana gaggeessuus bilisa ta'uu qaba kan jedhudha. Rakkoon biyya kanaa bal'aadha. Qofaa hin deeminaa kan jedhu gaafanne. Deebii hin arganne," jedhan.
'Gareedhuma tokkotu jaarsa lakkaawwate'
Dhaabni isaanii KFO'n filannoo keessaa dhiibamee bahe kan jedhan Piroofeesar Mararaan akkaataa amma deemaa jiruun marii biyyoolessaa kana keessaayiis dhiibamnee bahuun keenya waan hafu miti jedhu.
Miseensota 42 kanneen komishinii marii biyyoolessaatiif kaadhimamanii amma yaanni uummataa irratti kennamaa jiru kan ilaaleenis akkas jedhan:
"Namoota kana keessa kanin bebbeeku jiru. Hiriyoonni kiyyayyuu keessa jiru. Rakkoon isaa namoonni kun eenyu kan jedhu osoo hin taane, namoonni kun akkamitti dhufan? Akkamitti deemu? Garee kamtu isaan fide? Maal gochuu danda'u? kan jedhudha gaaffiin jiru," jedhan.
Ulaagaan namoota komishinii hojii akkanaa hojjetu ittiin filatamuun yoo madaalamu namoonni filataman kunniin madaala ulaagaa faranjootaas ta'e karaa aadaa jaarsummaa biyya keenyaas kan hin guunnes jechuun dubbatu.
"Faranjoonni qaama sadaaffaa, qaama walabaa jedhu. Garee lachuurraa kan bilisa ta'e jechuudha. Akka aadaa biyya keenyaatti yoo ta'e illeen jaarsummaa garee lachuutu lakkaawwata. Inni ammaa kun lamaanuu hin taane. Gareedhuma tokkotu jaarsa lakkaawwatee koottaa qodda fudhadhaa jedhe. Rakkoon bakka kana jira," jedhan.
KFO'n mariin amma taasifamuuf jiru kun qaama bilisa ta'een akka gaggeeffamuuf, hunda akka hirmaachisuuf waamichaa fi qabsoo karaa nagaa taasisuu akka itti fufus himan Piroofesar Mararaan.
Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) gamasaatiin marii biyyoolessaa biyyattiin taasisuuf deemtu kanarratti waamichi taasifameef akka hin jirre dubbi himaan dhaabichaa Lammii Gammachuu himeera.
"Mariin amma jedhan kun ofumasaaniitii dhuunfaatti akka dhaabaatti kan taasifatan ta'uu mala. Kana keessa isaa waan beeknu hin qabnu. Mariin biyyoolessaa amma deemsifamuufi jedhan kana akka jaarmiyaatti waan beeknu hin qabnu. Waamichi dhaaba keenyaaf taasifames hin jiru," jedhan.
ABO'n ammaan duralleen biyya kanaaf mariin biyyoolessaa qofatu furmaata jedhee gaafachaa ture kan jedhan Obbo Lammiin, yeroo miseensonni dhaabichaa hedduun mana hidhaa jiran kanatti waa'ee marii biyyoolessaa haasa'uun ulfaataadha jedhan.
Haaluma walfakkaatunis miidiyaan Addis Standard, aanga'oonni paartiilee KFO fi ABOtti dabalataan Addi Bilisa Baasaa Ogaadeen (ONLF)kaadhimamtoota miseensoota komishiinii marii biyyaaleessaa irratti mari'achuuf waamicha af-yaa'iin mana maree bakka bu'ootaan dhiyaateefii ture diduu Guraandhala 4, 2022 gabaasee ture.
Midiyaan kun paartilee sadan irraayyuu mirkaneeffadheera jechuun akka gabaaseetti, adeemisichi walabaa akka hin taane, dhimmicha akka hin beeknee fi hunda kan hammate miti jechuun akka hirmaachu didan kaaseera.
Manni Maree Bakka Bu'oota Ummataas hundeeffama Komishiinii Marii Biyyaalessaa kan mirkaneesse Muddee 29, 2021 ture.
Komii paartileen kunneen kaasan irratti gama mootummaan amma dura deebiin kenname jiraachuu baatus, milkaa'ina marii biyyaalessaa karoorfamee irratti yaaddoo uumeera.