Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Malaalaan mana barumsaa Indiyaatti hijaaba uffachuu dhorkamuu balaaleffatte
Badhaasa Noobelii Nagaa kan injifatte Maalaalaa Yuusuufzaayi barattoota Indiyaa hijaaba uffattanii daree galuun mirga keenya jedhanii falman akka deeggartu himte.
Barattootni kunneen kutaa Karnatakaa jedhamu keessatti torbanootaaf falmiitti kan jiran yoo tahu, hijaabaaf jecha kolleejjii irraa dhorkamuun isaanii ''waan nama naasisu'' jette Malaalaan.
Wal dhabdeen uumame kun kutaa bulchiinsichaa keessatti babal'achuun walitti bu'insa amantaa akka uumee jiru gabaafameera.
Kanarraa kan ka'e manneen barnootaa guyyoota sadiif cufamaniiru.
Wal dhabdeen kun akka biyyaalessaatti dubbii jabduu tahuun amma mana murtii ol aanaa naannichaas gaheera.
Barattoota daree barnootaa irraa dhorkaman keessaa tokko iyyata barreessuun mana murtiitti kan geessite yoo tahu, hijaaba uffachuun mirga bu'uuraa amantaa heeraa biyyattiin kenname jette.
Maalaalaan yeroo umuriin ishee waggaa 15 ture Paakistaan keessatti dubartootni barachuuf mirga qabu jechuun dubbattee haleellaan irra gahuun lubbuun oolte.
Maalaalaan Kibxata kaleessaa, ''qoollifannaa dubartoota Musiliimaa'' irra gahu akka dhaabsisaniif hoggantoota ol aanoo Indiyaaf waamicha gooteetti.
''Dubartootni hijaaba uffatanii mana barumsaa akka hin galle dhorkuun waan nama rifachiisu,'' jechuun fuula Tiwiiterii ishee irratti barressite Maalaalaan.
Ijoolleen shamarranii kunneen erga bulchiinsa kolleejjii mootummaan hijaaba uffattanii daree hin galtan jechuun barumsa irraa dhorkamanii mormii gaggeessuu jalqaban.
Dhimmi kun gara kolleejjota Karnatakaa kaaniitti babal'ateera. Viidiyoon torban darbe bahe galmi kolleejjotaa cufamanii akka jiran agarsiisa.
Dubartootni hijaaba uffatan ammoo yeroo mormii gaggeessan mul'ataniiru.
Warri amantaa Hinduu leellisan ammoo dhorkaa kolleejjotni dabarsan deeggaruun mormiif bahaniiru.
Walitti bu'insi garee lameen gidduu irraa ka'uun namootni baay'een madaa'uu miidiyaaleen naannichaa himaniiru.
Ministeerri naannichaa Basavaraj Boomayi, manneen barnootaa guyyoota sadiif cufan.
''Barattootni hundi, barsiisonni, fi bulchiinsi kolleejjotaa fi manneen barnootaa hundi akkasumas uummanni Karntakaa nagaa akka buusaniif'' gaafataniiru.