Muddama Yukireen: Raashiyaan looltoonni US Awuuroppaa keessatti baayyachu balaaleefatte

Madda suuraa, NurPhoto via Getty Images
Raashiyaa murtee US sodaa Yukireen ni weeraramti jedhuun loltootashee dabalataa biyyoota Awurooppaatti akka Nato deeggaraniif erguuf jirtu balaaleefatte.
Raashiyaan tarkaanfiichaan ''badii'' muddama cimsuufi akka furmaanni siyaasaa hin jiraanneef abdii xiqqeessu jetti jirti.
Peentaagan akka himeetti loltoonni Ameerikaa 2,000 ta'an Kaaba Kaarolinaatii gara Poolaand fi Jarmanii kan ergaman yoo ta'u, kanneen duraan Jarmanii keessa turan 1,00 gara Romaaniyaatti imalu.
Raashiyaan ammoo loltoota 100,000 ta'an daangaa Yukireeni irraa qabdi. Weerara raawwachuuf jiraachuu garuu ni waakkatti.
Muddamni tibbanaa kunis erga Raashiyaan Kibba Yukireen lafa bishaaniin marfamte Kiriimiyaa of jala oolchiteefi baha bulchiinsa Donbaas keessatti haleellaa hamaa raawwatteen waggaa saddeetiin booda kan deebi'eedha.
Raashiyaan mootummaan Yukireen waliigaltee idil-addunyaa Minskii hojiirra oolchu dide jechuun himatti.
Waliigaltichis baha bakka riphee loltoonni Raashiyaan deeggaraman to'ataniifi erga 2014 as kan namoonni 14,000 itti ajeefamaniitti nagaa deebiisurratti kan xiyyeeffatedha.
Murtee pireezidantii Ameerikaa Joo Baayidan looltoota dabalataa torban kana keessaa gara Awuurooppaatti bobbaasuuf taasiseef deebii kennaniin, Ministirri Itaanaa Dhima Alaa Raashiyaan, Aleeksaandar Grushkoon kun tarkaanfii ''badii fi sirrii kan hintaanedha'' jedhan.
Mr Grudhkoon haasaa Roobii taasisaniin, kunis aanga'oota Yukireen kanneen waliigaltee Minsk dabaan diiguu itti fufan ''osoo hin adbamiin hafan'' kan ''gammachisuudhas'' jedhan.
Ibsa Peentaagon dura baaseen ammoo looltoonni Ameerikaa bobbaafamaa jira Yukireen keessatti akka hin lolleefi garuu ammoo ittisa mishuuwwan Waashingitan mirkanneessu jedhee ture.
Kan amma bobbaafaman kunneenis kan kanaan dura Peentaagon loltoota 8,500 baatii darbe keessaa gara Awurooppaatti bobbaasuun yoo barbaachiseef qopheesse irratti dabalata.
''Kunis ergaa cimaa Mr Puutiniif dabarsuufi addunyaaf Nato'n US fi michootawwan keenyaafis akka barbaachisu himuuf baayyee barbaachisaadha,'' Dubbii Himaan Peentaagon Joon Kirby gaazexeessitootaatti akka himaniitti.
Haata'u malee gaaffiin himannaa Puutiin Yukireen weeraruuf jedhuu, ''Ammalleen nuti Putiin Yukireeni weeraruuf murteesseerra jennee hin amannu,'' jedhan.
Akkasumas US haala meeshaa waraanaa nikulaaraa hirftu fi muddamawwan dhimma Yukireen irratti umamaa jiruuf tarkaanfiiwan amanta cimsan irratti mari'achuuf Raashiyaa waliin mari'achuuf gaaffii dhiyeessuu ishee dhugaadha jedhan.
Haaluma walfakkaatuun, yaaliiwwan dippilomaasii cimaan rakinichaaf furmaata siyaasaa barbaachuuf itti fufeera. Yoo ta'u baate ammoo gara waraana guddaa Awuroppaa keessatti guddachu danda'a jedhamuun sodaatamaa jira.
Pirezidaantiin Raashiyaa Vlaadimiir Puutiin guyyaa Roobii MM UK Booris Joonsan waliin karaa bilbilaatii dhimma Yukireen irratti marii taasisanii jiru.
MR Joonsan Aab Puutiinin, ''dimookraasiiwwan Awurooppaa hundi miseensa Nato ta'uf fedhii agariisuuf mirga qabu,'' jechuusaanii himameera. Raashiyaan garuu Yukireen garee Natotti makamushee cinsite mormiti.
Ibsa Raashiyaan baafte tokkoon, yaaddoo Raashiyaan ragaan deeggaruun dhiyeessiteef deebii sirrii kennuuf harkifannaan Nato xiyyeeffannaa Puutiin hawwate jedhee ture.
Kana malees Pirezidaantiin Raashiyaa dursa US biyya saa gara waraana Yukireeniitti dhiibaa jirti jechuun balaaleeffate ture. Akka inni jedhuutti kaayyoon Ameerikaa wal dhabdicha akka ragaatti fayyadamuun Raashiyaa irra qoqophaawwan biraa kaa'uuf.
Gama biraatiin ammoo Pirezidaanti Baayidaniifi Pirezidaantiin Faransaay Emaanu'el Maakroon ''birmadummaa fi tokkummaa daangaa Yukireeniif deeggarsa isaanii irra deebiin mirkanneesaniiru'' jedhe ture ibsi Waayiti Hawuusbaase.












