Biyya nyaataa fi uffanni dambii manneen hidhaa ishee jalaa dhume

Madda suuraa, Glenna Gordon/Amnesty International
Manneen hidhaa Laayibeeriyaa: Biyya hidhamtoonni hanqina nyaataa, uffataafi iddoo isaan mudatee, haala hammaataa keessa jiran.
Manni hidhaa mummee Laayibeeriyaa jalqaba baatii kanaarratti hanqinni nyaataa mudachuun haala hammaataa manneetii hidhaa biyyattii keessa jiran saaxile.
Hanqinni dhiyeessii manneetii sirreessaa 15 biyyattii keessa jiran kan mudate yoo tahu, isaan keessaa lama hidhamtoota haaraa fudhachuu dhaabaniiru.
Hanqinni nyaataa mudatee guyyoota lama booda tola oolaa naannichaa fi dhaabbanni gargaarsaa hanqina kana guutuuf harka diriirsan illee rakkoon ijoo-hidhamtoonni iddoo tokkotti baay’achuu fi hanqinni maallaqaa waan furame miti.
Mana sirreessaa Gidduugalaa Monorooviyaa, Galaana Atlaantiik irraa galagalee jirutti hidhamtoonni 1400 kan jiran yoo tahu jalqaba garuu nama 400f qofa jedhameeti ijaarame.
Rakkoon hanqina nyaataa kana, hidhamtoonni yeroo godoo iyyaafattootaaf mooraa mana hidhaa keessatti ijaaran eebbisan, gaazexeessitoota waliin wal-arguun sodaa isaaanii akka ibsatan carraa hin argamne kenneef.
Namni yakka gudeeduun adabamee hidhaa waggaa sadaffaa keessa jiru hanqinni nyaataa kuni yaaddoo akka itti uume gumguma.
‘’Mootummaan ruuzii saayinaa tokko nu soora, innis guyyaa tokkotti ala tokko qofa,’’ jedheera.
Yeroo inni dubbachaa turetti hidhamtoonni kaaniis aarii fi sodaan fuula isaanii irraa mul’ata ture.
Itti gaafatamaan Mana Sirreessaa Gidduugalaa Monorooviyaa Vaarneey G Leek, hidhamtoonni iddoo tokkotti akka malee baay’achuun mataansaa, ‘’dhiittaa mirga namoomaatti,’’ lakkaa’ama jedheera.
Gaazexaa biyyattii ‘FrontPage Africa’ jedhamu waliin af-gaaffii taasiseen bu’uura misoomaa mana sirreessichaa qeeqeera.
Yeroo hanqinni nyaataa kuni mudatu daldalaa magaalaa Monrooviyaa keessatti beekamu fi kana duras hidhamtootaaf deeggarsa nyaataa gochaa ture tokkotu, nyaata yeroo atatamaa geessee qoodeeraafi.
Namni maqaa ‘Jeety’ jedhamuun beekamu gargaarsa kana kan taasisu hidhamtoonni kunneen akka geeddaraman yaaduurraan kan ka’e akka tahe BBCtti himeera.
Kana malees amantiin isaa, ‘’nyaata qabda taanaan kaan waliin qoodi,’’ akka jedhu himeera.
Gochaan isaa dhaaboti kaan kanneen akka ‘Prison Fellowship Laiberia’ nyaata dhiyeessuun akka hordofan gochuu himaniiru.
Haa tahu malee mootummaan dhiyeessii tola ooltotaa irratti hundaa’uun tajaajila mana hidhaa itti fufsiisuun hin danda’amu.
‘Manneetii hidhaa sadarkaa isaanii kan eegan miti’
Daariktarri manneetii hidhaa biyyaalessaa, Luba S Seenleeseh Waa’idaah rakkoolee hidhamtoota mudatan keessaa inni tokko hanqina nyaataati jedhaniiru.
Kunis maallaqa ji’aan kennamu gadhiisuu dhiisuun hanqina mootummaati jechuunis qeeqaniiru.
Fakkeenyaaf, maallaqni dhiyeessii nyaataa Fulbaanaaf kenname ji’a sadii boooda qaqqabe jechuun BBCtti himaniiru.
Kanaaf immoo rakkoon inni tokko jedhu Lubni Waa’idaah, ‘’deeggarsa mana hidhaa lubbuu oolchuuf kan kennamu akka tahetti ilaalamuu dha,’’ jedhan.
‘’Baajatni mana hidhaa nyaata, mana turtii, eegumsa fayyaa, meeshaalee hojjechuu didaniif suphuufi haaromsa gochuu fa’i dabalata,’’ jedhan.
‘’Manneetii hidhaa amma biyyattii kana keessaa qabnu sadarkaa isaanii kan eeggatan miti. Suphamuu qabu,’’ jedhan.
Dabaluunis rakkoon dhiyeessii eegumsa fayyaa fi uffata dambii hidhamtootaafi eegdotaa akka jirus himan.
Uffatni danbii UN waggaa 10 dura arjoome kan yeroo dhumaaf argame dha.
Kana malees hidhamtoota iddoo tokkoo gara biraatti geessuuf konkolaataanis tahe boba’aan hin jiru.
‘’Yeroo amma hidhamtoota gara mana hidhaan kan geessinu baajaajiidhaani. Baajaajiin immoo balbala gatii hin qabneef namoota adabbiin irratti murame geejibuuf mijatoo miti,’’ jedhan.
Ministarri Haqaa biyyattii, Firaank Musaa Diin, mootummaan rakkoon kuni akka jiru kan hubatu yoo tahu, furmaata yeroo gabaabaa garuu hin qabu jedhan.
‘’Paarlaamaan biyyattii maallaqa barbaachisu ramaduun rakkoon kuni akka furamu taha jedheen amana,’’ jedhan.
Carraa bayyanachuu...
Bara 2011’tti mootummaan tajaajila manneen hidhaa fooyyessuuf karoora waggaa kudhanii qopheessee ture, innis raawwatamaa jira. Lakkoofsi hidhamtootaa dachaan dabaluu dabalatee danqaan hinuma jira jedhan Diin.
Biyya uummatni baayyee beela’aa jirutti,hidhamtoootaaf namni gaddu jiraachuu dhiisuu mala. Tahus manni hidhaa iddoo adabbii fi bayyanachuu tahuu qaba.
Bu’uuraalee tajaajilaa mana hidhaa kanaa fooyyeessuuf dandeettii hidhamtoonni achitti baratan fayyadamuunis jalqabeera.
Piroojektii dhiyoo kanaan Manni Hidhaa Gidduugalaa Moonorooviyaa hidhamtoota filuun mooraa mana hidhichaa keessatti godoo iyyafatoonni keessatti keessummeeffaman ijaarameera.
Godoo ijaaran kennuudhaafis wayyaa halluu cuquliisa dhaabbata tola oolaa ‘Unity Alliance Incorporated’ jedhamuun kennameefi a uffatanii alatti argaman.
Hidhamtoonni kunneen carraan lammataa akka kennamuufi kanaan ergaa dabarfachuu akka barbaadan BBCtti himaniiru.
Joonaataan nama ganna 37 yoo tahu yakka ajjeechaan adabamee waggaa saddeetiif mana hidhaa tureera, hojii akkanaarratti hirmaachuun gammadaa akka tahe hima.
Kana dura,’’nama direessaa,’’ akka tahe himuun amma garuu akka fooyya’e dubbateera.
‘’Gadi taa’ee, of ilaalee, gochaa kootii nan gaabbee, dursa Waaqa araara gaafadhe boodammoo namootan gaddisiise hundatti haas’uu yaalaa jira,’’ jedhe.
‘’Waaqni deebii naan kennaa gatii jiruuf, dubbiin naa qixachaa jira,’’ jedha.
Garuu jijjiiramni mana hidhaa kanaatti yoo deebinu Jonaataaniifi kaan yeroo dheeraa eeguun isaanii waan hin oolle fakkaata.
















