Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waraana Kaaba Itoophiyaa: Finciltoonni TPLF Affaar seenuun aanaalee sadii to'achuu naannichi hime
Humnoonni TPLF Naannoo Affaar seenuun Godina Lama jedhamu keessa aanaalee sadii to'achuu Hoogganaan Biiroo Kominikeeshinii Naannoo Afaar BBC'tti himan.
Obbo Ahimad Kaaloyitaa guyyoota muraasa darban humnoonni TPLF haleellaa meeshaa waraanaa cimaan dabaalameen weerara raawwate jedhan.
Naannichi ibsa Wiixata galgala baasen gama Godina Kilbatii Rasuu jedhamuun iddoowwan akka Abaalaa, Magalee fi Baraahilee jedhamanitti haleellaan raawwatuu ibsee ture.
Naannoon Affaar haleellaa kanaan miidhaan dhaqqabaa jiraachuu himuun mootummaan federaalaa 'tarkaanfii barbaachisaa' akka fudhatu gaafateera.
Torban muraasa darban haleellaa daangaa naannolee lamaan irratti raawwateen naannoon tokko isa kaaniin himachaa ture.
TPLF gama isaatiin mootummaan federaalaa deeggarsa namoomaa danquuf waraana gama Naannoo Affaar jiru itti fayyadamaa jira jechuun guyyaa Wiixataa himateera.
Dubbii Himaan TPLF Getaachaw Radaa humnoonni Affaar gama Ab'aalaa lola akka bananiifi kunis deeggarsa namoomaa danquuf waraana akka sababaatti fayyadamuufi jechuun mootummaa federaalaa himatan.
Naannoon Afaar maal jedhe?
Hoogganaan Biiroo Kominikeeshinii naannichaa lola kana duraan kanneen qe'eerraa buqqa'aan gara qe'eetti deebisuuf osoo hojjetamaa jiru haleellaan haaraa raawwatuu himan.
Obbo Ahimad haleellaa kana hordofee namoonni hedduu buqqa'uufi TPLF ''badii kana dura geessisaa ture geessisaa jira,'' jechuun himatani.
Waraanni baatii 14 ol ture Naannoo Tigraayirraa Afaariifi Amaaraatti ce'ee lammiilee miiliyoonaan lakkaa'aman qe'eerra buqqiseera, deeggarsaan akka jiraatanis taasiseera.
Baatii tokko dura humnoonni waraanaa federaalaa haleellaa bal'aa taasisuun bakkeewwan finciltoonni Tigraay Amaaraafi Afaar keessa to'atanii turan gadhiisuun Naannoo Tigraayitti deebi'anii turan.
Torban muraasa darban mootummaan federaalaa haleellaa qilleensaa adeemsisaa jiruun alatti waraanni jabaan waraana federaalaa hirmaachise adeemsifamuun isaa hin gabaafamne.
Guyyoota muraasa darban garuu humnoonni TPLF bakkeewwan daangaa Afaar daangessanirratti haleellaa gaggeessaniiru jedhameen hedduun miidhamuu Naannoon Afaar himeera.
Haleellaa haaraan ''hawaasi bakkee garagaraatti bittinnaa'ee jira. Meeqa akka buqqa'e beekuun hin danda'amu. Ummata gara bakka tokkotti walitti qabuuf yaaliin ni taasifama,'' jedhaniiru Obbo Ahimad.
'Federaalli tarkaanfii haa fudhatu'
Finciltoonni TPLF aanaalee Afaar Naannoo Tigraay daangessan yeroo to'atan bakkicha Raayyaan Ittisa Biyyaa akka hin jirre Obbo Ahimad dubbataniiru.
''Naannicha irratti weerarri adeemsifamaa jira. Birmaadummaan biyyaa rakkoof saaxilameera. Lammiileen nagaa tikfamuu qabu. Sababa kanaaf mootummaan federaalaa tarkaanfii barbaachisaa fudhachuu qaba.''
Ergamni humna addaa Afaar ''nagaafi tasgabbii naannoo eeguudha,'' jechuun ibsan. Taatullee, ''lammiilee nagaarratti yeroo haleellaan raawwatu harka maratee hin taa'u,'' jechuun dubbatan.
Dhiyeessi gargaarsa namoomaa
Abi'aalaan magaalaa aanaa Affaar karaa gargaarsi namoomaa naannoo Tigiraayiif itti dhiyaatudha.
Naannichatti waraana gaggeeffama jiruurraa kan ka'e deeeggarsa namoomaa dhiyeessuuf rakkisaa ta'uun himamaa ture.
Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanitti bakka bu'aa Itoophiyaa Ambaasaddar Taayyee Asqasillaase karaa naannoo Affaar waraanni hammaachuu hordofee deeggarsa namoomaa dhiyeessuun gufachuu ibsan.
''Naannoo Affaaritti haleellaa haaraa meeshaalee waraanaa gurguddaan eegalameerraa kan ka'e konkolaattoonni Sangantaa Nyaataa Addunyaa (WFP) deeggarsa namoomaa fe'anii imalaa turan duubatti deebi'uuf dirqamuu'' ibsuun Tiwiitara isaanii gubbaa barreessan.
Haleellaa raawwateef TPLF himataniiru.
TPLF gama isaatiin naannoo Affaarifi daaangaa naannoo Tigiraayi irratti walitti bu'iinsi uumame dhiyeessii deeggarsa namoomarratti dhiibbaa akka uume eerun, walitti bu'iinsa umamee sanaaf mootummaa Federaalaa fi mootummaa naannoo Affaaritu itti gaafatama jedhee himate.
Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii A.L.I Amajjii 12, 2014 ibsa baase keessatti ''Samaraa irraa gara Maqaleetti karaa geessurratti deeggarsi namoomaa Abi'aalaarratti waraanaa gaggeeffamuun Amajjii 5, 2014 irraa kaasee adda cite'' jedhe.
Mootummaan federaalaa deeggarsa namoomaaa konkolaataan taasisuutti dabaluun deeggarsa dawaafi nyaata balalii xiyyaaraatiin saffisaan akka qaqqabsiisu beeksiseera.
Waraanni Kaaba Itoophiyaatti waggaa tokkoo oliif ture ji'a tokko dura kan qabbanaa'e ta'ullee bakkeewwan Naannoon Tigraay, Amaaraafi Affaar daangessanitti walitti bu'iinsi akka ture gabaasuun keenya ni yaadatama.
Mootummaa Itoophiyaa fi hoggantoota TPLF gidduutti mariin araara buusu akka eegalamu yaalamaa jiraatullee bu'aan qabatamaan mul'ate ammatti hin jiru.