Sudaan: Hogganaan waraanaa kaabinee ministeroota 15 qabu hundeessan

Mormii sudaan

Madda suuraa, Getty Images

Hogganaan bulchiinsa waraanaa Sudaan Janaraal Abdal Fettaa Al-Burhaan kaabinee ministeerota 15 qabu hundeessan.

Kun Janaraalichi fonqolcha mootummaatiin erga aangoo qabatanii, kaabinee mootummaa duraa diiguun yeroo jalqabaaf kaabinee biraa hundeessaniidha.

Pirezidaantiin duraanii Sudan Omaar al-Bashiir aangorraa erga kaafamanii booda, biyyattiin bulchiinsa ce’uumsaa siiviliifi waraanaa hammatuun osoo hogganamaa jirtuuti Janaraalli kun fonqolcha mootummaa kan gaggeessan.

Humni waraanaa mootummaa sivilii Ministira Muummee Abdallaa Hamdookiin hogganamaa ture erga kaaseen booda, Sudaan keessatti dheekkamsi guddaan ka’eera.

Fonqolcha kana booda, hiriira mormii gaggeeffamaa turan irratti, yoo xiqqaate namoonni 70 humnoota nageenyaatiin ajjeefamuun isaanii gabaafameera.

Ta’us garuu, kaabineen haaraa kun hundeeffamuun isaa, gaaffii lammileen Sudaan bulchiinsi waraanaa aangoo akka gadhiisuuf gaafataniif deebii kan ta’u hin fakkaatu.

Abbootiin seeraa Sudaan hedduun, haleellaa namoota hiriira mormiif bahan irratti taasifamu akka qoratamu gaafachaa turaniiru.

Abbootiin seeraa kunneen, bulchiinsi waraanaa kun namoota nagaa hiriira irra turan irratti miidhaa fi sarbama mirga namoomaa geessisaniiru jechuun himatu.

Ameerikaan hanga mootummaan sivilii hundeeffamutti akkasumas hokkorri jiru hanga dhaabbatutti gargaarsa biyyattiif gootu akka dhaabdu himteetti.

Onkololeessa darbe fonqolcha mootummaan aangoorraa kaafamanii kan turan MM Abdallaa Hamdook gara aangoo isaanitti erga deebifamanii boodas, fedhii isaaniin aangoo gadhiisuun isaanii ni yaadatama.

Murteen isaanii kunis mootummaan Sudaan guutummaa guututti to’annoo humna waraanaa jala akka galu taasiseera.

Ji’a Onkololeessa keessa fonqolcha mootummaan booda humni waraanaa hoggantoota bulchiinsichaa diiguun, labsii yeroo muddamaa labsuus, hiriira mormii gaggeeffamu to’achuu hin dandeenye.

Qindeessitoonni hiriira mormii ji’ootaaf itti fufee akka jedhanitti, gaaffiin inni ijoo humni waraanaa aangoo dabarsee mootummaa siviliif kennuun bulchiinsa irraa akka bu’udha.

Odeessaalee walfakkaatan: