Hariiroo Sudaaniifi Itoophiyaa: Rakkoon siyaasaa Sudaan Itoophiyaa irratti dhiibbaa akkamii qaba?

MM Aballaa Hamdoo fi Mm Abiy Ahimad

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Ministirri Muummee Sudaan Abdallaa Hamdook bakka bu'u hin beekamu

Mana Maree Ce'umsaa Sudaan Omaar al -Bashir aangoorra kaafamuu booda hundaa'e hoogganaa kan turan Janaraal Al - Burhaan mormii jabaate qabbaneessuuf caasaa mootummaa haaraa dhiheessan.

Manni maree waggoota sadiif cee'umsa biyyattii gaggeessuun gara sirna dimookiraasiitti geessu hundaa'ee Al - Burhaan hoogganaa ta'ani muudaman.

Manni maree kuni kan ji'oota 39'f kan turu yoo ta'u, qondaaltota sivilii jaha, kan waraanaa afur of keessatti qaba. Ministirri Muummee Hamdook immoo qaama siviilii hoogganu.

MM Abdallaa Hamdook ogeessa diinagdee yoo ta'an kanneen sirni dimookiraasii biyyattii keessa akka ijaaramu qabsoo taasisaa turan biratti ulfina qabu.

Jalqabbii rakkoo siyaasaa Sudaan

Waggoota 30 siquuf biyyattii olaantummaan kan bulchaa turan Omar Hasan al- Bashir waggoota sadii dura tarkaanfii jijjiirama diinagdee yeroo fudhatuu eegalanitti ture mormiin kan ka'uu eegale.

Deeggarsi mootummaan qamadii fi boba'aa irratti lammiileef taasisu hafuun isaa jireenya waan qaalesseef mormiin jabaatee magaalaa guddoo biyyattii Kaartum gahe.

Boodarra mormiin dhimma jireenyaa qofa osoo hin taane bittaa bara al - Bashir jiru gara mormuufi jijjiirama gara fedhuutti jijjiirame.

Humnoonni nageenyaa tarkaanfii fudhataniis inumaa mormiin akka cimu godhee ji'oota muraasa booda waraanni biyyattii pirezidanticha aangoorraa buqqisan.

Kunis ta'u hawaasni mormiif bahe aangoon biyya bulchu waraanarraa gara bulchiinsa siviliitti akka darbu gaafachuu itti fufani.

Abdallaa Hamdook

Abdallaa Hamdook Ministira Muummee Sudaan ta'un yeroo muudaman galmi isaanii biyyattii tasgabbeessuufi rakkoo dinagdee ishee qunname keessaa baasuu ture.

Hamdook barnoota diinagdeen digirii sadaffaa kan qaban yoo ta'u yeroo biyyi isaanii akka tajaajilan waamte dhaabbata UN, ECA jedhamuufi Finfinnee argamu keessa dalagu turan.

Humnoota siyaasaa Sudaan gidduu mootummaa ce'umsaa ijaaruuf waliigalteen raawwatuus humna waraanaafi kan sivilii gidduu waldura -dhaabbannaan ni ture.

Kuni immoo qabsoon ummataa galma akka gahuu kanneen eegaa turan ija shakkiin, takkaahuu yaaddoon akka ilaalan taasise.

Gahee Itoophiyaa

Pirezidant al - Bashir aangoorraa fonqolchamanii humnoota siyaasaa Sudaan gidduu yeroo waldhibdeen dhalate rakkoo isaanii hiikanii akka biyyatti tasgabbeessan qoodi Itoophiyaa olaanaa ture.

Sababa namoota yeroo mormii ummataa ajjeefaman humnoonni waraanaa mootummaa cee'umsaa keessa akka hin hirmaanne gaafatan, waraanni biyyattii immoo biyyattii tiksuuf tarkaanfii kamuu akka fudhatu himuun isaa yaaddoo uumee ture.

Abddal Fattaah al-Burhaan ajajaa humnoota waraanaa Sudaanidha

Madda suuraa, Anadolu Agency

Ibsa waa'ee suuraa, Abddal Fattaah al-Burhaan ajajaa humnoota waraanaa Sudaanidha

Yeroo kanatti MM Abiy Ahimad gara Kaartum imaluun qaamoleen lamaanuu walitti dhufanii tasgabbiidhaan cee'umsatti akka qajeelan yaalii taasisaniiru.

Kanaanis humnoota wal dura dhaabbatan gidduu waliigalteen gahamee muddamni yeroos ture akka xiqqaatu ta'ee ture.

Bara al- Bashir Itoophiyaa waliin hariiroo cimaa kan qabaachaa turte Sudaan bara bulchiinsa MM Abiy Ahimadis hariiroo kana cimsanii itti fufuuf fedhiin akka jiru mul'ateera.

Rakkoo daangaa uumame

Itoophiyaafi Sudaan daangaa dheeraa qooddatu. Waldhibdee gama daangaa jiru furuuf komishiniin daangaa hundaa'ee yeroo dheeraaf carraaqqiin taasifamuus waliigalteerra hin gahamne.

Muddamni kuni keessumaa waraanni Tigraay keessa banamuu eegalee hammaate.

Itoophiyaan akkuma waraanni eegale waraana gama daangaa Sudaanii qabdu gara Tigraayitti erguu booda waraanni Sudaan lafa qonnaa irratti waldhaban to'atani. Kunis, Itoophiyaa mufachiise.

Hoggantoonni Sudaan ifatti as bahanii lafa Itoophiyaan nu duraa fudhatte deeffanne jedhanii dubbatan, Itoophiyaan mariin akka furamu irra deddebbiin gaafataa turte.

Sababa kanaafi ejjennoo Sudaan hidha Abbayyaa irratti booda kana qabatteen Itoophiyaan ija shakkiin biyyattii akka ilaaltu taasiseera.

Sudaan bara bulchiinsa al - Bashir keessumaa dhimma Abbayyaa irrati gara caalu Itoophiyaa waliin dhaabbattus bulchiinsa haaraa aangootti dhufe booda garuu Masrii caalsifatuutu mul'ata.

Daangaa biyyoota lamaan qoodatan

Biyyoonni lamaan dhimmi Abbayyaa mana maree nageenyaa UN akka gahuufi irratti mari'atamuus taasisaniiru.

Sochii waraana Sudaaniifi Masrii

Mana maree ce'umsaa Sudaan keessa olaantummaa kan qabu waraanni biyyattii daangaa Itoophiyaan kiyya jettu to'achuun alatti haala kana dura hin turreen Masrii waliin hariiroo waraanaa tolcheera.

Biyyoonni lamaan shaakala waraanaa yeroo dheeraa booda gochuun alatti wal tumsuuf waliigalteerra gahaniiru.

Sochii hidhattootaa gama hidha Abbayyaan

Mootummaan Itoophiyaa gama Lixa biyyattii hidha haaromsaa ijaaramaa jiruun hidhattoonni sochii taasisuu irra deddebiin hima.

Mootummaan amma Sudaan keessa aangoo qabu finciltoota Tigraayif dahoo kenne jechuun mootummaan Itoophiyaa himata, waraanni biyyattii kana hin fudhatu.

Sochii hidhattootaan alatti waraanni Sudaan lafa biyyoonni lamaan irratti waldhabaniifi to'ate irratti bu'uuraalee misoomaa ijaaraa akka jiru himama.

Yeroo garaagaraatti haleellaa raawwate jedhuun qaamoleen lamaan irra deddebiin walhimatu.

Torban muraasa dura Sudaan waraanni ishii waraana Itoophiyaan akka haleelame ibsituus Itoophiyaan finciltoota Tigraay rukutuu himte.

Hamdook booda

Hamdook booda eenyu gara teessuma ministira muummee akka koru hin beekamu.

Ta'us, waraanni biyyattii aangoo mootummaa biyyattii olaantummaan yoo to'ate muddamni itti fufuun isaa hin oolu.