Muddama Yukireen: Putiin 'waraana guutuu banuu baatus dhiibbaa ni taasisa' jedhan Baayidan

Pirezidant Putiin (mirgaan) fi Pirezidant Baayidan (mitaarraan)

Pireziaantiin US Joo Baayidan gitasaanii pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin Yukireen irratti "waraana guutuu hin barbaadu" garuu "dhiibaa taasisuu danda'a" jedhan.

Pirezidaantichi ibsa gaazexaaf kennan irratti yaaddoo Raashiyaan Yukireeniin weeraruu maltii jedhu gaafatamanii akkas jedhan: "Akka tilmaama kiyyatti dhiibbaa gochuu mala."

Haata'u malee, gaggeessaan Raashiyaa kun "biyyoota Lixaa qoruu isaatiif gatii guddaa ta'e baasa" jechuun akeekkachiisan Baayian.

Raashiyaan Yukireen irratti waraana banuuf karoora hin qabu jechuun waakkataa jirtullee garuu humnoota ishee daangaa irratti cimsiteetti.

Raashiyaan daangaa Yukireen irraa loltoota 100,000 ta'u akka qabdus tilmaamaa jira.

Yaada Pirezidant Joo Baayidan ibsa gaazexaaf kennan hordofee gaaffii 'US hanga tokko daangaa Yukireen keessa akka seenamu ni hayyamtii' jedhu irratti Waayit Hawus boodarra ejjennoon US maal akka ta'e ifa godheera.

Ibsa Roobii galgala bahe keessatti Pirees Sekireetaariin Waayit Hawus Jeen Saakii akkas jette: "Humni waraanaa Raashiyaa kamiyyu daangaa Yukireen ce'ee argamnaan, akka weerara akka haaraatti banameetti ilaalama.

Waan ta'eefis, Yunaayitid Isteetiifi michoota keenyarraa deebii atattamaafi hamaa waloon kennemuufitu isaan eeggata."

Raashiyaan tasuma Yukireen NATOtti akka hin makamneefi humni waraanaa waloo kun sochii waraanaa inni taasisu biyyoota miseensa ta'an qofa keessatti akka aangeffamu gochuu dabalatee mootummoonni biyyoota Lixaa irraa waliigaltee qabatamaa ta'e tokkorra gahuu barbaaddi.

Gaaffiin Raashiyaan dhiyeessite kun fudhatama dhabuu isaarraa kan ka'een mariin warra Lixaafi Raashiyaa gidduutti torban darbe jalqabames bu'aa qabatamaa tokko malee hafeera.

Bara 2014 keessa mootummaan Yukireen michuu Raashiyaa ta'e aangoorraa kaafamuu hordofee kutaa bulchiinsa Yukireen kan turteefi galaanaan marfamte Kireemiyaan Raashiyaatiin fudhatamteetti.

Raashiyaan finciltoota gama baha Yukireen to'atan deeggaruun humnoota mootummaa waliin waraanni dhiiga dhangalaase gaggeeffameera.

Waraanni yeroo sana yoo xiqqaate lubbuu namoota 13,000 galafachuun namoota miliyoona lama akka qe'ee isaaniitti baqatan taasisee ture amma waraanni Raashiyaa ifatti gidduu-seenuu isaatiin deebiyee hammaachuu mala sodaa jedhu uumeera.

Putiin 'warra Lixaa qoruuf jira'

Joo Baayidan kaayyoo Putiin qabu ilaalchisuun yaada qaban gaafatamanii akkas jedhan: "Warra Lixaa qoruu malaa? Qormaata salphaa hin taane Yunaayitd Isteetiifi NATO irraan geessisuu danda'aa? Eyyeen, ni geessisa jedheen yaada garuu gocha isaa kanaatiif gatii guddaa baasa jedheen yaada."

"Tarkaanfii yoo kan fudhatu ta'e qoqqobbii ani irra kaa'uudhaaf jiru kan kanaan dura argee hin beekne ta'a," kan jedhan Baayidan, sadrakaan sirriin tarkaanfii fuhatamuuf jiruus sochii Raashiyaan taasifterratti akka hundaa'u himan.

"Vilaadmiir Putiin waraana nukilaraa guutuu gaggeessuurratti akka hin qaqqabne ni hubata jedheen abdadha; adunyaa irratti olaantummaa qabaachuu (dhuunfachuuf) sadarkaa gaarii ta'erras hin jiru. Kanaaf, sana yaada jedhee ani hin yaadu, garuu ammoo yaddoodha."

Baayidan akka jedhanitti, US yoomiyyu Raashiyaa waliin mariyachuudhaaf karri ishee banaadha; Mr Putiin waliin mariyachuunis ammallee "waan anda'amudha".