MSF hojjettoonni isaa Tigraay keessatti ajjeefamaniif qaamni itti gaafatame hin jiru jedhe

Madda suuraa, MSF
Hojjeettoonni gargaarsa namoomaa MSF sadi erga ajjeefamanii baatilee jahaa ta'us hanga ammaa qaamni itti gaafatame akka hin jirree fi ajjeechaan isaaniis ifa akka hin godhamne dhaabbatichi komate.
Dhaabbatni hakiimoota daangaa maleeyyii (MSF) akka jedhutti hojjettoonni isaa sadi Maariyaa Hernaandeez, Yohaannis Halefoom fi Teediroos Gebremaariyaam Waxabajjii 24, 2021 hojii gargaarsa namoomaaf imalaa osoo jiranii dhabaman.
Bariitu Waxabajjii 25 reeffi isaanii fi konkolaataan ittiin imalaa turan argamuu dhaabbatichi ibsa Kamisa baaseen beeksiseera.
Baatilee jaha darbaniif MSF ajjeechaa isaanii ilaalchisee mootummaa Itoophiyaa fi TPLF waliin marii gochaa akka ture kan hime dhaabbatichi, ragaalee maddeen gara garaa irraa argate xiinxaluun akkaataa ajjeechaa isaanii raawwate hubachuuf yaalii gochuu himeera.
Akkamiin ajjeefaman?
Hojjettoonni sadan Waxabajjii 24 bara 2021 namoota waraana keessatti madoo ta'an barbaacha gara Kibba Abii Addii imalaa akka turan hima.
Sana dura lola Kibba Abii Addii iddoo Sho'ate Igguum jedhamutti taasifameen namoonni hedduun madaa'anii jiraachuu gareen MSF Abii Addii jiru odeeffannoo argatee ture.
Garas imala eegalanii sa'aatii tokko erga deemanii booda konkolaataan isaanii dhaabsifamuu fi booda reeffi isaanii konkolaataa isaaniirraa tilmaamaan meetiraa 100-400 fagaatee akka argame dhaabbatichi himeera.
Reeffa hojjettoota sadaniirraa hubachuun akka danda'ametti hojjettooni kunneen kallattiin itti dhukaafamee ajjeefamani jedhe.
Konkolaataan mallattoo MSF ofirraa qabuu ittiin imalaa turanis rasaasaan uratee, abiddaanis gubachuu ibseera.
Ajjeechaa kana eenyu akka raawwate garuu dhaabbatichi waan jedhe hin qabu.
Ajjeechaan hojjettoota isaa sadanii akka qoratamu mootummaa Itoophiyaa fi TPLF waliin marii adda addaa godhus, hanga ammaa bu'aan qorannoo ifa godhame hin jiru jedhe.
Bakka ajjeechaan kun itti raawwatee fi yeroo ajjeechaan kun raawwate humnoonni isaanii achi akka turan adda baafachuuf mootummaa Itoophiyaa fi TPLF gaafatus deebii akka hin argatiinis dabalee himeera.
Itoophiyaa keessatti hojjettoota isaarra doorsifni jabaa fi hidhaan akkasumas miidhaan irra gahaa akka ture kan hime dhaabbatichi ibsawwan kennaman nageenya hojjettoota isaarratti kallattiin rakkoo kan uumu ta'uus beeksiseera.
Ajjeechaa Waxabajjii bara darbee keessa hojjettoota isaarratti raawwatame hordofee magaalota Abii Addii, Aksuum fi Addigiraat keessatti sochii kan dhaabe MSF, baatii tokko booda sochiin isaa mootummaan ugguramee ture.
Uggurri kun baatilee sadi booda Onkoloolessa darbe kaafamullee dhaabbatichi sababa rakkoo nageenyaa fi boodas labsii yeroo muddamaaf jecha sochii gargaarsa namoomaa itti fufu akka hin dandeenye hime.
Haata'u malee naannoo Affaar fi Ummattoota Kibbaa keessatti deeggarsa fayyaa kennaa akka jiruu fi naannolee Amaaraa, Gaambeellaa fi Somaalii keessatti ammoo meeshaalee fayyaa dhiyeessaa akka jiru beeksiseera.
Waraana Kaaba Itoophiyaa waggaa tokko oliif adeemaa jiru keessatti dhaabbileen gargaarsaa humnoota finciltootaa gargaaru jedhamuun mootummaan irra deddeebiin qeeqamaa turan.
Dhaabbileen gargaarsaa adda addaa waraana kana keessatti hojjettoonni isaani jalaa ajjeefamuus himaa turan.
Waraana kanaan namoonni kumaatamaan lakkaa'aman yoo ajjeefaman miliyoonaan kan lakkaa'aman qe'eerraa buqqa'anii jiru.
Humnoonni TPLF naannolee Amaaraa fi Affaar qabatanii turan gadi dhiisanii bahuu fi mootummaan federaalaa humnoonni isaa daangaa naannoo Tigraay seenee akka hin lolle himuu hordofee waraanni waan qabbanaa'e fakkaata.
Haata'u malee haleellaa qilleensarraa mootummaan raawwachaa jiruun bakka adda addaatti namoonni nagaan ajjeefamaa jiraachuu TPLF ni komata.














