Waraana Tigraay: MSF hojii naannolee gara garaa keessatti hojjetu adaan kutuu beeksise

Madda suuraa, AFP
Dhaabbanni Mediisin Saan Firoontiyeers (MSF) dhorka irra kaa’amerraa kan ka’een kutaalee Itoophiyyaa gara garaa keessatti hojiiwwan hojjetu addaan kutuu beeksise.
Dhaabbanni Tola-ooltummaa ibsa baaseen akka jedhetti, dhorkaa ji’a sadiif Ejensii Dhaabbileen Waldaa Hawaasaa Itoophiyaatiin irra kaa’amee kabajuun hojii isaa naannoo Amaaraa, Gambeellaa, Somaalee, Kibbaafi Kaaba-lixa Tigraay keessatti hojjechaa jiru dhaabeera.
Dhaabbatichi bakkeewwan eeraman keessatti hojiisaa addaan kutuyyu, “Finfinnee, Oromiyaa, Gujii, naannoo Kibbaafi kibba-baha Tigraay keessatti tajaajila fayyaafi gargarsa namoomaa kennu itti fufa,” jedheera.
Erga ajajni dhorkaa kennamee booda qorannoon taasifamu hanga dhumutti hojii fayyaafi gargaarsa namoomaa dabalatee hojii hunda ji’oota sadiitiif akka addaan kutu beeksiseera.
Haala kanaan MSF kilinikoota qabu keessatti namoota wallaanamaa turan beeksisa yeroo gabaabaatiin akka bahan ta’uuniifi hojjetoonni Itoophiyaa kuma tokko ta’an mana isaanii ta’anii akka eeggatan, akkasumas hojjetoonni lammileen biyya alaa hunda jechuun danda’amu ammoo akka bahan taasifamuu eeree jira.
Dhaabbatichi akka jedhetti, hojii fayyaafi gargaarsa namoomaa kennu akka dhaabuuf kan ajajamee biyyattii keessa fedhiin gargaarsa namoomaa gara garaa ol-aanaa ta’e yeroo jiru keessatti ta’uu isaa ibseera.
MSF bakka hojii isaa hojjechuu dhaabe Lixaafi Kaaba-lixa Tigraay keessa haalli jiru ummatichaafis ta’e hojjetoota gargaarsaatiif baay’ee hamaafi kan jijjiiramudha jechuun ibseera.
Naannolee Somaaleefi Amaaraatti namoonni rakkoolee gara garaatiif saaxilaman, akkasumas haalli baqattoota Sudaan Kibbaa Gambeellaa keessatti argamanii akka isa yaadessu dhaabbanni kun ibsa isaa kana keessatti eeree jira.MSF dhimmi hojjetoota isaa ji’a sadii dura Tigraay keessatti ajjeefamanii hanga ammaa qaamni itti gaafatama fudhateefi wanti ifa ta’e akka hin jirreefi qaamoleen ilaallatu waliin qorannoo gaggeeffamaa jiru itti fufee hordofaa jiraachuu ibseera.
Dhaabbatichi ajjeefamuu hojjetoota isaa hordofee naannoo Tigraay keessatti hojiiwwan godinaalee giddu-galeessaafi Bahaa keessatti hojjechaa ture addaan kutuun isaa ni yaadatama.
MSF Itoophiyaa keessatti waggoota 37f mootummaa Itoophiyaafi bulchiinsota naannolee waliin ta’uudhaan namoota miliyoonaan lakkaa’aman karaa walaba taheefi namummaa qabuun deeggarsa fayyaa kennuu turuu isaa eereera.
Dhaabbatichi tajaajila namoomaa kennuuf itti fufuuf fedhii akka qabu ibsee, kanaaf ammoo dhorkaan irra kaa’ame ka’ee hojii isaa itti fufuuf qaamoleen mootummaa dhimmi ilaallatu waliin marii gaggeessaa jiraachuus himeera.
Ejensiin Dhaabbileen Waldaa Hawaasaa Itoophiyaa biyyattii keessatti hojjechaa kan jiran dhaabbileen gargaarsaa sadii dhorkuun isaa ni yaadatama.
Kanumaan, Gareen Hakiimotaa Daanga-maleeyyii Noorway, Noorweejiyaan Refiyuujii Kaawunsil, akkasumas Al Maktum Faaqundeeshin ji’a sadiitiif dhorkaan irra kaa’amee beeksisanii turan.
Ejensiin Dhaabileen Waldaa Hawaasaa dhaabbileen gargaarsaa biyya alaa sadanuu hayyama mootummaan kenneefiin hojiiwwan namoomaa gara garaa irratti bobba’anii hojjechaa turuu isaanii yaadachuun, hordoffii Ejensichi taasisuun dhaabbileen gargaarsaa kun kaayyoo hundeeffamaniifiif=n ala socho’aa osoo jiranii argamuun akka dhorkaan irra kaa’amu taasiseera jedha.
















