Waraana Tigraay: Hojjettoonni isaa sadii kan ajjeefaman MSF Tigraay bakka hedduutti hojii adda kute

Alaabaa dhaabbata MSF

Madda suuraa, MSF

Waxabajjii 24, bara 2021 hojjattoonni gargaarsaa sadii Tigraay keessatti ajjeefamuu hordofee jaarmiyaan ‘Doctors Without Borders (MSF) qorannoon atattamaa akka gaggeeffamu gaafate.

Itti dabaluun hojjattoonni gargaarsaa nageenyi isaanii eegamee akka hojjatan jaarmiyaan kun cimsee gaafateera.

Hojjattoonni gargaarsaa isaa ajjeefamuu hordofee MSF hojii Tigaay iddoowwan akka Abi Addi, Addigiraatifi Aksum, giddugaleessaafi baha Tigraayitti dalagu yeroof addaan kutuu beeksiseera.

Jaarmiyaan kun akka jedhutti gartuun gargaarsaa MSF kutaalee Tigiraay biroo keessa jiran garuu ofeggannoon gargaarsa dhiyeessuu itti fufu jedhee ibse.

Daarektarri hojii gargaarsaa MSF Teresa Sansiristovaal ajjeechaan hojjattoota gargaarsaa sadiirra qaqqabe akka qoratamu gaafatan.

''Waayillan keenya erga ajjeefamanii torban lamatti dhiyaateera, qaamni kamuu ittigaafatamummaa hin fudhanne, haalli du’asaanii ammas ifa hin taane,'' jedhan.

Sansiristovaal qorannoon atattamaa gartuulee dhimmichi ilaallatuun akka qoratamu maaltu du’a isaaniif ka’umsa akka ta’e mirkaneeffachuufi bifa itti gaafatamummaa hordofsiisuun qoratamuu akka qabu kaasan.

''Yeroo rakkisaa kanatti murtoo jabduu garuu barbaachisaa ta’e kanaan hojii kutaalee Tigiraay bakka hedduu keessatti qabnu yeroof dhiisuuf murteessineeerra,’’ jedhan.

Miseensonni gartuu MSF sadan ajjeefaman uffata namoota kaanirraa adda isaan baasu uffatanii turan, konkolaataa mallattoo MSF ta’u ibsuun imalaa turan jedhe.

Hojjattoonni kunneen Guraandhala bara 2021 irraa kaasuun naannicha hojjataa akka turan eeraniiru.

Hojjettootni MSF damee Baha Afrikaa waahillan isaanii sadii torban lama dura Tigraay keessatti ajjeefaman Maariyaa Hernaandeez, Teediroos Halefoomiifi Yohaannis Gabramaariyaamin gadda isaanii ibsaniiru.

Hojettoota MSF damee baha Afrikaa gadda ibsatan

Madda suuraa, MSF damee Baha Afrikaa

Naannichatti hojii wal’aansaafi gargarsa namoomaarratti akkaataa seerri gargaarsa namoomaa idil-addunyaa eeyyamuun, akkasumas gartuulee hundaan irratti waliigalametti hojjataa turan jette.

''Waayillan keenya Maariyaa, Teediroos fi Yohaannis ajjeefamuun waraana sana keessatti lubbuu namaaf guutummaatti xiyyeeffannoon akka hin kennamne agarsiisuuf fakkeenya gaariidha,'' jedhan Sansiristovaal.

Sansiristovaal itti dabaluun ''sadarkaan miidhaa namoota nagaarra qaqqabuu fi yakki garajabinaa Tigiraayitti dalagame guutummaatti suukanneessadha'' jedhan.

Erga waraanni Sadaasa bara 2020 naannicha keessatti eegalame ogeeyyii fayyaafi hojjattoota gargaarsaarratti kallattin qiyyafatamuullee itti dabalanii ibsan.

Naannichatti dhaabbileen fayyaa fi ambulaansonni akka saamamaa turan ykn akka mancaafaman ykn kaayyoo waraanaaf oolfaman MSF ibseera.

Jaarmiyichi hojjattoonni isaa akka doorsifamaniifi reebaman, kanarra darbees dhaabbilee fayyaa MSF deeggaru hidhattoonni seenanii sakatta’uu himata.

MSF dabalatee, dhaabbileen gargaarsaa irra deddeebiin hojiinsaanii akka gadi qabamee ilaalamu taasifamuufi akka ija shakkiin ilaalamu taasifamuu ibse. Kanarraa ka’uun nageenyi gartuu dhaabbatichaa bakkicha turanii balaarra bu’e akka ture jaarmiyaan kun yaadachiiseera.

Yoo MSF fi dhaabbileen gargaarsaa Tigiraayi fi kutaalee Itoophiyaa biroo keessa akka hojjatan kan eeyyamamuuf ta’e, qaamni marti lola keessatti qooda qaban hojiin isaanii akka hin gufanne wabii ta’u mirkaneeffachuu qabna jedhan Sansiristovaal.

''Qaamoleen lola keessatti qooda qaban ajjeechaa akka waayillan keenyarratti qaqqabee kana fakkaatu akka deebi’ee hin raawwatamne nuuf mirkaneessuu qabu,'' jedhan.

Dhimmi nageenyummaa isaanii hojjattoonni fayyaafi gargaarsaa hojiisaanii akka hojjataniif dhimma ijoo ta’uu kaasan.

Dhaabbileen namoomaa deeggarsa loogii tokko malee of danda’anii namoota deeggarsa barbaadaniif kennuu qabu jette.

Gargaarsi MSF kutaaalee Tigraay keessatti kennu yeroof addaan kute uummata Abi Addii, Addigiraat, Aksum fi giddugaleessa Tigiraay jiraatan irratti dhiibbaa akka qabaatu eeran.

Dhaabbatichi namoota 9,400 ol ta’an wal’aanuu ibse.