YouTuberoonni addunyaarratti dolaara milioona hedduu argatan kudhan isaan kamidha?

Madda suuraa, MrBeast/Youtube
Barruun Ameerikaa Biizinasii Foorbiis jedhamu bara 2021 keessa YouTuberoota maallaqa guddaa argatan ifa godheera.
Maqaan isaa Jiimii Doonaald Siin ta'ullee, hordoftoonni isaa garuu maqaa 'Mister Biist' jedhuun isa beeku.
Mister Biist umuriin isaa waggaa 23 yoo ta'u, daa'ima duroomedha.
Viidiyoowwan inni YouTube irratti fe'e walumatti si'a biliyoona kudhanii ol kan daawwataman yoo ta'an, kanarraa ammoo maallaqa dolaara miliyoona 54 ol argachuu danda'eera. Dolaarri kun ammoo jijjiirraa yeroo ammaa kanaan birrii biliyoona sadiitti siqudha.
Mister Biist daa'ima waggaa 13n isaa gadi ta'eefi umuriin isaa waggaa 10 kan rokkoordii galii YouTube waggoota lamaaf qabatee ture Raayaan Kaaj cabseera.
Dureessi daa'ima waggaa 10 kan ta'e Raayaan Kaaj waggoota lamaan darban keessa YouTube irraa galii guddaa sassaabbachuun kan isatti qixxaatu hin turre - amma garuu Mister Biist isa caalee argameera.
Akka tilmaama Foorbiisitti, bara 2021 keessa YouTuberoonni gurguddoo kudhan walumaagalatti galii dolaaa miliyoona 300 kan argatan yoo ta'u, gara birriitti yoo deebiyu gara birrii Itoopiyaa biliyoona 15 argataniiru jechuudha. Galiin kun galii waggaa biyyoota baayyee dachaankan caalu ykn kan ittiin qixxaatu ta'a.
Namni buunyaafi YouTuberaan bekamu Jeek Bool jedhamu ammoo sadarkaa lameessoo qabateera.
Tarreeffamni namoota bara 2021 keessa YouTuberoota galii ol-aanaa argatanii ogeessotallee kan ajaa'ibe ta'eera. Sababiin isaa ammoo kan waggoota darbanirraa adda ta'een dhiironniifi namoonni adiin kan keessatti baayyatan ta'uu isaati.

Madda suuraa, Getty Images
Weerarri koronaavaayirasii idustirii bashannanaa hedduu miidheera. YouTubef ammoo faallaadha. Miidiyaan hawaasummaa kun gabaan isaa hedduu kan ho'eef erga weerarri dhibee kanaa qaqqabeen booadha.
Bara 2021 keessa fayyadamtoonni YouTube biliyoona 2.3 qaqqabeeraaf. Kun ammoo baayyina ummata addunyaa harka dhibba keessaa 30 jechuudha. Fayyadamtoonni guutummaa addunyaarra jiran walumaagalatti guyyaatti viidiyoo sa'aatii biliyoona tokko turu daawwatu.
YouTuberoonni addunyaarratti galii guddaa argatan kudhan isaan kamidha?
10. Pirestiin Hermeent
Pireestiin Hermeent viidiyoowwan tapha irratti xiyyeeffatan 'Maayinkiraaft' jedhamu baayyinaan hojjetullee qabiyyeewwan biroos ni gadhiisa.
Tarreeffama sadarkaa kana keessatti kurnaffaarra kan taa'e yoo ta'u, bara 2021 keessa tilmaamaan dolaara miliyoona 16 argateera. Galiin isaa kan bara darbeewaliin yeroo ilaalamu kan gadi bu'e yoo ta'u, bara darbe sadarkaa ja'affaarra taa'ee ture.
9. Logaan Pool
Logaan Pool nama buunyaa falmisiisaa ta'eefi oolmaa fuyyaa isaa viidiyootiin kan daawwachiisudha. Bara 2017 keessa sadarka kurnaffaarra taa'ee kan ture yoo ta'u, bara 2021 ammoo maallaqa YouTube irraa dolaara miliyoona 18 argachuun saglaffaarratti tarreeffameera.
8. Duudii Perfekt
Piraankiiwwan nama kofalchiisan kan hojjetu Duudii Perfekt, tarreeffama sadarkaa kana bara 2020 keessatti sadarkaa sadaffaarra ture. Bara 2021 keessa garuu galii dolaara miliyoona 20 argachuun sadarkaa saddetteffaa irratti argameera.

Madda suuraa, YouTube/Ryan's World
7. Riyaan Kaaj
Addunyaarratti YouTubera beekamaa kan ta'e daa'imni waggaa 10 Riyaan Kaaj sadarkaa tokkoffaa waggoota lamaan darban qabatee ture gadhiisuun gara sadarkaa torbaffaatti gadi bu'eera.
Bara 2021 keessa kan ittiin beekamu ergaa wantota aa'imman ittiin taphatanitti dabalataan viidiyoowwan barsiisoo ta'aniifi qabiyyee dhimma maatii qaban hojjechuun dolaara miliyoona 27 walitti qabateera.
6. Naastiyaa
Daa'ima umuriin ishee waggaa torbaa lammii Raashiyaa taatee Naastiyaan hordoftoota miliyoona 90 ta'an qabdi.
Naastiyaan YouTube kan jalqabde meeshaalee ijoolleen ittiin taphatan daawwattoota duratti banuutiin ture. Amma garuu viidiyoowwan muuziqaa dablatee kan isheen hojjettu hedduu jaallatamaa dhufanii bara 2021 keessa maalla dolaara miliyoona 28 argachuu andeesseetti.

Madda suuraa, Nastya/YouTube
5. Inispiikebil
Tarree namoota kaffalataa gurguaa argatan keessa akka haaraatti kan gale Inispiikebil, taphawwan 'Maayinkiraaft' jehaman YouTube irratti waggoota kuhaniif dhiyeessaa tureera.
Waliigalee inni biizinasii ispoortii tokko waliin taasise galiin isaa akka gara dolaara miliyoona 28.5tti gudattuuf gumaacheeraaf.
4. Reheet endi Liink
Sagantaawwan marii YouTube irratti arban kan qopheessu yoo ta'u, bara 2021 keessa dolaara miliyoona 30 argateera.
3. Maarkipilar
Kan tapha ykn Geemii gabbisu yoo ta'u, maqaa isaa Maarkipilar jedhamu fayyadamuun mallattoo dalalaa milkaa'aa ta'e taasiseera. Bara 2021 arbe kana keessa YouTube irraa galii dolaara miliyoona 38 argachuun sadarkaa sadaffaa qabateera.
2. Jaak Pool
Nama buunyaa kan ta'e Jaak Pool, YouTube irratti hojii hojjetuun galiin isaa sadarkaa lamaffaarra kan jiru yoo ta'u, dorgommiiwwan inni namoota buunyaa bebbeekamoo ta'an waliin taasise hordoftoonni idaa akka baayyataniif isa gargareera. Jaak Pool maallaqa dolaara miliyoona 45 argachuun saarkaa lamaffaa qabateera.
1. Mister Biist
Galii YouTube irraa argatuun sadarkaa tokkoffaarra kan jiru yoo ta'u, daawwattoota isaa gammachiisuudhaaf jecha sagantaawwaniifi taphawwan gara garaa fayyadama.
YouTube irratti daawwattoota biliyoona 10 kan argate yoo ta'u, galii dolaara miliyoona 54 argachuu danda'eera.
















