Poolisiin Niijer konkolaataa kantiibaa keessatti kokeenii kiiloo 200 qabe

Poolisiin Niijer konkolaataa kantiibaa keessatti kokeenii kiiloo 200 qabe

Madda suuraa, Getty Images

Kaaba Niijeritti erga konkolaataa isaa keessatti qorrichi sammuu hadoochu – kokeenii- kg200 ol argamee booda poolisiin bulchaa naannichaa fi konkolaachisaa isaa to’annoo jala oolcheera.

Shakkamtoonni lamaan, kan maqaan isaanii hin ibsamne, kokeenii kana erga Maalii irraa gara biyyatti dhoksaan seenee booda, gara Liibiyaatti geessaa turani jedhameera.

Dhaabbati to’annoo qoricha sammuu hadoochuu Niijer, biyyattii Lixa Afrikaa kana keessattti kokeeniin hammi kun yeroo to’atamu kun kan jalqabaati jedheera.

Naannichatti qoricha sammuu hadoochu seeraan ala daddabarsuu fi poolisiin to’annoo jala ooluun baay'ee baramaa jira.

Wajjirri Gidduu galeessaa Daddabarsa Qoricha Sammuu Hadochuu Niijeer (OCRTIS) Roobii akka jedhetti, poolisiin kokeeniin hedduun naannoo sana keessa gara Liibiyaatti geessamuuf akka jiru odeeffannoo argatee hordofaa ture.

“Qorannoon kanaan Amajjii 2 irratti kokeenii kg 214 ta’u, konkolataa wajjira bulchaa Fachii keessatti argameera,” jechuun dubbii himtuun OCRTIS Nana Achatoo Odmaan Bako himaniiru.

Konkolaataan kun Fachii keessaa ba’ee gara Liibiyaa magaalaa Dirkawuu utuu imalaa jiruu Dilbata dhaabsifame.

Kokeeniin hangi kun yeroo to’annoo jala oolu biyya keenya keessatti kun yeroo jalqabaadha,” jedhan Aadde Bakoo. Dabaluuni kokeeniin kun gara Awurooppaatti geessamaa akka tureefi, achittis gatii doolara miiliyoona 19 ta’u akka baasuu danda’u hmaniiru.

Bulchaan kaawuntichaa fi konkolaachisaa qorannoof to’annoo jala oolanii gara magaalaa guddiitti Naayimeetti geeffamaniiru.

Fachiin magaalaa gammoojjii Teneree keessatti kan argamu yoo ta’u, bakka daldalaa ashaboo fi deetii ta’uun beekama.

Naannichi wantoota adda addaa karaa seeraan alaan daddabarsuuf fayyadamama- akka qoricha sammuu hadoochuu Ameerikaa Kibbaa fi Awurooppaatti geessuu akkasumas godaantoota karaa seeraan alaan daddabarsuu.