Dubartiin Faransaay reeffa sanduuqa keessaa faaya mormaafi kaan hatan to'annoo jala oolan

Madda suuraa, Robert Hoetink/Getty Images
Maatiin Kaaba Faransaay jiraatan osoo gaddarra jiranii dubartii hin beekne tokko argu. Nama warra du'aa dhufedha jedhanii cal'isaniiru. Waan biraa hin yaadne.
Dubartiin umriin isaanii ganna 60 keessa ta'an kuni hiriyyaa dubartii du'an akka ta'an warra gaddarra jiranitti himan. Sababa kanaaf isaaniis sanduuqa reeffaa banaa taa'e bira gadda isaanii akka ibsatan itti dhiisan.
Haa ta'u malee, boodarra yoo deebi'anii dhufan faayi garaa garaa: faaya mormaa, qubeelaa akkasumas faayi gurraa dubartii duuterraa fudhatamuu miidiyaan Faransaay gabaaseera.
Yoona kana maatiin poolisii waaman. Poolisiin yeroosuma qoratee shakkamtuu adda baase.
Dubartiin badii kanaan shakkaman magaalaa Liévin achuma mana dubartii duuterraa osoo baay'ee hin fagaatin jiraatu.
Poolisiin erga isaan hidhe booda faaya fudhatame mana isaanii keessaa argateera.
Garuu kana qofaa hin turre. Hanna boorsaa kiisii nama ga'eessa tokkoo kan gaafas warra gaddaa turerraa bades dubartiin kuni raawwachuu akka hin oolle bira gahan.
Egaa kuni kan ta'e torbanuma kana gaafa Kibxataa ture.
Yeroo poolisiin mana dubartii kanaa qoratu waraqaa gaddaa namoota hedduu sirnaan kaa'ame argate.
Waraqaa kanneenirra koodiiin mana reeffi kuni keessa kaa'amuufi warri gadda ibsachuu dhaqan koodicha galchanii seenan ni jira.
Dubartiin kuni bara 2022 keessa mana murtiitti dhihaatu jedheera poolisiin.














