Waraana Kaaba Itoophiyaa: Jeefrii Feeltimaan anga'oota olaanoo dubbisuuf Kamisa Itoophiyaatti imaluufi

Gaanfaa Afrikaatti ergamaan addaa US, Jefrii Feltimaan, Kamisa Itoophiyaatti imaluun waa’ee waraana wal-waliinii adeema jiru irratti aanga'oota olaanoo waliin akka mari’atu ibsame.

Ministeerri haaja alaa US akka jedhetti, Feltimaan “dhimma nagaa waaraa buusuu irratti angaa’ota olaanoo waliin ni mari’ata.”

Finciltoonni Tigraay naannolee Amaaraa fi Affaar qabatanii turan gadi dhiisuun gara daangaa Tigraayitti deebi'uu yoo himan, mootummaan garuu injifannoo waraanaa argateen naannolee kanneen gadi dhiisisuu hima.

Mootummaan Itoophiyaa loltoonni isaa, finciltoota duuka bu'uun daangaa naannoo Tigraay seenanii akka hin lolle beeksiseera.

“Kun qaamooleen lamaan lola dhaabani gara waltajjii mariitti akka deebi’aniif carraa uuma jennee yaadna,” jechuun dubbii himaan ministeera dhimma alaa US, Need Piraayis himeera.

Daawwannaan ergamaa addaa kun kan dhufe, erga US himata mirgoota namoomaa sarbuu jedhuun Itoophiyaa carraa daldalaa qaraxa irraa bilisaa AGOA keessaa haqxee booda.

Torban darbe dhimma waraana Itoophiyaa irratti ministirri haajaa alaa Ameerikaa Antonii Biliinkan bilbilaan pireezidantii Keeniyaa waliin mari'achuu beeksisanii turan.

Kana hordofuun Ministeerri Haajaa Alaa Itoophiyaa Ameerikaan dhimma Itoophiyaa irratti kallattiin mootummaa Itoophiyaa akka dubbistu gaafatee ture.

Waraana wagga tokko lakkoofsise kana dhaabsisuuf yaalii taasifamu irratti gargaarsa gochaa kan jiraniifi Pireezdaant Joo Baaydaniin kan muudaman Jefrii Feeltimaan, ji'oottan darban gara Itoophiyaa fi biyyootii ollaatti deddeebi'aa turuun isaanii ni yaadatama.Yeroo waraanichi hammaatee fi yeroo sochiin humnoota TPLF cimee turetti, Tarkii fi Yunaayitid Arab Emireets dabalatee gara Itoophiyaa, Keeniyaa, Sudaaniifi Masriitti kan imalaa turan Feltimaan, mootummaa fi finciltoonni mariif akka taa'an gochuuf yaalii taasisaa turaniiru.Dabalataanis Feeltimaan, anga'oota Gamtaa Afrikaa (AU) akkasumas, waraana kanaaf furmaata akka barbaadaniif ergamaa AU'n muudaman, pireezidantii duraanii Naayijeriyaa Olusegon Obasaanjoo waliinis marii taasisuun isaani kan yaadatamu ta'us, bu'aa qabatamaa kana jedhamu garuu hin argatiin hafaniiru.

Naannooleen to'annoo finciltootaa jala turan gadi dhiifamuu fi mootummaan daangaa naannoo Tigraay seenee akka hin lolle beeksisuu hordofee lolli waan qabbanaa'e fakkaatus, darbee darbee wal waraansi akka jiru gabaasaaleen ni mul'isu.

Waraana baatilee 14 lakkoofsise kanaan namoonni kumaatamaan lakkaa'aman yoo ajjeefaman, miliyoonaan kan lakkaa'aman qe'ee irraa buqqa'aniiru.

Namootni miliyoona 9.4 ta'an ammoo sababa waraana kanaatiin gargaarsa eeggachuuf dirqamuu UN beeksisee ture.