Waraana Itoophiyaa keessaa maaltu adda godha, akkamiin ammoo falli argamaaf?

Madda suuraa, Getty Images
Biyyoonni addunyaa hedduun yeroo gara garaatti keessoo isaaniitti seenaa wal-waraansaa keessa darban ni qabu.
Akka itti waraanni jalqabameefi sababiin ittiin jalqabamu, akkasumas sadarkaa miidhaa qaqqabsiisuufi toorri ittiin furmaata argatan addaa adda ta'uu malus amalli wal-waraansa wal-fakkeessu jiraachuu beektonni dhimma kanarratti qoratan ni himu.
Waraanni Itoophiyaa yeroo ammaa maaliin adda ta'a?
Walitti bu'insii yeroo ammaa Itoophiyaa keessatti dhalateefi miidhaa inni qaqqabsiise kan Itoophiyaa qofatti raawwate osoo hin taane addunyaarratti biyyoota gara garaa keessattis mudachuu himu Hayyuun Seera Idil-Adunyaa Obbo Baayisaa Waaq-wayyaa.
Kan Itoophiyaan keessa jirtu kana caalu hedduun biyyoota addunyaa gara garaa keessatti mudachuu isaa waggaa 30 oliif UN keessa yeroo dhimmoota nagaa irratti hojjetan taajjaban muuxannoo isaaniirraa himu.
Akka Yunivarsiitiin Noorwiichitti Sagantaan Seenaa Waraanaa qorateetti, Afrikaa keessatti jaarraa 20ffa keessa qofa wal-waraansi gurguddoo dhumaatii lubbuu namaa hedduu qaqqabsiisan, kufaatii dinagdee guddaafi mancaatii sirna fayyaafi barnootaa geessisan akka fakkeenyaatti ka'an baayyeedha.
Afrikaa Lixaa Wal-waraansa Naayjeeriyaa bara 1967tti hanga wal-waraansa Afrikaa Bahaa kan Somaaliyaa bara 1991'tti gaggeeffameen walitti bu'insawwan shan jaarraa 20ffaa keessa turan seenaa keessatti miidhaa hamaa geessisaniin akka yaadataman qorannoon Yunivarsiitiin Noorwiichitti gaggeeffamee kun ni mul'isa.
Wal-waraansawwan kamiyyu ka'umsi isaanii sababa garaa garaa ta'anis miidhaa hamaa lammilee nagaafi biyyarra geessisaniin wal fakkaatu jedhu Obbo Baayisaan.
"Tarii kan Itoophiyaatti yeroo ammaa kana mudate wanti adda godhu kan kanaan dura turerra, kan ummata hirmaachise (Izbaawwii) ta'uu isaati," jedhu hayyuun kun.
Bara Dargii keessa fakkeenyaaf lola Shaabiyaafi qaamoleen hidhatan biroo wal waraanaa turan malee sadarkaa ummataatti wal ajjeessuun hin turre kan jedhan Obbo Baayisaan, kan ammaa kun garuu ummata hirmaachisuu isaatiin addadha jedhu.
"Kan ammaa kan adda godhu qaamoleen hidhatanii wal lolan gidduutti kan taasifamu [qofa] osoo hin taane uummaticha hirmaachise. Ummatichi kallattiin waraanicha keessattis hirmaachuufi miidhamaa waraanichaa ta'uutiinis hirmateera."
Qamni hidhateefi leenji'ee waraanaaf bobba'e wal ajjeesuun kan eegamudha garuu, "kan amma kaaba Itoophiyaatti gaggeeffamaa jiru kana yaaddessaa kan taasise ammoo ummata hirmaachisu isaati," jedhu Obbo Baayisaan.
Mootummaan federaalaa yeroo ammaa kana TPLFn alattis Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) waliinis lolatti akka jiru kaasuun, lolli kun garuu ummata kan hirmaachisu miti; sababiin isaa garee hidhate lamaantu walolaa jira waan ta'eef jedhu.
Ameerikaa dabalatee biyyoonni lixaa akkasumas jaarmiyaaleen idil-addunyaa gara garaas jechoota aanga'oonni mootummaa fayyadamaniifi tarkaanfiiwwan fudhataman eeruun waraanni Itoophiyaa kun ummata hirmaachisuu mala jechuun yaaddoo qaban ibsachaa turaniiru.
Ta'us garuu waraana Itoophiyaatti deemaa jiru kana akka wal dhabdee adda ta'etti fudhatanii dhiyeessuunis sirrii miti jedhu Obbo Baayisaan. Sababiin isaa ammoo ka'umsiifi hangi miidhaa isaanii addaa adda haa ta'uyyuu malee kutaalee addunyaa gara garaatti walitti bu'insawwan wal fakkaatan ni gaggeeffamu jedhan.
Waraanni gama kaaba Itoophiyaan jiru garuu ummata kan hirmaachise, sababiinsaa meeshaa ammayyaa ta'e ykn kan qabu qabate uummatatu kan keessatti hirmaate.
Lola Kaaba Itoophiyaa kana humnoota gahumsaan leenji'aniifi hidhatanirra darbee uummata bal'aa akka hirmaachisu gochuuf mootummoonni naannolee Amaaraafi Tigraay yeroo gara garaatti waamicha taasisaa turaniiru.
Sadarkaa mootummaa federaalaattis Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad (PhD) humnoonni finciltootaa naannoo Amaaraa seenanii magaalota Daseefi Kombolchaa qabachuu isaanii hordofee akka duulaniif ummataaf waamicha dhiyeessuun isaanii ni yaadatama.
Waamicha saanii kanaanis MM Abiy lammileen Itoophiyaa hundi dhimma idilee isaanii yeroof tursiisanii, humnaafi meeshaa qabaniin gara adda waraanaa akka duulan gaafatan.
Kana malees Ministirrri Mummee Abiy adda waraanaatti bobba'uun, qaamaan Raayyaa Ittisa Biyyaa akka hogganan beeksisuun isaanii akka waraanichi caalaa uummata hirmaachisu taasiseera jedhama.
Murtee MM Abiy kan hordofee namoota bebbeekamoo kan akka artistootaa, atileetotaafi kanneen biroo balatee gara adda waraanaatti duulla jechuun uummata kakaasaa turaniiru.
'Badiinsii qaqqabuu kanuma biyya tokkooti'
Walitti bu'insa biyyoota gara garaa fakkeenyaa Afgaanistaan, Yugoozilaaziyaai, Miyaanmaar akkasumas biyyoota Afrikaa keessaa ammoo Koongoofi Buruundii keessatti kan ta'e arguu kan himan hayyuun seeraa kun, isaan kanneen kan amma Itoophiyaa keessatti ta'aa jiruu wal-tarree kaa'uun rakkisa ta'us, wantonno wal-fakkeessan garuu jiru jedhu.
"Walitti bu'insa walii waliinii wanti walfakkeessu bu'uura isaati. Ka'umsiifi furmaanni isaa addaa adda ta'uu danda'a. Garuu walitti bu'iinsi walii waliin siriidhumti isaa baayyee hamaadha."
Akka Obbo Baaysaan jedhanitti, osoo qaamaa alaa dhufeen kan wal waraanaan ta'ee, waraanichi yeroo dhaabbatuu haaloodhuma dureewwan biyyaa qofa ta'u danda'a.
"Walitti bu'insa walii waliinii keessatti garuu osoo har'a waliin taa'anii mari'atanii nagaan bu'eellee, gama lamaaniinu obbolaa gidduutti madaan uumamee, miidhaan lubbuufi qaabeenya qaqabee kanuma biyya tokkootti. Kan badu kan biyya diina ta'ee miti."
Muuxannoo biyyoota addunyaa wal-waraansa keessa darban ofiin beekan kaasuun, walitti bu'insa walii waliinii keessatti kan mo'atuufi kan mo'amu hin jiru jedhu.
"Hundumtuu tokkuma. Miidhaan isaa baayyisee guddaadha. Qabeenyaafi lubbuu namaa caalaa madaa inni dhaloota ittaanuutti dabarsu baayyisee hamaadha. Salphaatti kan fayyu miti. Bor waan waliin jiraannuuf, waliin jiraachuuf ammoo madaan kun hanga dhinutti yeroo fudhachuu danda'a."
Walitti bu'insa walii waliinii kana akkamiin dhaabsisuun danda'ama?
Walitti bu'insi walii waliinii takkaa jalqabee wal ajjeesuun dhalannaan dhaabuun isaa rakkisaa akka ta'e kan himan Obbo Baayinsaan, keessumaa ammoo aadaafi seenaan dhufaa darbaa Itoophiyaa kan 'inni tokko isa kaan balleessu malee' duuba hindeebine keessatti daran hamaadha jedhu.
Kanaafis fakkeenyaaf, Obbo Baayisaan seenaa Itoophiyaa keessaa wantoota bara moototaa (Zamana Masaaffinti), bara Fiwudaalaa mootiiwwan Atse Yohaannis, AtseTeworoos fi Ats Minlik II keessa turre ture yaadachuun ibsu.
''Kanaaf seenaadhaan nuti Itoophiyanoonni jilbiiffachiisuu qofa barbaadna. Kun ammoo mala jireenyaa ammayyaa waliin waan deemu natti hin fakkaatu akka dhuunfaa kiyyatti," jedhan.
Aadaadhuumaafi seenaa biyyattii kana irraa kan ka'ee, 'ani nan mari'adha' jechuun akka mo'amuutti kan lakkaa'amu ta'u ibsu.
Haata'u malee, "jaarraa kana keessa walin taa'anii mari'achuun mallattoo qaroominaati. Sababiin isaa ammoo warri kaan akka jiraataniif beekamtii waan ta'eef.
"…osoo tokko ka'ee TPLF waliin mariif yaa teenyu jedhee Itoophiyaanonni garri tokko kan jaallatan natti hin fakkaatu. Kun sirriidha jechuu kiyya miti. Balleessaan gaaffii birooti. Waliin taa'anii dubbachuun garuu mallattoo qaroomnaati."
Namoonni balleesan fi Heera mootummaa cabsan yoo jiraatan akka seeraatti adabuun qaama furmaataa ta'u kaasu Obbo Baayisaan.
Akkasumas gama lamaaniinuu seera namoomaa idil-addunyaa kan cabsan yoo jiraate seeraan gaafatamu qabu jedhan.
"Qaamni har'a balleessaa raawwatu seerratti yoo hin dhiyyeeffamne, dhaloonni ittaanu kanarraa hin baratu. Mootummaan tarkaanfii cimaa fudhatee warra balleessaa qaban ifatti adabuu baannaan, balleessichi ittuma fufa. Kan balleesse haalduree tokko malee adabamuu qaba," jechuun barbaachisummaa qaamni balleessaa raawwate tokkoo seeratti dhiyyeessun qabaatu cimsanii dubbatan Obbo Baayisaan.
'Yakkamaanis, qulqulluunis, lamaamuu lamiidhuma Itoophiyaati'
Hayyuun seeraa Obbo Baayisaan dhimmi biraa isaan akka falaatti eeran, 'ilaalaalcha tokko kaan caalaa akka lammii Itoophiyaa ta'etti fudhachuu' sirreeffamu qabaata jedhu.
Itoophiyaa keessatti eenyuyyu eenyuun ol lammii Itoophiyaa ta'uu hin danda'u jedhu Obbo Baayisaan.
"Inni yakkamaanis, qulqulluunis, hamaanis, kan balleessaa qabus, lammii Itoophiyaa ta'uu isaatiin tokkuma, mirga walqixa ta'es qaba."
''Isa yakka hojjeteefi yakka hin hojjatiin jedhamee adda baafama malee, sadarkaa lammii Itoophiyaa ta'uutiin eenyumtuu eenyuun ol kan lammii Itoophiyaa ta'e hin jiru, hin jiraatus jechuun'' ilaalchi akkasii kun bu'uura irraa sirreeffamuu akka qabu dhaaman hayyuun seeraa kun.
















