Siyaasa Itoophiyaa: 'Qawwee qawweedhaan osoo hin taane marii siyaasaa hunda hammateen cabsu'-ABO

Madda suuraa, UNPO
Addi Bilisummaa Oromoo(ABO) haalli nageenyaa Itoophiyaa sadarkaa akkaan yaaddessaarra waan ga'eef mariin hunda hammate akka gaggeeffamu ibsa kaleessa (Ebla 28, 2021) baaseen gaafateera.
Dhaabichi mariin hunda hammataan qaamolee siyaasaa hunda walitti fidu akka gaggeeffamu namoonni siyaasaa hidhaa jiranis akka hiikaman, darbees ammoo mootummaan xiyyeeffannoo filannoorratti kenne caala nageenya biyyaaf dursa akka kennu gaafateera.
Gorsaa Olaanaa Hayyu Duree ABO kan ta'an Dr Shuggux Galataa haalli biyyaa daranuu yaaddessaa ta'aa waan dhufeef teenyee ilaaluun nutti ulfaannaan waan yaada furmaataati jennee yaadnu keenye jedhan.
''Dhabamuu tasgabbii biyyattii keessatti mudaturraa yaaddoo qabutu akka ibsa kana baasu isa godhe.''
ABOn kanaan duras yeroo garagaraatti haala nageenyaafi siyaasa biyyattiirratti ibsa baasaa tureera kan jedhan Dr Shiggux ammas rakkoon itti caalaa waan deemeef ibsa baasne jedhan.
''Addi Bilisummaa Oromoo dhibdee siyaasaa biyyattii goolaa jiruuf furmaanni hunda galeessa, kan hunda hammaate fiduudhaaf gaafataa, ifaajaa ture.
Addi Bilisummaa Oromoo kanaan duras ibsa qabiyyee walfakkaataa qabu baasaa ture, garuu ammas haalli jiru waan isa yaaddesseef baasuuf dirqameera.''
''Rakkoon nageenyaa mudate furmaata argataa hin jiru, inumaa itti cimeera. Kunimmoo mootummichumaafuu yaaddoo ta'eera, kanarraa kan ka'e mootummichi ibsa sadi walitti aansee baaseera. Ibsi yaadda'uu mootummaa calaqqisiisu kan qaamolee nageenyaa, tika biyyaalessaa fi waajjira ministira muummeetii ba'aa turan rakkoon hammaataa deemu akeeku.''
Haala Itoophiyaa keessa jirurratti yaadi mootummoota addunyaarraa kennamaa jirus akka ejjennoo dhaabasaanii ibsaniif ka'umsa ta'uu himan.
''Ibsi mootummoonni addunyaa garaagaraa kanneen akka UN, US fi Gamtaa Awurooppaa yaaddoo gaanfa Afriikaa irraa qabirraa ka'uun babbaasanis yaaddoo keenya daran dabaleera. Nuti ammoo keessa teenyee waan ijaan arginuuf baay'ee nu yaaddessee jennaan ibsa baasne.''
''Fakkeenyaaf kan naannoo Tigraay, kan Naannoo Amaaraa Kaaba Shawaa fi Godina Addaa Saba Oromoo, kan Qimaant, Kan Beenishaangul Gumuz, kan Kibbaa naannawa Ammaarroo magaalaa Sagan, kan Somaalee fi Affaar, kan Oromoo fi Amaara giduutti ta'aa jiru kun hundinuu waan teenyee ilaallu ta'ee nutti mul'achuu dide.''
Haalli buqqaatii lammiilee fi walitti bu'iinsi daangaa Sudaanii fi Itoophiyaa akkasuma haala Itoophiyaa fi Masriin itti jiran daran daran isaan yaaddessuu dubbatan.
Oromiyaa keessatti bakki hedduun to'annoo poolisii jala jira kan jedhan Dr Shiggux, ''duraan Godinaalee torbatu bulchiinsa komaandpostii jala turan, amma ammoo guutummaatti humna waraanaan bulaa jirti,'' jedhan.
''Rakkoon Gaanfa Afriikaa mudachaa jiru nu yaaddessa''
Rakkoon gaanfa Afriikaas daafoonsaa boodarra nu hin hanqatu kan jedhan, Dr Shuggux, hariiroon biyyoota michuuwwan ofiin jedhan Itoophiyaa, Eertiraa fi Somaaliyaa gidduu jiru yeroo ammaa rakkoo mataasaa qabaachaa jira jedhan.
''Haalli Somaaliyaa keessa jiru, akkaataa Itoophiyaaf fayyaduun osoo hin taane ofumaasaayyuu dhibdee gara biraa keessa kan isa galchaa jiruudha.''
Itoophiyaan bu'uura nageenya Gaanfa Afriikaa waan taateef, rakkoon nageenyaa ishee mudannaan naannawa kanaaf yaaddoo guddaadha jedhan.
''Itoophiyaan rakkoo keessa seente jennaan, balaansaa hunda qaqqaba. Isa kana irra aanuuf furmaata karaa mariin dhufu nu barbaachisa, furmaata waloo barbaachisa jechaa turre. Ammammoo inumaayyuu haala hedduu nama yaaddessurra geenyee jirra.''
Filannootti cichuurra nageenyaaf dursa kennuu...
Yeroo ammaa biyyattii keessatti xiyyeeffannaa guddaa ta'ee kan jiru filannoodha, garuu wanti kamuu nageenya dursuu hin qabu jedhan Dr Shuggux.
''Kanaafuu waa'ee filmaataarratti cichuu fi isa qofarratti xiyyeeffachuu mannaa waa'ee nagaa fi tasgabbii biyyaarratti walii galtee tokkorra ga'uutu biyyaaf bu'aa qaba jenneeti.''
Yeroo ammaa biyyattii sadarkaa jireenya dhala namaaaf yaaddessaa ta'erra geessee jirti kan jedhan Dr Shiggux, rakkoon keessaa ammoo rakkoo alaaf biyyattii saaxilaa jira jedhan.
''Itoophiyaan karaa keessaas karaa alaas rakkoodhaan marfamtee jirti, waraana keessaa ba'uun rakkisaa ta'e keessa seenuu dandeessi jennee yaaddofna. Biyya keessatti karaa nageenyaa, hawaasummaa, diingadee fi siyaasaa rakkoo hamaatu uummata harkaa qaba.
Kanarratti dhukkubi Covid-19 yaaddoo guddaadha. Rakkoowwan kunneen tokkollee kan irraa hanqifamaa jiran hin jiran. Inumaa hammaachaa deemu.''
Garuu Addi Bilisummaa Oromoo ammas abdii kunne, ammallee irratti hojjechuun ni danda'ama jedhee abdata jedhan.
''Yoo xiqqaate rakkoo keessaa hambisuudhaaf qaamni na galcha jedhu hundi irratti mari'achuun furmaata biyyaaf fayyadu kaa'uutu barbaachisa. Marii biyyaalessaa, walta'iinsa biyyaalessaa nu barbaachisa kan jedhuudha xiyyeeffannaan keenya.''
''Qawween qawweedhaan osoo hin taane mariidhaan caba''
Rakkoo guddaan biyya keenyas ta'e addunyaa mudachaa yoon ga'e qawweedhaan qawwee cabsina jedhanii yaaduudha jedhu qondaalli ABO kun.
''Namni qabsoo hidhannootti kan seenu yeroo siyaasaan furmaati dhibuudha. Karaa nagaan wayita dhibu akka furmaata dhumaatti namni qawweetti fayyadama.''
''Addunyaarraa wanti akka qabsoo hidhannuu gatii nama kaffalchiisu hin jiru. Namni jaal'atee gara lubbuu ofii aarsaa gochuutti hin seenu. Kana hambisuuf marii siyaasaa hunda hammatetu barbaachisa.'' jedhan.
''Kanaan achi garuu qawwee qawweedhaan cabsina jechuun hin danda'amu. Qawwee karaa marii siyaasaatiin nama harkaa buusuun danda'ama. Seenaa biyya kanaa keessatti waggoota dheeraaf qawwee qawweedhaan cabsina ilaalcha jedhutu rakkoo uumaa jira.''


















