Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Fayyadamni miidiyaalee hawaasaa akkamiin waraana Itoophiyaa hammeesse?
- Barreessaa, BBC Monitoring
- Gahee, Essential Media Insight
Waa'een walwaraansa Itoophiyaa keessaa gama TV fi raadiyoo qofaan daangeeffamee kan hafe miti. Marsaalee hawaasaa gubbaatti, lola kanaan walqabatee jibba facaasuu fi garaagarummaan saboota biyyattii gidduu jiru akkaan mul'atu.
Marsaaleen hawaasaa lammiilee biyyattii biyyoota alaa jiran irratti xiyyeeffachuu dabalatee, waa'ee walwaraansa (civil war) kanaa yaada hawaasaa addunyaa irratti dhiibbaa gochuufis oolaa jiru.
Lolli waraana humnoota mootummaa federaalaafi finciltoota Tigraay gidduutti Sadaasa 2020 keessa eegale. Gaafas MM Itoophiyaa Abiy Ahimad, finciltoonni TPLF buufata waraanaa naannichatti argamu haleeluu isaanii hordofee, waraana labsan.
Dhuma Sadaasa bara kanaa keessa mootummaan Itoophiyaa Twiitaraafi miidiyaalee warra Lixaa; ''mootummaa geeddaruu'' fi ''kanneen TPLF deeggarantu keessa seene,'' jechuun himate.
''Haala wayitaawaa tahefi kan marsaalee hawaasaa gubbaa, miidiyaalee fi jaarmiyaalee barnootaa keessatti adeemaa jiruufi yaaddessaa tahe kaasuun barbaada. Kunis sagalee Itoophiyaa deeggaran ukkaamsuufi jijjiirama mootummaa dhaadhessuun, yaadota TPLF deeggaran ammoo ol kaasuudha,'' jedhan dubbi-himtuun MM Abiy Ahimad - Billanee Siyyuum.
Billaneen dabaluun: ''Marsaalee hawaasaa irratti, Twitter sagalee Itoophiyaa deeggaruun kanneen hammeenyaafi soba TPLF saaxilan irratti xiyyeeffachuun ugguraa jira,'' jedhan.
Kunis kan tahe Sadaasa 30 erga Twitter akkaawuntiiwwan hashtaagii #NoMore ykn #Nigaha jedhaniifi mootummoota Itoophiyaafi Eritiraa deeggaran ugguruu isaa hordofeeti.
Oduun sobaa akkamiin gabaasa lolaa irratti dhiibbaa uume?
Lammiilee Itoophiyaa keessaa kan intarneeta fayyadaman %20 gadidha. Kun garuu qaamoleen walwaraanan duula isaanii gama marsaalee hawaasaatti fiduurraa hin dhorkine.
Mootummaan biyyattii gama marsaalee hawaasaa to'atu hedduun, gareewwan TPLF fi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) ''shororkeessitoota'' jechuun yaama. Akkaawuntiin Twitaraa odeeffannoo mootummaa himu 'Ethiopia Current Issues Fact Check' jedhamus, gabaasa miidiyaaleen biyyoota alaa waa'ee waraanichaa dhiyeessan haalaan qeeqa.
Kana malees ergaan MM Abiy marsaalee hawaasaa isaanii gubbaa maxxansan, haalaan qoodama. Sadaasa 04 irratti dhaabbanni Facebook kana amma Meta jedhame, maxxansa MM Abiy lammiileen Itoophiyaa hidhachuun ''shororkeessaa TPLF awwaaluu qabu'' jechuun maxxansan jalaa haqe.
Maxxansi dubbi-himaan TPLF Obboo Getaachoo Raddaa Twitter irratti baasanis, haalaan qoodama - namoonni hedduus yaadasaanii jalatti barreessu.
Rogeeyyiin siyaasaafi kanneen dhaabbilee barnootaa keessa jiranis, waa'ee waraana kanaa yaadolee garagaraa yeroo yeroon barreessu.
Haatahu malee deeggartoonni qaamolee walwaraanaa jiranii gama lamaan jiran oduulee sobaa akkaan qoodu. Maxxansaalee hin mirkanaa'in, suuraalee fi viidiyoowwan yeroon isaanii ture akka haaraatti as baasuun, rakkoo jiru ittuu hammeessu.
Facebook yeroo waraanni Itoophiyaa keessa adeemaa jiru kanatti, maxxansaalee hokkora kakaasan to'achuurratti hanqateera jechuun komatama. Facebook gamasaatiin akkaawuntiiwwan fi fuulota Itoophiyaa keessaa ergaawwan sobaafi nama burjaajeessan hedduu haquusaa himeera.
Waxabajjii keessa Facebook waan jedhe: ''facebook irraa: akkaawuntii 65, fuula 52, garee 27 fi akkasumas akkaawuntii Instagram 32, qajeelfama keenya cabsuu isaaniin haqneerra. Qindaa'inni kun Itoophiyaarraa kan maddeefi hordoftoota biyyattii keessa jiran irratti xiyyeeffate.''
Sadaasa 6 ammoo Twitter sirna haala addaan waan Itoophiyaa keessatti adeemu mul'isu 'trends' dhaabuusaa hime. Sababni maali jennaan - ''balaa ammee namarra gahuu malu'' akka sababaatti kaa'e.
Dhorkaan miidiyaa kaa'ame maali?
Miidiyaaleen walabaa biyya keessaafi kanneen alaa, oduu sobaa facaasu jedhamuun himatamu. Xiyyeeffannoon miidiyaa walabaa irratti taasifamuufi maloonni qunnamtii Tigraay keessaa adda cituun isaanii, waa'ee lola kanaa gabaasuu haalaan rakkisaa godheera.
Sadaasa 19 Abbaan Taayiyaa Miidiyaa Itoophiyaa, miidiyaalee kanneen akka BBC, CNN, Reuters fi Associated Press (AP) ''jibba hafarsuufi walabummaa biyyaarratti dhiibbaa uuman'' jechuun akeekkachiise.
Kunis kan tahe erga miidiyaaleen finciltoonni lola mo'achuun gara Finfinnee qajeelaa jiru jechuun gabaasan boodadha.
Amma duras Abbaan Taayitaa miidiyaalee to'atu kun, miidiyaaleen finciltootaan ''Humna Ittisaa Tigraay'' jedhanii akka hin yaamne akeekkachiisee ture. Kana malees miidiyaa dhuunfaa Addis Standard ''ajandaa garee shororkeessaa tarkaanfachiisa'' jechuun yeroof ugguree ture.
Miidiyaan dhuunfaa Minstira duraanii Dhimma Dubartoota, Daa'immaniifi Dargaggootaa Filsan Abdullaahii hundaa'e Nabad TV jedhamus, gabaasa waraana wajjiin walqabateen cufameera. Guraandhala keessa Aadde Filsan, lola kana keessa miidhaan saalaa hedduun raawwatamaa jira jechuun komii qabdu ibsiteetti. Boodarras ''duudhaafi naamusa'' eeruun hojii gadhiisteetti.
Sadaasa 26 jalqabee mootummaan federaalaa sosochii waraanaa ilaalchisee, oolmaa dirree waraanaa miidiyaatti himuu fi gabaasuu dhorke. Walwaraansi kun wayita hammaatetti, mootummaan waan miidiyaatti bahu to'achuuf akka isa gargaaru dhorkaa kana kaa'e.