Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Iyyaaspeed na wal'aanaa osoo jiruu manatti ol lixanii fudhatan' - Harmee Iyyaaspeed
Rogeessi siyaasaa Iyyaaspeed Tasfaayee Kibxata mana harmee isaa naannoo Garjii jiru irraa qaamolee nageenyaan qabamuu harmeen isaa aadde Tashaalech BBC'tti himan.
Kibxata ganama naannoo sa'aa sadiif walakkaa irraa egalee hanga sa'aa torbaatti qaamoleen nageenyaa huccuu dambii Poolisii magaalaa Finfinnee uffatan mana jireenyaa isaanii kan Iyyaaspeed keessa jiraatu aalaafi keessaan marsanii akka turan aadde Tashaalech himaniiru.
Sa'aatii sadii oliif mana sakatta'aa erga turanii booda Iyyaaspeediin fuudhanii deemanii jedhan.
Iyyaaspeed Tasfaayee rogeessa miidiyaa hawaasaa fi miidiyaalee idilee irratti mootummaa qeequun beekamu yeroo ta'u, hundeessitoota 'Ubuntu TV' keessaa tokko.
Sagantaa Televizhinii isaanii kana irrattis dhimmoota siyaasa Itoophiyaarratti keessummoota affeeruun xiinxala bal'aa dhiyeessu. Irra hedduunis gochaa fi imaammata mootummaa irratti xiyyeefata.
Kibxata ganama manni jireenyaa Iyyaaspeed qaamoleen nageenyaa mootummaan marfamee akka ture miidiyaa hawaasaa gubbatti gabaafamaa ture.
''Ani miilli koo cabee manan ture. Iyyaaspeedis manuma keessatti na wal'aanuutti osoo argamuu sakatta'uuf manatti ol lixanii'' jedhu harmeen isaa aadde Tashaalech.
Iyyaaspeed bara 2016 labsii yeroo muddamaa labsamee ture hordofee guyyoota 30 hidhamee akka ture hiriyaan isaa Bafiqaaduu Hayiluu tiwiitarii irratti barreesseera.
Qaamoleen nageenya tilmaamaan saddeet ta'an manatti ol lixanii yeroo sakatta'an Iyyaaspeedinis gaaffiiwwan adda addaa gaafachaa innis deebisaafi turee jedhaniiru.
Haata'u malee sababa Labsii Yeroo Muddamaan maaliif akka sakatta'amaa jiraniifi hayyama mana murtii gaafachuun hin danda'amne jedhan.
''Osoo sakatta'anii hanga sa'aa torbaatti turan. Maal akka waliin jedhan sirreessee hin dhaggeeffanne male isas gaafachaa, innis deebii kennaafii ture. Sa'aa torba yeroo ta'u 'addis ababa poolis' fuunee deemna naan jedhanii fuudhanii deeman.''
Obboleettiin isaa isaaniin hordoftee deemuufi bakka itti hidhame mirkaneeffattee akka deebite nyaatas bitanii akka kennaniif himaniiru.
''Bilbila inni qabatee tureefi laptop malee'' waanti biraa yeroo sakatta'an argatan hin jiru jedhu.
Poolisoota sakkata'aniin cinaattis namootni ni taajjabu jedhamanis jiru natti fakkaata manni kiyya guutee tures jedhaniiru aadde Tashaalech.
Hidhamuu roogeessa siyaasaa mootummaa qeequun beekamu kanaa ilaalchisee qaamolee mootummaarraa hanga ammaatti wanti jedhame hin jiru.
Poolisii Finfinneerraa deebii argachuuf bilbillus bilbila waan hin kaafneef argachuu hin dandeenye. Aanga'aan poolisii federaalaa tokko garuu dhimmicha qulqulleeffatanii deebii akka kennan BBCtti himaniru.
Harmeen Iyyaaspeed sababni Iyyaaspeed to'annoo jala ooleef maal akka ta'e akka hin beeknee fi gaafachuufis yeroo yaalan ''ori'aa waan turaniif ilma koo hin dhiphisu jedheen callisee'' jedhan.
Kan dhaqanii gaafachuun danda'amu Kibxataa fi Dilbata akka ta'e nutti himaniirus jedhan. Uffatas akka ta'us osoo hin uffatiin muddamaan fuudhanii deemanis jechuuun himaniiru.
Torbee tokko dura dargaggoo Iyyaaspeed miidiyaa hawaasaa gubbaatti yaada mootii Itoophiyaa durii Miniliik ilaalchisee kenneen qeeqeni itti heddummaate, akka hidhamuufis kanneen gaafatan turaniiru.
''Hiitilariin leellisuun akkuma seeraan nama adabsiisus biyya Minilikiin leellisuun seeraan adabsiisu ni ijaarra'' jedhee barreesse.
Namoota 'Miniliik nu jalaa tuqxe' jedhaniin duulli adda addaa irra gahaa akka tures hidhamuu isaa guyyoota muraasa dura Facebook isaarratti barreessee ture.