Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Chaayinaan biyya gaazexeessitoota hedduu hiitu ta'uu gabaasni mul'ise
Gabaasni gareen mirga gaazexeessitootaaf falmu 'Reporters Without Borders' baase yoo xiqqaate gaazexeessitoonni 127 wayita ammaa Chaayinaa keessatti hidhaa jiru jedhe.
Chaayinaan guutummaa addunyaatti gaazexeessummaarratti "duula ukkaamsaa jabaa" gochaa jirti jedhe gabaasichi.
Chaayinaan gaazexeessitoonni hidhaman sababa hokkora kaasaniif akka hidhaman himti.
Gareen 'Reporters Without Borders' akka jedhutti Chaayinaan ibsa miidiyaaleef kennamu ukkaamsuun, weerarri koronaa akka hammaatu taasiseera.
Wuhaan magaalaa vaayirasichi keessaa ka'etti yoo xiqqaate gaazexeessitoonni fi namootni onlaayinii yaada kennan 10 waa'ee weerarichaa gabaasuu isaaniitiin hidhamaniiru.
Isaan keessaa tokko ogeettii seeraa Zhang Zhan yoo taatu, Guraandhala 2020 gara Wuhaan imaluun waan argite barreessaa fi hospitaalota keessatti waan ta'aa ture kallattiin tamsaasaa turte.
Gabaasaaleen ishii marsaalee hawaasaa irratti bal'inaan qoodamaa turan.
Booda to'annoo jala oolfamtee, himata 'hokkora kakaasuu' jedhu gaazexeessitootaa fi rogeeyyii yaalii mootummaan odeeffannoo to'achuuf godhu cabsan irratti banamuun yakkamtuu taate.
Gabaasni fuula 42 qabu gareen kun baase, aanga'oonni Chaayinaa lola farra shororkeessummaatti dhimma bahuun akkamiin Shiinjiyaang keessatti gaazexeessitoota Uyiguur hidhaa akka jiran saaxileera.
Chaayinaan warra Uyiguur akka fiinxaleeyyii amantaa Islaamaa fi foxxoquu barbaadaniitti ilaaltu irratti yakka namoomaa raawwatteetti jedhamuun himatamti.
Gabaasni kun imbaasiiwwan biyyoota adda addaa keessaa qabdutti fayyadamuun akkamiin gaazexeessitoota irratti haleellaa akka raawwattu, miidiyaa akka uggurtuu fi mata dureewwan akka to'attu himeera.
Dabalataan gaazexeessitoonni yaadama paartii komuniistii akka baratan, aappii ololaa bilbila isaaniirratti akka fe'an gooti jedheera.
Gaazexeessaan BBC Joon Sadwoorz kan Beejing irraa gabaasaa ture doorsisaa fi dhiibbaa aanga'oota Chaayinaarraa irra gaheen gara magaalaa Taayipee godaanuuf dirqameera.
Biyyattiin hayyama BBC biyyattiiraa gabaasuus Guraandhala keessa haqeera.
Gabaastuun Biluumbargi kan ta'e Heez faan erga xumura 2020 kan hidhamte yoo ta'u ergasii waa'een dhimma ishii dhagaahamee hin beeku.
Gareen 'Reporters Without Borders' gabatee bilisummaa miidiyaa addunyaa irratti Chaayinaa biyyoota 180 keessaa Kooriyaa Kaabaa gulantaa lama qofaan caaluun 177ffaarra kaa'e.