Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Feesbuuk Chaayinaan akkaawuntii burjaajii uumu duuba jiraachuu ibse
Feesbuukii kan harkaa qabu kubbaaniyyaan miidiyaa hawaasummaa guddichi Meta'n akkaawuntiiwwan Chaayinaa keessa maadheffatanii odeessa sobaa tamsaasan 500 caalan haquu ibse.
Akkaawuntiiwwan kunneen nama lammii Swiss kan maqaa sobaan ogeessa baayooloojii jedhee of-waamu dhaadhessu.
Namni Wilson Edward ofiin jedhu kun akka waan US qorannoo madda koronaavaayirasiif gidduu seentee dhiibbaa uumaa jirtuutti oduu tamsaasaa ture.
Yaadni Edward kennu ammoo miidiyaalee Chaayinaa hedduu irratti keessummeeffamaa ture.
Imbasii Swiss garuu nama maqaa kana qabu tasumaa akka hin beeknee fi akka hin jirre hime.
Meta'n akka jedhutti duulli miidiyaa hawaasummaan namni kun gaggeessaa ture hagas mara milkaa'aa hin turre.
Duula kanaan lammiileen Afaan Ingilizii dubbatan kanneen US fi Uk keessa jiraatan akkasumas kanneen Afaan Chaayinaa dubbatan(Taayiwaan, Hong Kong fi Tibet) xiyyeeffannoo haleellaa turan.
Adoolessa darbe gara jalqabaa akkaawuntiin maqaa ogeessa baayooloojii Swiss Wilson Edwar jedhamuun baname Feesbuukii fi tiwiitarii irratti ribsa maxxanseen, Dhaabbati Fayyaa Addunyaa(WHO) madda Covid-19 akka qoratuuf US dhiibbaa guddaa uumaa jirti jedhe.
Kunis Chaayinaan akka komatamtuuf dhiibbaa uumuuf yaadamee akka ta'e barreesse.
Miidiyaan Chaayinaa kanneen akka CGTN, Shanghai Daily fi Global Times, jedhaman ammoo nama kana wabeeffachuun gabaasa miidiyaa hawaasummaasaarra jiru hojjetaa turan.
Dhimma walxaxaa nama Swiss jedhamee kanarratti yaada kan kenne Imbasiin Swiss, namni lammii Swiss ta'ee maqaa ''Wilson Edward'' jedhuun galmaa'e akka hin jirre, akkasumas ragaan barreeffamaa fi barnootaa nama kana ibsu akka hin jirre ibsuun, miidiyaaleen Chaayinaa nama kana wabeeffachuurraa akka of-qusatan akeekkachiise.
Feesbuukiinis namni lammii Swiss ogeessa baayooloojii ofiin jechuun burjaajii uumaa jiru kun fakkeessaa jiraachuusaarratti gabaasa erga argatee booda akkaawuntiiwwan hidhata qaban 524, peejiiwwan 20, gareewwan afur fi akkaawuntii instaagiraamii 86 haqeera.