Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dhorkaan liqaa ji’ootaaf ture diinagdee Itoophiyaa hangam miidhe?
Dhorkaan liqaa ji’oota afuriif hojiirra oolee ture guutummaan guutuutti ka’uusaa Baankiin Biyyaalessaa Itoophiyaa torbee kana beeksiseera.
Baankiin Biyyaalessaa, Sadaasa 20/2014 A.L.I baankonni maamiloota isaanii hundaaf tajaajila liqaa akka kennan ajaja dabarsuu miidiyaaleen biyya keessaa gabaasaniiru.
Dhorkaan liqaa ‘shira diinagdee’ ittisuufi garaagarummaan sharafa alaa gabaa seeraan alaa(gabaa gurraachaafi) baankotii gidduu jiru bal’achuu hordofee Hagayya darbe ture kan kaa’ame.
Dhorkaan liqaa ji’oota afuriif ture kuni diinagdee biyyattii akkamiin miidhe?
‘’Liqaan utubaa diinagdeeti,’’ kan jedhan qorataa diinagdee kan tahan Ayyala Galaan dhorkaan kaa’amuun akka irra hin turre dubbatu.
Akka qorataan kuni jedhanitti, ’’nageenya biyyaafi maallaqa seeraan alaa to’achuuf jecha qarshiin gara diinagdeetti hin seeniin, maddasaarraa gogsina jechuun sirrii mtii,’’ jedhu.
Ogeessonni diinagdee biroo Baankiin Biyyaalessaa murtoon dabarsu maali irratti hundaa’ee akka tahe ifa gatii hin taaneef, murtoon kenname bu’aa argamsiiseeraa, hin argamsiisnee jechuuf akka rakkisu himu.
Haa tahu malee biyya sirni diinagdee ammayyaa jiru keessattii baankonni hojii isaanii bu’uuraa akka hin hojjenne gochuun diinagdeen sochii akka dhaabu taasisa jedhu.
Qarshiin gabaa keessa naanna’u hundi bifa liqaan baankiirraa kan dhufu dha jechuun yeroo dhorkaan kaa’ametti ‘’waanti baayyee badeera,’’ jedhanii akka amanan himu.
Yaada kana kan qooddatan Doktar Ayyalan tarkaanfii diinagdee irratti miidhaa waliigalaa fidu fudhachuu mannaa to’annoo jabeessuu wayya ture jedhu.
‘’Liqaan dhimma hin tuqamne tahuu qaba, liqaa dhaabuu jechuun yaa’a dhiiga namaa hamma dhaabuuti,’’ jedhu qorataan kuni.
Dhorkaan liqaa dhiibbaan diinagdeerratti taasise akkamiin ibsama? Gaaffii jedhuuf Doktar Ayyalan,’’diinagdee biyyattii iddoo jiru irraa boodatti kan deebiseefi kufaatii madaallii kamiinuu hin ibsamne dha,’’ jechuun ibsaniiru.
Tajaajilli liqaa otoo hin dhorkamiin illee diinagdee Itoophiyaa rakkoo kan qabu tahuu yaadachiisun dhorkaan immoo itti hammeessee jedhaniiru.
Dhorkaan kaa’amee ture maal jedha?
Baatii Hagayyaa keessa dhorkaan liqaa Baankii Biyyaalessaa Itoophiyaan kaa’amee ture, baankoti gamoo, lafaafi mana galmeessuun liqaa kennan yeroof akka dhaaban ajaja.
Liqaan kanaan ala kennamuufi liqaan ala-ergii waliin qabatus addaan citee ture.
Haa tahu malee dhorkaan kaa’ame qabeenya socho’aa birootiin liqaa kennamu hin dhorku ture.
Yeroos ministeerri maallaqaa murtoon kuni kan darbe, ‘’shira diinagdee keessatti mul’achaa jiru,’’ toa’chuuf akka tahe himeera.
Fulbaana darbe Baankiin Biyyaalessaa dhorkaa dabarseerratti foyyee taasisuun baankoti gosa liqaa shan eeyyamuu akka danda’an beeksisee ture.
Kanneen keessaa baankoti liqaa kennan deebisiisuuf qabeenya caalbaasii dhoksaan baasan bituuf warreen gaafataniif, kanneen bittaa fi gurgurtaa qaama lammataafi sadaffaa gidduutti geggeefamuu fi liqaa ariifachiisaa hojjettoota baankiif kennamu fa’i dha.
Kana malees oomishtoota saliixii naannoo Gondaritti argamaniif gosti liqaa ‘ragga’e’ akka gadhiifamuufi baankichi foyya’insa baaserratti himeera.
Dhorkaan kuni ka’uun maal fayyada?
Ogeessonni diinagdee Baankiin Biyyaaleessaa dhorkaa akkanaa yeroo dabarsu ka’umsi isaa maal akka tahe gatii hin beekamneef, dhorkaan ka’uun maal buuse kan jedhu baruuf ka’umsi isaa beekamuu qaba jedhu.
‘’Kanaafuu murtoon kuni maal akka buuse ibsuu kan danda’u baankii biyyaalessa qofa dha,’’ jedhu
Baankiin Biyyaalessaa immoo dhorkaan ka’uun himuun alatti dhimma kanarratti ibsi kenne hin jiru.
BBC’n dhimma kanarratti ibsa argachuuf yaaliin taasise hin milkoofne.
Itoophiyaatti dameen ijaarsaa madda galii namoota baayyeeti. Baankonni liqaa kennuun galii olaanaa irraa argatu. Dameewwan liqaa barbaadaan baayyeensi jiru.
Doktar Ayyalan dameen ijaarsaas tahe inni kaan liqaa argatuufi maallaqa ofii qabuun socho’a jedhu.
Haa tahu malee dameen ijaarsaa ‘’namoota baayyee ijaa qacaruuf isa akka utubaa diinagdeetti fudhachuun dogoggora,’’ jedhu.
‘’Dhibeen diinagdee inni guddaa damee ijaarsaa akka utubaatti ilaaluu dha,’’ jedhu.
Waggoota 30 darbaniif hojii ijaarsaa baayyeen dalagamuu yaadachiisuun kuni garuu diinagdeen akka tasgabbaa’u gochuu akka hin dandeenyeefi qaala’insa jireenyaa akka hin hir’isne hubachiisu.
Kanaafis Baankiin Biyyaalessaa liqaa damee ijaarsaaf kennu hir’isee gara qonnaa ykn warshaalee xixiqqootti dabarsuu qaba jechuun gorsu.
‘’Liqaan horsiisa looniif, oomisha kuduraafi muduraaf, aannaniif, huccuu fi damee oomisha argamsiisuuf yoo kenne liqaan baankii irraa kenname gara qaala’insa gatii osoo hin taane, gabaan tasgabbaa’e akka jiraatu godha ture,’’ Doktar Ayyalan.
Guddinni diinagdee Itoophiyaa waliigalaa kan bara 2020 irraa bara 2021’tti harka lama qofa akka guddatu tilmaamameera.
Kunis waggaa 20 darbe keessatti isa gad-aanaa tahuu Dhaabbanni Maallaqaa Addunyaa himeera.
Itoophiyaan miya doolaara miiliyoona 14 tilmaamamu gara biyyaatti kan galchitu yoo tahu, gara biyya alaatti kan ergitu immoo miyoota doolaara biiliyoona 3.4 baasan qofa dha.
Kana malees liqaan akka biyyaaleessaatti liqeeffatte bara kana doolaara biiliyoona 60 ykn oomisha waliigalaa biyya keessaa(GDP) keessaa harka 70 gaheera jedhameera.
Ogeessonni diinagdee baayyeenis ‘’kuni yaaddessaa dha,’’ jedhaniiru.
Waraana kaaba Itoophiyaatti adeemaa jiruun wal-qabatee Ameerikaan Itoophiyaadhaan ‘AGOA’ ykn daldala gibira irraa bilisa tahe, akka hin fayyadamne dhorkuun, liqeessitoonni liqii kennuuf boodatti jechuu, akkasumas sababa waraana kanaan sochiin daldalaa qabbanaa’uun diinagdee irrattii dhiibbaa guddaa geessiseera.