Boeing yaaddoo nageenyaa xiyyaara 737 MAX waliin walqabatee ka'u fudhatama hin qabu jedhe

Madda suuraa, Reuters
Xiyyaarri kun "seenaa keessatti xiyyaara geejjibaa sadarkaa olaanaan sakatta'insi irratti taasifamedha" jedhameera, haata'u malee, qeeqxonni tokko tokko Boeing 737 MAX ammallee nageenyi isaa kan eegame miti jedhanii amanu.
Balaawwan rifaasisoo lama namoonni dhibbaan lakkaa'aman akka dhumaniif sababa erga ta'ee booda hojii akka dhaabu kan taasifamee ture Boeing 737 MAX, bara darbe akka deebiyee balali'uuf qaama Ameerikaa xiyyaara to'aturraa hayyamameeraaf.
Haata'u malee, yeroo sanarraa kaasee balaliiwwan Boeing 737 MAX irratti rakkoon ciccimoo ta'an gabaafamaniiru.
Kampaniin Boeing garuu xiyyaarichi nageenyi isaa kan eegameefi amansiisaa ta'uu isaa ibseera.
Bara kana baatii Onkoloolessaa keessa xiyyaarri Boeing 737 MAX dirree Boeing Siyaatil jiru keessaa ka'uun gara Biraaselsitti qajeele. Balaliin kun xiyyaara haaraa warra bitateef, jechuunis garee geejjibaa Tuhii jedhamuuf geessuuf kan karoorfame ture.
Haata'u malee, imala dheerina maaylii kuma shan (kiiloomeetira kuma sadetitti) siqu jalqabanii daqiiqaawwan keessatti paayiletoonni balaliisaa turan "rakkoon to'annaa balalii" waan isaan mudateef gara duubaatti deebiyuun isaanirra ture. Osoo baay'ee hin turiin xiyyaarichi nagaan qubate.
Rakkoon isaas paayiletii malee ofiin kan of to'atu (Auto Pilot) waliin kan walqabte akka ta'e kan ibsame yoo ta'u, hanga tokkos saffisaan sirreeffameera.
Xiyyaarichi bulee barii gara Biraaselsitti qajeeluun isaan booda idileedhaan balali'aadhuma jira.
Ta'us garuu, tateen Biraasels kun rakkoo gabaafame tokkicha hin turre.
Ameerikaatti qaamni tajaajila geejjiba qilleensaa dhiyeessu kamiyyu ykn buufanni suphaa xiyaara rokkoo godhate ykn hir'inni yoo mul'tu qaama aveeshinii kana to'atu, Bulchiinsa Aveeshinii Federaalaatiif "Gabaasa Rakkoo Tajaajilaa" jedhamee karaa beekamuun beeksisuutu irra jiraata.
Xiyyaarri Boeing 737 MAX erga hojiitti deebiyeen booda gabaasawwan 180 ol ta'an irratti dhiyaataniiru.
Rakkoowwan garri caalan xiyyaaroonni yeroo lafarra jiran irratti ta'anillee mudannoowwan 22 ammoo osoo balali'aa jiranii kan muatan yoo ta'u, isaan keessaa ammoo afur kan paayiletoonni balaawwan tasaa jechuun iyyata dhiyaaffatanidha.
Paayiletoonni Ameerikaa rakkoo motoraa mudateen dabalataan yeroo lama balaawwan tasaa gabaasaniiru.
Taateewwan kunneen tarreeffama odeeffannoo Bulchiinsa Aveeshinii Federaalaa keessatti argamuu baatanillee, aveeshinii daldalaa keessatti balaawwaniifi taateewwan kan tarreessu marsariitii Aveeshiin Heraald keessatti ni argamu.
Rakkoowwan kunneen kan mudatan walakkaa baatii Onkoloolessaa irraa kaasee xiyyaarota Ameerikaa 160 ta'an irrattidha.
Kanneen keessa hangi tokko sababii rakkoo elektirikaan torbanoota hedduuf akka tajaajila hin kennine taasifamaniiti.
Gabaasaaleen rakkoo tajaajilaa xiyyaarichaa waliin walqabatan to'ataa geejjiba xiyyaaraa Kanaadaa kan ta'e, Kanaadaa Tiraanspoortiitiin ifa baheera.
Odeeffannoowwan jiran akka agarsiisanitti, xiyyaarota Kanaadaa Boeing 737 MAX 56 keessaa 19 kan ta'an kan irratti gabaafame yoo ta'u, isaan kana keessaa shan ammoo osoo balali'aa jiranii akka mudatan kan agarsiisudha.
Boeing 737 MAX ammallee hordoffiin ol aanaa ta'e irratti gaggeeffamaa kan jiru yoo ta'u, xiyyaaronni kunneen bara 2019 keessa ji'oota 20f akka tajaajila hin kennine kan taasifaman balaa sukkaneessaa lama namoota 346 akka du'aniif sababa ta'e horofeeti.
Dhiyeenya kana Boeing balaa xiyyaara 737 MAX Daandii Qilleensaa Itoophiyaa mudateen maatii namoota 157 du'anii waliin waliigalteerra gaheera.
Kampaaniin xiyyaara omishu kun namoota balaa qaqqabeen du'aniif itti-gaafatamummaa akka fudhatu kan hime yoo ta'u, kana gochuun ammoo kampaaniin kun miidhaa qaqqabsiiseef maatiin namoota balaa sanaa lubbuu dhabanii akka adabamuuf mana murtii irratti hin gaafatan.

















