Weellisaan deeggartootaan maallaqa naa ergaa jedhe sa'aa muraasa keessatti miiliyoona 100 ol argate

Weellisaan beekamaan lammii Naayijeeriyaafi Ameerikaa Davido, akka qoosaatti tiwiitara gubbaatti deeggartootni isaa maallaqa akka erganiif gaafatee sa'aa afur keessatti miiliyoona 100 ergameef.

Weellisaa Deeviid Adelekee kan maqaa waltajjii Devido'n beekamu twiitara gubbaatti jalqaba ''yoo ni beektu ta'e ani weelluuwwan ho'aa isinii erge... mee maallaqa naa ergaa'' jechuun maxxanse.

Tiwiitara gubbaatti hordoftoota miiliyoona 9.7 kan qabu Davido'n, maxxansa isaa kana namootni 17,500 jaalatanii kuma afurii ol ammoo retwit godhan.

Davido''n itti aansuun maqaa isaa guutuu, lakkoofsa herreega baankii isaafi baankii herreega itti banate maxxanse.

Maxxansa isaa kana daqiiqaa kudhan booda ergaa akkas jedhu dhaame: ''...mil. 7 daqiiqaa 10 keessatti, itti fufaa. Hunda keessan siniin jaaladha! amma galmi koo miiliyoona 100. Konkolaataa koo Rolls Royce buufata dooniirraa gadhiifachuun barbaada.''

Boodas akka qoosaatti jalqabee maallaqni miiliyoonaan lakkaawamu herreega baankii isaatti galuu itti fufuu jaluma jalaan beeksisuu itti fufe.

Konkolaataan gatii qaalii weellisaan kun bitachaa jiru biyyattii keessatti hanga doolaara walakkaa miiliyoonaa baasa.

Maallaqni Naayijeeriyaa naira miiliyoona 100 jechuun doolaara 240,000 ol ta'a.

Maallaqa herreega isaatti galaa jiru irra deddeebiin kan beeksisaaa ture Davido'n ''amma na jaallattu jechuu nan danda'a, garuu hanga kana na jaallatuu?'' jechuun deebii argatetti gammaduu ibseera. Miira isaas ''ammaan tana boohaan jira. Namaaf gaarii oolaa'' jechuun maxxansaa ture.

Atilaantaa Joorjiyaatti kan dhalate weellisaan ganna 28 Davido'n, aalbamoota sadii kan baase yeroo ta'u walaloowwan qopheessuunis beekama.

Davido'n maallaqni ergamuuf galma kaahe miiliyoona 100 darbee 114 yeroo gahus ''dhaabuuf hin deemnu itti fufaa'' jedheera.