Fayyaa: Dubartiin Arjantiinaa qoricha tokko malee HIV irraa fayyite

Dubartiin biyya Arjentiinaa tokko qoricha gosa kamiyyuu osoo hin fudhatiin HIV/AIDS irraa fayyuun ishee hedduu ajaa'ibsiisaa jira.

Kanaan dura namni tokko akkuma kana qoricha malee dhukkuba kanarraa fayyee ture.

Seelii dhiiga dubartii kanaan duraan HIV/AIDS qabdi turte biliyoonaan ol ta'u irratti qorannoon taasifamee vaayirasiin HIV tasa keessatti argamuu hin dandeenye jechuun Arkaayivs of Mediisin gabaaseera.

Sirni dandeettii uumamaan dhukkuba ofirraa ittisuu danda'uu (immune) dubartii kanaa vaayirasii kana akka of keessaa qulqulleessetti amanu doktaroonni.

Dubartiin kun akkamiin akka HIV irraa itti fayyite beekuun osoo danda'ame dhukkubicha lafarraa balleessuun ni danda'ama ture jedhu ogeessonni fayyaa.

Qorannoon doktoroonni seelii dhiigaa dubartii kanaarratti taasisan akka agarsiisutti namoonni tokko tokko uumamaan dandeettii HIV ofirraa ittisuu badhaafamaniiru.

Namoonni hangi ta'an dhukkubichi gara qaama isaaniitti akka hin seenne kan godhu qaccee sanyii qabu.

"Isperaanza" namni jedhamu maqaan isaa akka hin beekamne barbaaduufi namoonni biroo vaayirasichaan yoo qabamanillee suuta suutaan isaan gadhiise.

Haata'u malee, namoonni HIVn qabaman harki caalan garuu kunuunsa bara jireenya isaanii guutuu argachuun isaan barbaachisa.

Qoricha fudhachuu yoo dhaaban vaayirasiin qaama isaanii keessa jiru damdamatee akka haaraatti rakkoo qaqqabsiisuu danda'a.

Waggoota dhiyoo asitti namoonni qoricha kamiyyuu osoo hin fudhatiin garuu kunuunsi hangi ta'e taasifameefiif vaayirasicha to'achuu akka danda'an bira gahameera.

Namni Landan jiraatu Addaam Kaasilehoo jedhamu dhibee HIV fi Kaansariitiin qabameera. Wallaansa Kaansariitiif seelii dhiigaa nama arjoomurraa erga argatee booda garuu qoricha HIV fudhachuu dhaabeera.

Wayita wallaansa Kaansarii argachaa jirutti HIVn seelii dhiigaa isa keessa jiru keessaa badeera.

Dhimmi kun yeroo bira gahamu namni seelii dhiigaa arjoome addunyaa kanarratti namoota dhibba keessaa tokko HIV ofirraa ittisuu danda'an keessaa ta'uun isaa barameera.

Piroofeesara Yunvarsiitii Oksifoord kan ta'e Joon Firaater gama isaatiin dubartii Arjentiinaa kana qofa osoo hin taane namoonni biroos dandeettii dhukkuba kana ofirraa ittisuu qabaachuu akka danda'an qorannoo taasisuu barbaachisa jedha.

Hospitaala Waliigalaa Raagoon Maasaachuseetis kan ta'eefi dhimma kanarrattis qorannoo gaggeeffamu kan dursu Dr. Zuu Yuu adeemsa kana namoota uumamaan vaayirasicha of keessaa balleessuu hin dandeenyeef tooftaan ittiin dabarsuun danda'amu ni jiraata jedha.

Doktarri kun akka jedhutti, namoonni umuriisaanii qoricha fudhatan bifa talaalliitiin dandeettii qaamni isaanii akka cimu taasifamee qoricha malee vaayirasicha waliin jiraachuu akka danda'an gochuuf karoorri jira.