Saif al-Islaam Gaadaafi: Ilmi pirezidaantii duraanii Libiyaa pirezidaantummaaf dorgomuuf

Madda suuraa, AFP
Ilmi pirezidaantii duraanii Liibiyaa Muhaamar al-Gadaafii, filannoo pirezidaantummaa yeroo jalqabaatiif biyyattii keessatti gaggeeffamuuf jirurratti dorgomuuf akka kaadhimamaatti galmaa'e.
Saif al-Isalaam Gadaafii silaa kan abbaa isaa dhaalu ture, haata'u malee deegartoonni isaa tarkaanfii gara jabiinaa yeroo mormii waggoota 10 gaggeeffameetiin maqaasaa xureesan.
Erga hookkara bara 2011 booda Liibiyaan walitti bu'insaan raafamaa jirti.
Gareewwan mirgaaf falman filannoo Muddee 24tti qabame bilisaafi haqa qabeessaa hin ta'u jechuun yaaddoo qaban kaasaa jiru.
Aanga'oonni addunyaafi Barreessaa Olaanaan Mootummoota Gamtoomanii (UN) qaamni danquudhaaf yaalu kamiyyuu ykn kan bu'aa filannoo sobuu barbaadu adabamuu akka danda'u akeekkachisaniiru.
Suraaleefi viidiyoowwan miidiyaalee hawaasaa irratti qoodamanis, Saif al-Islaam Gadaafii poostarii filannoo dhufu fuuldura ta'ee wayita waraqaalee filannoo mallatteessu agarsiisu.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X

Areeda dheereefateefi uffata aadaa Libiyaa uffatee, Quraana keessaa luqqaasii akkas jedhu eeruun kaameraa dura dhaabbatee dubbate: "Nuufi uummata keenya gidduutti dhugaan murteessi".
"Warri hin amanne isa jibbanillee Waaqayyo kaayyoo isaatiif jiraataadha," jechuun Kitaaba Qulqulluu Isalaamaa keessaa dabalee eeruun dubbate.
Fakkiin ammaa kunis kan yeroo hookkara bara 2011tti abbaa isaa aangoorraa buusan ture sanaan baayyee adda.
Dhuma gara jabinaa Gadaafiitiin booda, Saif al-Islaam Gadaafii mataansaa milishootaan to'atamee ture.
Waggoota jahaaf mana hidhaa keessa turuun murteen du'aa irratti murtaa'ee ture. Booda garuu ni geedarame.
Ilmi Gadaafii kun ammalleen yakka waraanaatiin Mana Murtii Idil-Addunyaa (ICC)n ni barbaadama.
Haata'u malee, gaaffiifi deebii New York Times waliin mana jirenyaa isaa kan Zintaan keessaa jalqaba bara kanaatti taasise dabalatee waljalaan waltajjiiwwan ummataa irratti mul'achuu eegale.
'Kan garaa gara qoqqoodudha garuu ajaa'ibsiisaa miti'
Ilmi Gadaafii yaada bayyee garaa gara qoqqooduun gara Liibiyaatti deebi'e jedhu Amiiraa Fathaalaa BBC Montering irraa.
Haata'u malee ammoo hoggansaaf dorgomuuf dhiyaachuunsaa na dinqisiisa jedhan.
Saif al-Islaam Liibiyaa keessatti akka pirezidaantiitti mo'achuuf madaan amallee hin fayyinee, jedha Gulaalaan BBC Jiddugala Bahaa Sabaastiyaan Ushaar.
Kanaafuu dorgomuu isaa adeemsa filannoo biyyattii rakkina qabu caalaa wal xaxaa akka taasisu hima.
Wal waraansa waggootaan boodaafi dorgommii aangoo bahaafi lixa biyyattii keessatti gaggeeffamaa jiruun, Libiyaan yeroo ammaa kanatti siyaasa tasgabbii hin qabneen bulchiinsa mootummaa yerootiin bulaa jirti.
Waldhabdee qaamoolee siyaasaa Liibiyaafi gartuu mormiituu jiduutti waa'ee seerawwan filannoofi karoora isaarratti tures haala adeemsa filannoo pirezidaantummaa yaaddoo irra buuseera.
Kaadhimamaan gara biraa ammoo mootii waraanaa kan jedhamuun beekamu Khaalifaa Haafxaar, kan duraan bu'uurasaa bahaa irraa mootummaa Tiripoolii keessatti UNn deegaramu irratti mormii gaggeeffamu hogganaa kan turedha.
Kana malees, Khaalifaan mormii Ministira Muummee Abdulhaamiid al-Dbeibaah fi af-yaa'ii mana maree Aguilaa Saleeh taasifamu hogganaa ture.















