Magaalaa 'ekeraa reenfa namootaan' guutamte -Tarhuunaa, Liibyaa

Namoota reenfa awwaalan

Liibyaa magaalaa Tarhuunaa iddoo jireenya Jenaraal Kaliifaa Haftaar keessatti namoonni erga waraanni waliinii biyyattii keessatti ka'ee ajjeefaman reenfi isaanii barbaadamuun awwaalamaa jira.

Abdel Manaam Mahmuud maatii isaanii keessaa kan mataa qabu, kan socho'ee bu'aa buusuu danda'u isa qofatu jira.

Obboleessa isaa xiqqaa sababa waraana waliiniin ajjeefamee ture, reenfasaa awwaaleera, garuu reenfa obboleessa isaa ta'uufi dhiisuu wanti sirriitti mirkaneeffate hin jiru, lafeetu walitti qabamee awwaalame waan ta'eef.

Jiraattonni magaalaa Tarhuunaa kumaatamaan ba'uun firootaa fi maatiiwwan isaanii bakkasaan itti ajjeefamanii gatamanii barbaaduun awwaallataniiru.

Reenfi namootaa bakka bakkatti gatamee guyyuu argama, kanarraa kan ka'e magaalattiin 'Magaalaa ekeraa'' jedhamteetti.

Reenfi namootaa barbaadamee awwaalamuu kan jalqabe erga bara darbe waliigalteen dhukaasa dhaabuu mootummaa beekamtii UN qabuu fi kan Jenaraal Kaliifaa Haftaariin durfamu gidduutti uumameeti.

Erga bara 2011 mootummaan abbaa irree Muammar Gadaafiin durfamu kufee as Liibyaan hookkaraa fi waraana waliiniin raafamaa jirti.

Hookkarri ajjeefamuu Muammar Gadaafii hordofee dhalate osoo hin dhaabbatin, wayita humni Jenaraal kaliifaa Haftaariin durfamu karaa Lixa magaalaa Beengaazii mootummaa biyyattii magaalaa Tiriippoolii jiru haleeluu eegalee daran hammaatee gara waraana waliiniitti ce'e.

Jenaraal Kaliifaa Haftaar deggertoota jajjaboo kanneen akka Yunaayitid Arab Imireetis(UAE), Masrii, Siiriyaa, Jordaan fi Siiriyaa qaba.

Tarkii fi Raashiyaan ammoo mootummaa Tiriippoolii jiru tumsu.

Keessa seentummaan biyyootaa kun ammoo waraana biyyattii keessa jiru daranuu hammeesse.

Biyyattiin erga hookkara keessa seentee, kufaatii hamaaf saaxilamteetti, guyyuu reenfa namootaa lakkaa'uun rifaatuu guddaa uumeera.

Garuu erga bara darbe waliigalteen nageenya buusuu mallatteeffamee biyyattiin mootummaa tokko jalatti buluu eegalteetti, qondaalli siyaasaa, namni tujaarri beekamaan biyyattii Abdul Hamid Dbeibah Ministira Muummee biyyattii ta'anii bulchaa jiru.

Maatiin nama kanaa bulchiinsa Muammar Gadaafii waliin michummaa guddaa qabaachaa akka turantu himama.

Waliigaltee dhukaasa dhaabuu mallatteeffame booda mootummaan ce'umsaa hundeeffame ji'oota sagala keessatti filannoo gaggeessuuf akka jiru himeera.

Uummanni biyyattii guyyaa walabummaa biyyattii kan ta'e Muddee 24 filannoon jedhame akka gaggeeffamu eegaa jiru.

Satellite image of mass graves

Haga ammaatti namoonni ajjeefaman eenyummaansaanii sirriitti baramee kan awwaalaman muraasa.

Jaarmiyaan Liibyaa kan reenfa namootaa barbaadee adda baasu ''General Authority for Searching and Identifying Missing Persons'' jedhamu akka gabaasetti hanga ammaatti reenfa argame 140 keessaa namoonni eenyummaansaanii barame 22 qofa jedhe.

Magaalaa Tarhuumaa keessaa qofa namoonni 350 ta'an dhabamaniiru, akka biyyattiitti ammoo namoonni 6,000 caalan achi buuteensaanii dhabameera.

Nmoota dhabaman 6,000 keessaa reenfa namoota 1,950 qofatu argame.