'UN' manneen hidhaa godaantotaa Liibiyaa haa cufaman jedhe

Manneen hidhaa godaantonni keessatti hidhaman Liibiyaa keessa jiran hundi akka cufaman Dhaabbatni Biyyoota Gamtoomanii gaafate.
Dhaabbatichi manneen hidhaa kunneen namoonni keessa akka turaniif mijatoo miti jedheeti akka cufaman waamicha kan dhiyeesse.
Kunis haleellaa qilleensarraan torbee lama dura mana hidhaa godaantotaa tokko magaalaa Tirippoolii keessa jiru irratti raawwatameen namoonni 50 ol erga ajjeefamanii booda.
Namoonni haleellaa kanaan ajjeefaman hedduun lammilee biyyoota Afrikaa gara Awurooppaa godaanaa turan yoo ta'an lammileen Itoophiyaa miidhamanis jiru.
Haalli manneen hidhaa kanaa 'jibbisiisaadha' jedhe ejensiin godaantotaa 'UN'.
Manneen hidhaa godaantotaa kutaalee biyyattii adda addaa keessa jiran keessatti godaantonni kumoota hedduun lakkaa'an hidhamanii jiru.
Lolli wayita ammaa mootummaa biyyattii UN'n deeggaramuu fi humnoota jeneraal Kaaliifaa Haftaariin hogganaman gidduutti adeemaa jiru godaantota kana balaa guddaaf saaxileera.
UN manneen hidhaa kunneen cufamanii, hidhamtoonni achi keessa jiran hawaasa naannoo waliin akka walitti makaman gaafate. Yoo akkas ta'e deeggarsa isaaniif gochuuf qophii ta'uus himeera.
Biyyoonni Awurooppaa hedduun wayita godaantota galaanarratti qaban gara Liibiyaatti isaan deebisu.
Kanammoo UN ni qeeqa, biyyattiin negeenya isaaniif mijataa waan hin taaneef deebifamuu hin qaban jedha.
Haleellaan lubbuu godaantota 50 olii galaafate wayita raawwatamu mana hidhaa sana keessaa yoo xiqqaate godaantota 120tu hidhamee achi ture.
Mootummaan biyyattii UN'n deeggaramuufi beekamtii hawaasa idil-addunyaa qabu, haleellaa kanaaf Waraana Biyyaalessaa Liibiyaa (LNA) kan jeneraal Kaliifaa Haftaariin hogganamu himateera.
Waraanni Biyyaalessaa Liibiyaa ammoo buufata loltoota mootummaa mana hidhaa sana bira jiru akka haleelaniifi loltoonni mootummaa deebii kennuuf jecha wayita dhukaasan mana hidhaa kana dhahuu isaanii hime.
Haleellaan raawwatame kun yakka waraanaati jedhee ture qondaalli UN.
Liibiyaan erga bulchaan biyyattii yeroo dheeraa Mohammar Gadaafii bara 2011 ajjeefameen booda, gargar qoodamtee jeeqamaa jirti.













