Dooniin akka hin buufanne dhorkamee turus, godantoonni akka doonii irraa bu'an eeyyamameef

Bidiruu goodantoti irra ta'uun eegaa turan nama funyoon gara buufataatti gototu.

Madda suuraa, EPA

Xaaliyaanitti kaappiteenni doonii tola oltummaa seera ugurraa cabsuun erga bufata doonii dhaabbate guyyaa tokko booda godaantonni 41 akka bidiruu irraa bu'an eeyyamameefi.

Akkeekkachiisi jiraatus dooniin Aleeks Sanbata, sababa "rakkoo qulqullinaa rakkisaa" bidiruchaarra tureen gara buufatatti qajeelera.

Saatii dheeraaf bidiruurra erga eeganiin booda godaantootti akka bu'an eeyyamameera.

Kanaan dura Ministirri biyya keessaa Xaaliyaan Maatewoo Saalviinii godantoonni akka bidiruurraa bu'anii biyyattii galan hin eeyyamu jechuun waadaa seenee ture.

"Mootummaan Jarmanii buufataalee doonii banee akka godaantonni seenan akkan eeyyamu gaafachuun xalayaa naaf argeera," jedhan vidiyoo Fesbuuki kallatti irratti.

" Lakki, lakki... tasumaan hin tahu."

Waggaa darbe, bidiruuwwan lubbuu olchitutti buufata doonii cufuun Xaaliyaan nama gara galaanaatti eeyyama malee imalu irratti adabbi murteessitee turte.

Aangaa'ootni halkan walakkaa booda dhufuun bidiricha akka to'ataniifi godaantumma seeraan alaa deeggaruu himannaa jedhuun kaappiteena bidirichaa irratti qorannoo akka gaggeessan nutti himanii jedha Dhaabbatani tola oltumma godaantoota Meditireyaanaa kan bidiruu Aleks hogganu.

Bidiruun tokko seera ugguraa erga cabse torban tokko booda, bidiruun tola ooltumma Aleks jedhamus godaantota 41 qabatee ga'e.

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Eenyuyyuu bidiruu kanarra bu'uu isaanin dura Poolisiin bidiruchaa eega turani.

Godantonni galaanaa Libiyaa irraa yeroo olchamanitti, Itaaliin yeroo hedduu biyyaa Awuroppaa ishee dhiyootti argamtudha.

Bidiruuwwaniifi dhabbileen tola ooltumma hedduun seera idil addunyaa jalatti Libiyaan iddoo nageenya qabdudha jedhanii hin amanani.

Jalqaba torbe kanatti bufata godaantonni hedduu deebifaman itti galan Liibiyaatti, haleella gamoo buufata goodantoota irra ga'een hedduun ajjeefamaniiiru.

Kan imala galaanaa eegalaniis rakkoo irra jiru- bidiruuwwan ni dhidhimu ykn kallatti malee galaanaratti hafu.

Akka Dhaabata Godaantotaa Idil-addunyaatti (IOM) bara 2019 qofa hanga ammaatti namooti 618 Galaana Medeteriniyaaanitti dhidhimuu isaanii tilmaama. Isaan keessa 426 naannoowwan Libiyaa, Tuniziyaafi Itaalii jiddutti argamanitti.