Dooniin lubbuu baraartu hayyama dhowwamte

Madda suuraa, AFP
Dooniin hojii lubbuu baqattootaa baraaruu giddu-gala galaana Meditaraaniyaanirra hojjettu hayyamni ishee waan jalaa fudhatameef hojii isheen gara fuula duraatti hojjechuuf jirtu yaaddoo keessa galcheera.
Dooniin kun ulaa galaanaa tokko irraa gara biraatti yeroo deemtu alaabaa kan 'Panama maritime' ofirraa fuutee kan biraa osoo hin argatiin imaluuf dirqamati.
Dooniin kun doonii yeroo godaantonni Afirikaa Liibiyaarraa gara Awurooppaatti ce'an lubbuu baraaruudhaaf hojjetan keessaa ishee dhumaadha.
Dhaabbanni tola-ooltummaan doonittiidhaan hojjetu dooniin isaanii akka hayyamni irraa mulqamuu 'Panama' ammoo alaabaa isaa akka irraa fudhatuuf kan dhiibbaa irratti taasisaa ture mootummaa Xaaliyaan ta'uu himataa jira.
Dhaabbanni lamaan doonicha kireefatan , Médecins Sans Frontières (MSF) fi SOS Mediterranée, akka jedhanitti murteen kun akka fudhatamau Abbaa Taayitaa 'Panama Maritime' (PMA) gaafa Sanbataa ture kan itti himame.
Akka ibsa SOS Mediterranée basetti aanga'oonni doonittii mootummaa biyya sanaatiif akka 'rakkoo siyaasaa' uumtetti ibsanii, abbootiin taayitaa Xaaliyaan "akka tarkaanfii attatamaa fudhatuuf" isaan gaafateera.
Ministirirri Dhimma Biyya Keessaa Xaaliyaan 'Matteo Salvini, namni jalqaba doonittii kan baqattootaaf akka "tajaajila taaksiitti tajaajiltu" jedhanii turan, dhiibbaan 'Panama' irra geessisuu haalanii jiru.
Gaafa Dilbataa, tiwiitera isaaniirratti akka agarsiisanitti, "akka hiin beeknellee" himaniiru.
Akka Mootummoota Gamtoomanii jedhutti, bara 2018 qofa keessa godaantonni seeraan ala gara Awurooppaatti ce'uuf yaalan 1,700 ol ta'an lubbuun darbeera.

Madda suuraa, Getty Images
Dooniin amma hayyama dhorkamte kun bara 2016 ji'a Guraandhala irraa hojiirra kan turte yommuu ta'u, ji'oota dhiyoo keessa rakkoon dhiibbaa hariiroo dippilomaasii irraa ga'aa tureera.
Namoonni doonittiirra hojjetan akka jedhanitti murtee haaraa kana kan dhaga'an ergama hojiirra osoo jiranii ta'ee namoota 58 bidiruu raafamaa jirtu lamarraa walitti qabanii baraaraa osoo jiranii ture.
Kan amma qabattee jiru kana geessitee jennaan dooniin kun osoo hayyama haaraa aanga'oota galaanaa irraa hin argatiin eessayyu deemuu hin dandeessu.
Ibsa waliin ta'uun baasaniin dhaabbileen tola-ooltummaa hojjetan osoo seeraafi sirna galaanaa "guutummaatti eegnee" hojjechaa jirruu kun murtaa'uun namoota hedduu du'aaf kennuudha jedhanii balaaleffataniiru.
Ibsa isaanii kana keesattis mootummoonni Awurooppaa dooniin isaanii kun akka hojiitti deebituuf hayyama kana Abbaa Taayitaa 'Panama' ykn alaabaa haarawaa akka hayyamamuuf cimsanii gaaftaniiru.














