Namoonni gara Awurooppaa imalaa turan qarqara Tuuniziyaatti galaanatti dhuman

Madda suuraa, Reuters
Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Ejensiin Dhimma Baqattootaa akka ibsetti dooniin Liibiyaa irraa kaatee gara Awurooppaa imalaa turte galaana Meeditiraaniyaanii qarqara biyya Tuuniziyaatti garagaluun yoo xiqqaate namoonni 65 du'aniiru. Namoonni 16 ammoo baraaramaniiru.
Baqattoonni lubbuudhaan baraaraman akka yaada kennanitti dooniin kun Kamisa darbe Liibiyaa bakka Zuwaaraa jedhamu irraa kaatee osoo imalarra jirtuu danbalii galaanaa hammaateen garagaltee dhidhimuu dandeesseetti.
Akka gabaasa ejensii kanaatti bara 2019 ji'oota arfan jalqabaa keessa qofa baqattoota Liibiyaarraan gara Awurooppaa imalan keessaa 164 ta'an du'aniiru.
Balaan uumame kun erga jalqaba bara kanaatii balaawwan dooniin galaanatti dhidhimuun mudatan keessaa isa hammaatadha jedhameera.
Namoonni lubbuudhaan baraaraman tajaajila Humna Galaanarraa Tuunisiyaatiin galaana keessaa qarqaratti baafamanii eegumsi taasifamaafii jira. Isaan keessaa namni tokko hospitaala seeneera.
Imaltoonni kunneen biyyoota Afriikaa Saharaadhaan gadiirraa akka ta'antu hubatama.
Namoonni hedduun doonii dhidhimte sanarra waan turaniif tarii baayyinni namoota du'ani dabaluu danda'a shakkiin jedhu jira.

Baqattoonni hedduun waggaa waggaan Liibiyaarraa ka'anii galaana Meeditiraaniyaanii qaxxaamuruun gara biyyoota Awurooppaa imalu.
Doonii dulloomaa fi caccabaadhaan namoota hedduu ta'anii imalu waan ta'eef yeroo hedduu du'aaf saaxilamu.
Erga bara 2017 as garuu lakkoofsi godaantotaa haalaan hir'atee ture.
Sababni isaa Itaaliin godaantonni gara biyyashee akka hin seenne waan dhorkiteef.
Bara kana ji'oota jalqabaa sadan keessa baqattoonni 15,900 galaana Meeditiraaniyaanii qaxxaamuruun gara Awurooppaa seenaniiru.
Kunimmoo kan bara 2018 turerraa harka 17n hir'iseera.
Bara 2018 keessa guyya guyyaan sababa godaansatiin namoonni ja'a du'aa akka turan ragaan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii ni mul'isa.















