Godaantotni lubbuun baraaraman doonii gara Liibiyaatti deebisuuf jettu keessaa bu'uu didan

Madda suuraa, MSF sea
Godaantotni hedduun galaana keessaa erga doonii fe'umsaan baraaramanii gara buufata doonii Liibiyaatti deebi'anii keessaa bu'uu didan.
Gariin isaanii gara Liibiyaatti deebi'uu keenyarra asumatti du'uu nuuf wayya jedhan. Godaantotni kunneen Liibiyaa keessatti namoota karaa seeraan alaa namoota daddabarsaniin qabamanii dararamaa akka turan himaniiru.
Doonittiin torban darbe keessa bidiruu tokkorraa qarqara Lixa Liibiyaatii fuudhuun gara buufata Misiraataa geessite.
Godaantotni kunneen biyyoota gammoojii Sahaaraan gadii fi Kibba Eshiyaa irraati.
Godaantota kanneen keessaa namootni 14 ijoollee nama isaan gaggeesu hin qabnee fi haati daa'imashee waliin doonittii dhiisanii bahuun gara mana hidhaatti geeffamaniiru.
Haa tahu malee al Jaziiraan akka gabaasetti namootni 70 tahan hanga kalessattiyyuu doonittii keessaa hin baane.
Dhaabbanni gargaarsaa tokko namoota reebanii fi qaamni isaanii guggubate wal'aanaa jira.
Godaantotni kunneen galaana Meditiraaniyaanii keessatti bidiruu dhidhimaa jirtu irraa kan fuudhamanii baraaram doonii alaabaa Paanaamaa qabduun akka tahe himameera.
Dhaabbanni Mootummota Gamtoomanii akka jedhetti ammoo godaantotni kunneen Itoophiyaa, Eertiraa, Sudaan Kibbaa, Paakistaan, Baangilaadesh, fi Somaaliyaa irraati.
Lammiin Sudaan Kibbaa umurii waggaa 17 Biiktoor Rooyitarsitti akka himetti, ''akkamitti doonii kana keessaa bahee Liibiyaa keessa akkan turu barbaadda?'' jedhe.
Biiktor akka jedhetti obboleessi isaa fi hiriyyonni isaa Liibiyaa keessaa gidduu gala daddabarsa namaa kan taate Baani Waalid, keessatti harka faddaltota kanaan dararamanii akka du'anis himeera.
Godaantotni kaanis akka doonittiin gara Maaltaati isaan geessituuf gaafatan.
Lammiin Sudaan Kibbaa biraan Sayid Kaayi namootni hundinuu hanga as keessatti duunutti eegna malee asii baanee Liibiyatti hin deebinu jedhu jechuun dubbate.
Dhaabbanni Aminestii Internaashinaal duula mirga namoomaaf gaggeessu godaantotni kunneen erga lubbuun baraarfamanii gara manneetii hidhaa Liibiyaa darara guddaa geessisaniitti deebi'uu hin qaban jedhe.
Akka seera idila adunyaatti namni kamiyyuu bakka nageenya isaaf yaddoo tahetti deebifamee geeffamuu akk hin qabne ibsa.
Liibiyaan gidduu gala karaa faddaaltotni godaantota hin galmoofne seeraan ala gara Awurooppaatti galchanidha.














