Gartuuleen Liibiyaatti wal waraanaa turan Jenevaatti waliigaltee waraana dhaabu mallatteessan

Meshaalee waraanaa loltoonni Liibiyaa milishoota Janaraal Hafxaarirraa to'atan

Madda suuraa, Anadolu Agency

Ibsa waa'ee suuraa, Liibiyaan erga 2011 as hookkara keessa jirti

Libiyaatti gartuulee mootummaa fi mormitootaa walwaraansarra turan marii guyyoota shaniif Jenevaatti taa’amerratti hirmaachuun waligaltee dhukaasa dhaabuu mallattessaan.

Waliigatee kanarratti hogganaa waraanaa biyyattii mootummaa Liibiyaa bakka bu’uun, jeneeraal Kaliifaa Hafxaar immoo mormitoota bakka bu’aniiru.

Waliigatee kanas Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitu qindeesse ture.

Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanitti ergamaan addaa Liibiyaa Istiifanii Wiiliyaams, waligaltichi ‘’lammilee Libiyaatti abdii kan horu’’ jedhan.

Liibiyaan erga koloneel Mu'aammar Gaadaafiin deegarsa NATO’n bara 2011 aangoorra buufamanii biyyattiin tasgabbii hin qabdu.

Biyyi qabeenya boba’aan badhaate kun karaa godaantonni biyyoota Afrikaarraa gara Awurooppaatti ce’an yoo taatu, lammiileen biyyaattiimmoo qe’eesaaniirraa baqachuuf dirqaman.

AFP’n akka gabaasetti, waliigalteen mallatteeffame kun namoonni biyyattii keessatti qe’eesaaniirraa buqqa’an fi godaantonni gara manasaaniitti akka deebi’aniif gargaara jedhan ergamaan addaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii.

Aadde Istiifanii Wiiliyaams itti dabaluun akka ibsitetti, waligalticha hojiirra oolchurratti hojiin guddaan gartuu waliigaltee mallatteessan eeggata.

Mootummaan Liibiyaa beekamti idil-addunyaa qabu magaalaa guddoo Tirippoolii fi naannoo magaalicha marsee jiru yoo to’atu, humnootni jeneraal Kaliifaa Hafxaariin hogganaman Beengaaziirra kutaa baha biyyatti bulchu.