Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
MM Abiy Ahimad fi MM Kaanaadaa waraana kaaba biyyattiirratti 'marii bu'a-qabeessa taasisan'
Ministiroonni Muummee Itoophiyaa fi Kaanaadaa, Abiy Ahimad fi Jastiin Tirudoo waraana kaaba Itoophiyaa ilaalchisee bilbilaan waliin mari'achuu beeksisan.
Ministirri Muummee Itoophiya Abiy Ahimad toora tiwitara isaanii irratti akka jedhaniitti, ''dhimmoota biyyoota lamaa ilaallatu irratti Ministira Mummee Kaanaadaa Jastiin Tirudoo waliin balbilaan marii bu'a-qabeessa ta'e taasifneerra,'' jedhan.
Itti dabaluunis ''MM Kaanaadaa Jastiin hiriyyummaa dhugaa isaatiifi deeggarsa Itoophiyaaf taasisaniin galateeffachuun barbaada,'' jedhan.
Haaluma walfakkaatunis MM Kaanaadaa Jastiin Tirudoo MM Abiy waliin dhimma waraana kaaba Itoophiyaatti gaggeeffamu irratti marii taasisuu himan.
Mr Jastiin ibsa waajjirasaanii toora tiwitara isaanii irratti qoodaniin, marii MM Abiy waliin taasisaniin rakkoo kaaba biyyattii jiruuf ''furmaata siyaasaa barbaaduuf qaamooleen hundinuu hojjachuunii fi waraanichi karaa nagaatiin akka hiikamuuf mariin biyyaalessaa hunda hummataa ta'e barbaachisaa ta'uu cimsuun kaasaniiru,'' jedhe.
Kana malees, yaaliiwwan dippilomaasii Ergamaan Addaa Gaanfa Afriikaa Gamtaa Afriikaa bakka bu'anii, Oluseeguun Obaasaanjoo, kan ammaan tana qaamoleen hundi dhukaasa dhaabuun gara mariitti akka deebi'aniif hojjataa jiranis kaasaniiru jedhe ibsi kun.
Pirezidaantiin duraanii Naayijeeriyaa Oluseeguun Obaasaanjoon torbaniin dura gara Itoophiyaatti imaluun, waraanichaaf furmaata nagaa barbaaduuf haaluma ergama AUn itti kennameetiin MM Abiy dabalee, hogganaa TPLF Dabratsiyoon Gabramikaa'eel (Dr) fi pirezidaantiiwwan naannoo Amaaraafi kan naannoo Oromiyaa waliin marii taasisuun isaanii ni yaadatama.
Kana malees biyyoonniifi dhaabbilee idil-addunyaa yeroo garaa garaatti waraanichi dhaabbatee karaa nagaatiin furmaanni akka argamuuf waamicha dhiyaassaa turuun ni yaadatama.
MM Justiin barbaachisummaa kabaja mirga namoomaa fi kanneen waraanaan miidhamaniif daandii fi dhiyeessii deeggarsa namoomaa hindanqamne jiraachuu cimsuun kaasulleen ibsi kun dabaluun kaaseera.
Akkasumas MM Tirudoon ''waa'ee haasaa jibbiinsaa fi muddamawwan saba jidduutti umamaa jiruun yaadda'uu kaasaniiru'' jedha.
Dureewwan lamaanuu waliin haasa'uu itti fufuun katannoo qaban ibsuu kan kaase ibsi kun, ''MM Jastiin waraanichi karaa nagaatiin akka furamuuf yaaliiwwan taasifaman gargaaruuf ejjannoo cimaa Kaanaadaan qabdu irra deebiin ibsaniiru,'' jedheera.
Waraana waggaa tokkoon dura Tigraay keessatti eegalamuun amma gara naannoolee ollaa Amaaraafi Affaar keessatti babal'ate kanaan namoonni miiliyoonotaan lakkaa'aman qe'eesaanii irraa buqqaafamaniiru.
Hangi lammiilee waraana kanaatiin lubbuu dhabanii sirriitti beekamuu baatulleen, kanneen kumaan lakkaa'aman du'uu akka hin oolle dhaabbileen mirga namoomaaf falman ni tilmaamu.
Kana malees naannoolee Tigraay, Amaaraa fi Affaar keessatti lammiileen miiliyoonaan lakkaa'aman sababiidhuma waraana kanaatiin hirkattoota deeggarsaa ta'aniiru.