Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Obaasaanjoo: Ergamaan Addaa AU imalasaanii Itoophiyaatiin simannaan hoggansa Afriikaa taasifamuuf himan
Ergamaan Addaa Gamtaa Afriikaa fi Pirezidaantiin duraanii Naayijeeriyaa Oluseeguun Obaasaanjoo imala ergama jaarsummaa mootummaa Itoophiyaafi humnootii TPLF jidduutti nagaa buusuuf gara Itoophiyaatti taasisaniin gama lamaaniinuu simannaan hoggantoota Afrikaa taasifamuuf himan.
Mr Obaasaanjoo fi Mootummoota Gamtooman (UN)tti ittigaafatamoon Waajjira Qinindeessaa Deeggarsa Namoomaa Maartiin Giriifiitis Sadaasa 7, 2021 gara Maqaleetti imaluunsaanii ni yaadatama.
Ergamaa Addaa Gamtaa Afrikaa (AU) kan ta'an Mr Obaasaanjoon ergamsaanii jaarsummaa ittiin Itoophiyaa jiraniif ilaalchisuun gaaffiifi deebii sagantaa raadiyoo BBC Focus on Africa waliin taasisaniin, ''jaarsummaaf deemuu kiyya qaamni dide kamuu hinjiru,'' jechuun olola waldhabdee Itoophiyaa keessaa jaarsuumaan haraaraaf hojjachuu hinsimatamne jedhu kuffisan.
Itt dabaluunis, ''Ministirri mummee Abiy Ahimad xiyyeeffannoon ani gaafadhee hunda naa kennaniiru. Gaarummaa olaanaadhaan na kabajan,'' jedhaniiru.
Ergamaan Addaa AU kun imalasaanii guyyaa Dilbataa gara Maqaleetti taasisan wayita ibsanis, ''Pirezidaantiin Tigraay haaluman silaa dureewwan Afriikaa biraatiin simatamuutti buufata xiyyaaraatti dhufuun na simate. Kanaafuu yaadni diduu ykn simatamuu dhabuu jedhu hundi dogongora,'' jedhan.
''Hundumtuu 'Ati muudamuu keetti baayyee gammadneera. Kunis haala itti ta'u qabu ta'uu beekna. Nama jiidduu galu amanamaa barbaadna... Nama si caalu kan biraas argachuu hin dandeenyu' jedhan.''
Haata'u malee ammoo waraana waggaa tokkoof gaggeeffamuun miiliyoonoota eeggattoota gargaarsa nyaataa taasisee kana dhaabuuf maaltu mari'atame? gaaffii jedhuuf deebii kennurraa of qusataniiru.
Mr Obaasaanjoon sadarkaa kanattis osoon gara jaarsuummaa araaraatti hingaliin dura, dhimmoota gareewwan garaa garaatiif barbaachisoo ta'an adda baasuuf yaalii taasisaatiin jira jedhan.
''Duraan dursee hojiin ofii kiyyaa kennee hoggantoota biyyootaa, biyyoota murteessoo keessaa qaamoolee dhimmisaa ilaallatu, kunis Gaanfa Afriikaafi Afriikaan alatti kan argaman waliin mari'achuun, dhimmoota caalaa gareewwaniin barbaachisan adda baasuudha,'' jechuun adeemsa keessa darban himan.
''Waraana keenya ittuma fufna''
Dubbi-himaan Adda Bilisa Baasaa Tigraay (TPLF) Geetaachoo Raddaa gama isaanitiin turtii Wiixata galagala BBC Focus On Africa waliin dhimma kanarratti taasisaniin, ''Mr Obaasaanjoon qaamaan yoo waan gama keenyaan jiru dhagahan kun kan jalqabaati. Marii gaariitu isaaniifi Dr Dabratsiyiin jidduutti gaggeeffameera. Kunis dhimmoota ifa taasisuuf ni gargaara,'' jedhan.
Haata'u malee dhimmota gurguddoo ta'an irratti yaada kennuuf amma yeroonsaa ganaadha jedhan. Haata'u malee jarri lameen haalawwan rakkoofi yaaddoo Itoophiyaa keessa jiru ittiin furamu ni danda'a jedhanii yaadan irratti yaada wal jijjirusaanii Obbo Geetaachoon kaasaniiru.
''Nuti Tigroonni waa'ee duguuggaa sanyii ummata keenya irratti labsamee baayyee yaaddofneera. Kanaafu Dr Dabratsiyoon carraa kanatti fayyadamuun waranaa kana dhaabuuf ejjannoo gama Tigraay maala akka fakkaatu ibseefiira.''
Gaaffii ati akka nama dhuunfaatti waraanni haala kamiin dhaabbachu danda'a jettee yaadda? jechun gaafatamateef Obbo Geetaachoon deebii yoo kennani, ''Rakkoon guddaan motummaan jiddugalaa walaan filamaata godhachusaati... Erguma humnoonni Abiy Tigraay bahanin boodas eddoowwan naannichaa harka humnootii Amaaraa jiran jiru.
''Nuti kan eegnu Abiy waraanicha karaa nagaatiin akka furuudha. Garuu inni waan karaa meeshaalee waraanaa fi taankiidhaan hin argannee daandii nutti cufuun argachuuf yaalaa jira. Kanaafuu ummata keenyaa uggura motummaa Abiyiin irra kaa'amee jalaa baraaruu qabnna,'' jedhan.
Itti dabaluunis ''hanga daa'imman keenyaa beelaa fi hanqina nyaataatiin du'uu itti fufaniitti, nutis waraanaa keenya ittuma fufna,'' jedhan.
Waraanni kaaba Itoophiyaatti gaggeeffamaa jiru itti cimuusaa hordofuun Gamtaan Afriikaa baatiiwwan muraasaan dura pirezidaantiin duraanii Naayijeeriyaa Oluuseeguun Obaasaanjoo walitti bu'insichaaf furmaata nagaa akka barbaadaniif ergamaa addaa gochuun muuduun ni yaadatama.
Imalli Mr Obaasaanjoo amma Itoophiyaatti qajeelaniifis ergamuma Gamtaa Afriikaatiin itti kennamee kana hojiirra oolchuufiidha.
Kana malees waraana kaaba Itoophiyaatti gaggeeffamu kun dhaabbatee furmaanni karaa mariitiin akka barbaadamuuf biyyoonnii fi dhaabbilee idil-addunyaa irra dedeebbiin waamicha taasisan illeen hanga ammaatti bu'aa qabatamaan osoo hin mul'atiin waraanichi akkuma itti fufeetti jira.