Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waraana Tigraay: Daawwannaa Uhuruu, imala Bilinkan fi yaalii araaraa Obasaanjoo
Ministirri dhimma alaa US Antoonii Bilinkan, Wiixata irraa kaasee Keeniyaa dabalatee biyyoota biroo sadii daawwchuuf eegamaa kan jiran, osoo inni Keenyaa hin dhufiin dura, pirezidantiin Keeniyaa Uhuruu Keeniyaataa Dilbata kaleessaa Finfinnee deemaniiru.
Pirezidant Uhuruu Finfinnee yeroo gahanittis Ministira Muummee Abiy Ahimadiifi Pirezidaanti Saahilawarq Zawudeetiin simannaan taasifamuufii miidiyaaleen biyya kessaa gabaasan.
Waajjirri Pirezidaantii Keeniyaa daawwannaa kana ilaalchisuun Uhuruu Keeniyaataa Pirezidaant Saahilewarq Zawudeefi MM Abiy Ahimad waliin marii taasisuu isaanii eereera.
Pirezidaant Uhuruun daawwannaa Dilbata waaree booda sa'aatiiwwaniif Finfinneetti taasisaniin booda galgala keessa gara Naayiroobiitti akka deebiyan miidiyaaleen Keeniyaa gabaasan.
Dhimmoota aanga'oonni biyyoota lamaanii kun irratti mariyatan maal akka ta'e ilaalchisee mootummaa Itoophiyaarraas ta'e gama Keeniyaarraa hanga ammaa wanti jedhame hin jiru.
Haata'u malee, dhimmi ijoon waraana Kaaba Itoophiyaatti deemaa jiru ta'uu akka dana'u ni tilmaamama.
Keessumaa ammoo daawwannaan Pirezidaant Uhuruu Keeniyaataa Isteet Sekreetaarii US har'a gara Afrikaa dhufan dursee taasifamuun isaa Antoonii Bilinkan waliin walqabachuu dana'a kanneen jedhan ni jiru.
Isteet Sekreetaariin US daawwannaa biyyoota Afrikaa sadiitti taasisan har'a jalqabaniin gara Keeniyaa, Naajeeriyaafi Senegaalitti akka imalan dhuma torban darbee waajjirri isaa beeksisee ture.
Daawwannaan aanga'aa US guyyoota jahaa kun Naayiroobii irraa akka jalqabu kan eegamu yoo ta'u, pireziantii biyyattii waliin walarguun dhimmoota Itoophiyaa, Somaaliyaafi Suaan keessa jiran dabalatee mata-dureewwan biroorratti ni mariyatu jedhameera.
Keeniyaan biyyoota Gaanfa Afrikaafi Afrikaa Bahaa keessatti argaman keessaa tasgabbooftuufi yeroo ammaa michoo dhiyoo Ameerikaa yoo taatu, biyyoota naannawichaa waliin keessattuu Itoophiyaa waliin hariiroo gaarii biyya qabdudha.
Erga waraanni Kaaba Itoophiyaatti jalqabee kaasee aanga'oonni olaanoo Ameerikaa rakkoo nageenyaa naannawicha keessatti uumamerratti pireziantii Keeniyaa waliin mariyachaa kan turan yoo ta'u, dhiyeenya kanas Pirezidant Uhuruu Waashingitan daawachuun Pirezidant Joo Baayidan waliin mariyachuun isaanii ni yaadatama.
Kanaan alattis Ergamaan Addaa Ganfa Afrikaa mootummaa Ameerikaa Jefirii Feltimaan rakkoo Itoophiyaa keessa jiru ilaalchisuun aanga'oota Itoophiyaa waliin erga mariyatanii booda guyyoota lamaaf gara Naayiroobiitti imalanii ture.
Carraaqqii Obasaanjoo
Waraana humnoota mootummaafi finciltoota TPLF gidduutti gaggeeffamaa jiruuf furmaata karaa nagaa argamsiisuu kan dandeessisu yaadni walii galchisiisu argamuu akka anda'a abdii akka qaban Ergamaan Gamtaa Afrikaa Oluseguun Obasaanjpp ibsaniiru.
Waraanno Kaaba Itoophiyaa waggaa tokko guute kun akkuma itti fufee jiru kanatti rakkoo kanaaf falli kanaraa mariin akka argamuuf dura ta'aan Gamtaa Afrikaa kan muudan pireziantiin duraanii Naajeeriyaa Obsasaanjoon, mootummaa Itoophiyaas ta'e gaggeessitoonni TPLF wantota dursa kennuufiif qabu jedhan kaa'uu isaaniillee eeraniiru.
Ergamaan Addaa Gamtaa Afriikaa AU Mr Obaasaanjoon, ibsa guyyaa Dilbataa dowwannaasaanii dhiyeenya Itoophiyaatti taasisan keessatti maal maala kka raawwatan ilaalchisuun baasaniin, ''nageenyaaf malli amansiisaa fi itti fufaan marii qofaadha'' jedhan.
Obasaanjoon marii aanga'oota mootummaa Federaalaafi gaggeessitoota Tigraay waliin taasisaniin alattis gaggeessitoota naannolee Oromiyaafi Amaaraa waliin mariyataniiru. Gara fuula duraatti ammoo gaggeessitoota naannoo Affaar waliin akka taasisullee Obasaanjoon ibseera.
Kanaan alattis, gaggeessitoota biyyoota naannawaa jiranii akka Keeniyaa, Yugaandaa, Jibutii, Somaaliyaa, Sudaan Kibbaafi Sudaan waliinillee akka mariyatan ibsi isaanii kun eereera.
"Waraanni bu'aa/agarsiiftuu kufaatii siyaasaati. Walitti bu'insaaf falli karaa lolaatiin hin jiru. Injifannoon dirree waraanaatti argamu Itoophiyaa keessatti tasgabbii siyaasaa amansiisaa ta'e hin fidu. Kana waan ta'eef, mariidhaan nagaa buusuun karaa furmaanni waaraafi amansiisaan ittiin dhufu tokkicha," jedhan.
Mariin walitti bu'insa waraanaa keessatti gaggeeffamu bu'aa barbaadame waan hin fidneef qaamoleen hundumtuu haleellaa waraanaa dhaabuun mariin akka itti fufuuf carraa akka kennaniif gaafataniiru Obasaanjoon.
Qaamoleen waraanicha keessatti qooda fudhachaa jiraniin alatti gaggeessitoonni sadarkaa Afrikaafi addunyaatti jiran carraaqqii araraa taasisaa jiruuf itti fufuun akka isa deeggaran gaafachuun, "beekaniis ta'e osoo hin beekiin gochawwaniifi dubbiiwwan akka walitti bu'insichi hammaatu taasisanirraa akka of qusatanillee," Obasaanjoon gaafataniiru.
Waraana waggaa tokko dura naannoo Tigraay keessatti jalqabee yeroo ammaa kana ammoo gara naannolee Amaaraafi Affaaritti babal'ate kanaaf furmaanni karaa nagaan akka dhufuuf qaamoleen gaafatan itti fufuun dhiibbaa gochaadhuma jiru.
Keessattii Gamtaa Afrikaatiin kan ramadaman Oluseguun Obasaanjoo torban lamaan asitti Finfinneetti aanga'oota olaanoo Itoophiyaa waliin, Tigraay deemuun ammoo aanga'oota naannichaa waliin Maqaleetti walarguun dubbachuun isaanii ni yaadatama.
Obasannjoon carraaqqiin isaan taasisan haala gama lamaaniin jiru hubachuuf taasisan akka ta'eefi simannaan gaariin akka taasifameefillee ibsaniiru. Walitti bu'insichaaf furmaanni atattamaa akka barbaachisuufi carraafi yeroon jiru ammoo murta'aa ta'uu Mana Maree Nageenyaa Mootummoota Gamtoomaniifis ibsaniiru.
Mootummaan Itoophiyaa waraanichi furmaata karaa nagaa akka argatuuf fedhii akka qabu kan ibse yoo ta'u, kanaaf ammoo adda durummaan bakkawwan qabatanii jiran naannoo amaaraafi Affaar keessaa akka bahan eeruun haaldureewwan biroos kaa'eera.
Gama TPLFn ammoo haaldureewwan kanaan dura kaawwaman kan jiran yoo ta'an, bu'aa carraaqqiin Obasaanjoon taasisan fidu yeroo itti aanu keessatti kan ilaalamu ta'a.
Sababii waraana Kaaba Itoohiyaa kanaatiin lakkoofsi namoota du'anii sirriitti beekamuu baatus, kumaatamaan kan lakkaa'aman lubbuu dhabuu akka hin oolle hedduun ni tilmaamu.
Kanaan alattis, naannolee Tigraay, Amaaraafi Affaar keessatti namoonni miliyoona torbaa ol ta'an nsababuma waraana kanaarraa kan ka'een gargaarsi kan isaan barbaachisu yoo ta'u, kanneen keessaa ammoo lakkoofsi namoota qe'ee isaaniirraa buqqa'an xiqqaa miti.
Namoonni miliyoona walakkaatiin ol ta'an ammoo beela hamaaf saaxilamuutti dhiyatanii akka jiran Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii kanaan dura ibsee ture.
Odeessaalee biroo kana waliin deemaniif:
- Facebook Itoophiyaa keessa walitti bu’iinsa hammeessuun itti gaafatamaa?
- 'Waraanni bu'aa kufaatii siyaasaati' - Oluseegun Obaasaanjoo
- Weellisaa Taarikuu haasaan waltajjiirratti taasiseen 'sarara keessaa bahuu koof dhiifaman gaafadha' jedhe
- Qondaalli olaanaa Bulchiinsa Yeroo Tigraay duraanii haala naannichatti yeroo sana ture maal himu?