Waraana Tigiraay: UKn rakkoo nageenyaa Itoopiyaa keessa jiruuf lammiileeshee atattamaan bahaa jette

Walitti bu'insi Itoophiyaa keessaa hammaachaa deemuurraa kan ka'e UKn lammiileeshee atatammaan akka biyyattii keessaa bahaaniif akeekkachiifte.

Mootummaan UK lammiileensaa balalii kamiyyuu gara Itoophiyaatti akka hin gooneef akeekkachiseera.

Dhuma torban darbee keessas Embaasiin Ameerikaa magaalaa Finfinneetti argamu lammiileen US Itoophiyaa jiran atattamaan biyyattii dhiisanii akka bahan gorsa dabarsuun isaa ni yaadatama.

Ouu walqabateen, biyya Afrikaa kan taate Zaambiyaanis lammileen ishee Itoophiyaa keessa jiran baafatteetti.

"Ajaja kiyyaan lammileen keenya nagaan Itoophiyaa keessaa bahaniiru. Tumsaafi dhimmamuu aanga'oonni taasisaniif ni galateeffanna. Eessayyu ta'an tokkoon tokkoo lubbuu lammilee Zaambiyaa dhimma dursi kennamuufiif qabudha," jedhan pirezantiin biyyattii Hakaayindee Hichilemaa ergaa fuula tiwiitara isaaniirratti maxxansaniin.

Waraanni mootummaa Itoophiyaa fi hidhattoota TPLF gidduutti jalqabee waggaa tokko caalaa ture kana caalaa hammaachuu akka dandahu akeekkachiise.

Lammiileen UK biyyicha keessa akka jiran hin ibsamne. Garuu qondaalonni mootummaa biyyichaa ni bahu jedhanii eegan dhibbaan kan lakkaa'amanidha.

Waraana lubbuu kumaatamaa akka darbuuf sababa tahe kanatti xumura gochuuf hojiin dippilomaasii guddaan hojjetamaa akak jiru gabaasaan dhimma dippilomaasii BBC Jeemsi Laandaalee himeera.

Sochiin gareen finciltootaa bababl'ataa kan dhufe yoo tahu magaalaa Finfinnee gahuu malu sodaan jedhs jira.

'The Foreign, Commonwealth & Development Office' (FCDO) ibsa isaa keessatti guyyoota dhufan keessatti Itoophiyaa keessaa bahuun ulfaataa tahuu mala. Kanaaf lammiileen UK ''yeroo balaliin uummataa jiru kanatti'' biyyicha gadhiisaa bahaa jedhe.

Itti dabaluun ''yeroo haalli nageenyaa fi siyaasaa biyyattii rakkoorra bu'etti, imbaasiin Biriiteen tajaajila kennu xiqqeessuu danda'a. Yeroo muddamaatti FCDO akka isin baasuuf irratti hin hundaa'iinaa,'' jedhe.

Akkasumas Itoophiyaa keessa gara Buufata Xiyyaaraa Booleetti malee gara kamittuu imaluu akka hin qabnes hubachiise.

UN yoo waraanni naanno Tigiraay hin dhaabbanne Itoophiyaan gara waraana walii waliiniitti seenuu malti jechuun akeekkachiiseera.

Waraanichi Sadaasa 4, 2020 yeroo buufanni waraanaa raayyaa ittisa biyyaa Maqalee jiru humnoota TPLF'n haleelame eegale.

MM Abiy Ahimed haleellaa dhaqabe deebisee qolachuuf humna waraanaa hedduminaan gara naannichaatti bobbaase.

Wal dhabdee siyaasaa ji'ootaaf MM Abiyyii fi hoggantoota TPLF gidduu ture hammaachaa adeemuun booda gara waraanaatti seename.

Waggoota 30tti siquuf TPLF ol aantummaan Itoophiyaa bulchaa ture. Warraaqsa uumataa biyyichatti ka'een bara 2018 MM Abiy Ahimed gara aangootti dhufan.

MM Abiy akkuma aangoo qabataniin haaromsa adda addaa biyyichatti jalqaban. TPLF garuu yaadota hedduu irratti didaa ture. Kun guddataa deemuun gara wal dhabdeetti galame.

Sochii humnootni TPLF gara Amaaraatti godhan dabalaa dhufuu irraa kan ka'e Itoophiyaan labsii yeroo muddamaa ji'a jahaaf turu labsite.