Maatiin dogoggora wal’aansaatiin 'daa’ima nama biraa dahan’ mana yaalaa himatan

Haatii warraa fi abbaan warraa Kaaliforniyaa erga kilinkiin mala wal'aansa (Invitro fertilisation (IVF)) jedhamuun akka daa'ima godhataniif gargaru tokko miciree dogongoraa erga wal jala fuudhuun kenneefi booda daa'ima nama biraa dahan.

Tatee kanaan wal qabatees haatii warraa fi abbaan warraa kunneen kilinikiicha himachun isaanii dhagahame.

Haatii warraa fi abbaan warraa Daafnaa fi Aleeksaandar Kaardinaal baatii Fulbaanaa bara 2019tti mucaa dubaraa isaan hin fakkaannee dahuu himan.

Erga qorannoon qaccee sanyii (DNA) taasifameen booda, daa'imni IVFn dahan kan isaanii akka hin taane himan.

Invitro fertilisation (IVF) tooftaa sanyiin dhiiraa fi kan dubartii gadameessaan alatti erga wal simsiifamee booda gadameessaa keessa kaa'amee mucaan ittiin dhalatudha.

Daafnaa fi Aleeksaandar daa’imni isaan dahan kan isaanii akka hin taane erga adda baasanii booda, maatii daa'ima isaanii dahan adda baasuun daa’imman deebisanii wal geeddaruuf murteessan.

Taateen kunis dogongora adeemsa wal’aansa IVF irratti uumamee kan jalqabaa miti.

Wallaansi IVF jechuun adeemsa mala yaaliitiin killeen sanyii dubartiifi dhangala'aan sanyii dhiiraa (sperm) laaboraatorii keessaatti erga miciree akka uumu taasifameen booda gaddameessa dubartii keessa kaa'amuun akka guddatee daa'imtii dhalatu itti taasifamuudha.

Haatii warraa fi abbaan warraa kan ta'an Daafna fi Aleeksaandar Kardineel, Jiddugala Walhormaata Fayyaa (CCRH) Loos Anjalasiitti argamu, fi Laaboraatorii In VitroTech jedhamurratti himannaa banan.

Himata kanaanis, yakka shakkala wal'aansaa sirrii hin taanee, of eeggannoon kan hanqatee fi balleessa dhorkuun jedhan irratti dhiyeessan. Dhaabbata lamaan irraayyu yaada akka kennaniif BBC gaafatulleen deebii argachu hin dandeenye.

Ibsa Wiixata miidiyaaleef kennan irratti, Aadde Dafnaan miiraan guutamuun, ''cabni qalbii fi burjaajiin maatii kiyyaa hubatamu hin danda'u,'' jette.

“Yaaddannoon da’uumsaa keenya yeroo hunda dhugaa daa’imni keenya nama biraaf kennamuu isheen kan faalame ta’a, akkasumas da’iimni ani da’uuf itti rakkadhe ammoo kankoo miti.”

“Daandeetti daa’ima ofiikootii garaatti baachuutu narraa saamame,” jetti Aadde Daafnaan.

Akka himati kun ibsutti, jaalalleewwan kun wal’aansaaf gara kilinikichaa kan deeman bara 2018'tti ture.

Aadde Daafniin wagga itti aanuu daa’ima kan ishee seete deesse.

Kutaa da’uumsaa keessatti, Aleeksaandar daa’imni isaa akka mucaa isaanii hangafaa “mucaa addaattu taatii” jedhee eege kan ture ta’us, daa’mni kun garuu “ bifa caalatti magaala” qabuun dhalatte, jedha himatni kun.

Gara ji’a lamaa booda, maatiin kun qorannoo DNA manatti yemmuu taasisan, akka daa’imni kun kan isaanii akka hin taane barani.

Sana booda CCRH akka isaan maatii daa’ima isaanii da’an akka argataniif isaan gargaarani.

Yeroo jalqaba daa’ima isaanii ishee sirri argatan umuriin ishee gara ji’a afurii turte. Erga marii hedduu taasisanii fi adeemsa seeraa adda addaa hordofanii booda maatiin kun Amajjii 2020tti daa’immaan isaanii maatii sirri waliin wal geeddaruuf murteessani.

“Daa’imakoo harma hoosisuurra, daa’ima booda deebisee kennuuf dirqamuun hoosisaa ture,” jetti Daafniin.

Taateen kun daa’ima isaanii hangafaa gannaa torbaa kan jijjiirraa kana hin hubbanneef ciimaa akka tures himteetti.

“Hammeenyi taatee kanaa kan salphaatti ilaalamu miti,” jedha himatni kun.

Dafnii, ooggeettii xiinsammuu fi Aleeksaandar weellisaan, erga sanaattii “mallattoo gaddaa, yaaddoo fi birrannaa balaa boodaa (PTSD)” waan irratti mul’ateef wal’aansa xiinsammuu akka argachaa turanis himameera.

Abukaatoon isaanii Adam B Wollfi, maatiin warri biro walm aka kanaan miidhamniis himata banuu akka barbadan ibsuun, eenyummaa isaanii garu ibsuu akka hin barbaadne himeera.

Bara 2019’tti, maatiin Kaalifoniyaa biroon daa’imni isaanii Niiw Yoork keessatti akka dhalatte baraniiru. Dubartiin daa’ima isaanii garatti baattee, mucaa kennuu waan hin feeneef ishee himataniiru. Manni murtee maatiin daa’ima warri sirri akka fudhataniiniif murteesseera.