MM Iraaq, Musxaffaa al-Kadiim, haleellaa diroonii manasaaniirratti raawwatame jalaa miliqan

Ministirri Muummee Iraaq Musxaffaa al-Kadiim, haleellaa mana jireenyaa isaanii kan magaalaa gudditti biyyattii Baagdaad jiru irratti dirooniin raawwatame jalaa osoo hin midhamiin miliquu isaanii himame.

Manni ministira muummichaa magaalaa Baagidaad bakka nageenyi isaa fooyyee qaba jedhamu high-security Green Zone ta'e keessatti argama.

Dirooniin (xiyyaara nam-maleessi) meeshaa dhodho'an fe'atte gamoo mana jireenyaa aanga'aa kanaa haleeluun eegdota isaa ja'a madeesseera.

Aanga'oonni akka jedhanitti haleellaan yaalii ajjeechaa ifatti gaggeefamedha.

Yaalii ajjeechaa jedhame kanaan, Ministirri Mummee al-Kadiim gara hospitaalaatti akka geeffaman miidiyaaleen gabaasanii turan.

Haleellaa kanaa booda Mr Musxaffaa al-Kadiim, "tasgabbaa'aa, nama kamuu tuquurraas of eeggadhaa," jechuun ergaa dabarsan.

Haleellaa hokkara bo'aa filannoo dhiyeenyaa hordofee uumameen walqabatee raawwatuun hin oolle kana US fi Iraan balaaleffataniiru.

Odeeffannoon maddeen nageenyaa irraa argaman akka jedhanitti, haleellaa Ministirri Muummee Iraaq Musxaffaa al-Kadiimii irratti raawwatme kanaaf dirooniiwwan sadii kan bobbaafaman yoo ta'u, isaan keessaa lama rukkutaamanii akka kufan taasifamaniiru.

Dirooniiwwan kunneenis Rippabiulikaan Birgeed kan Laga Bishaan Taayigirasitti dhiyoo jiru irraa ergaman jedhameera.

Haleellaa kanaaf qaamni itti gaafatamummaa fudhate hin jiru.

Kana malees, haleellaawwan walfakkaataa magaalattii keessattii gamooleen mootummaa hedduu fi imbaasiiwwan biyyoota adda addaa irratti gaggeeffamaniif qaamni itti gaafatamummaa fudhate hin jiru.

Mootummaan US haleellaa kana balaaleffachuun, qorannoo gaggeeffamu irratti gargaarsaa dhiyeesseera.

“Kun gocha shororkeessumma, wiirtuu bulchiinsa Iraaqii irratti xiyyeeffatee fi nuti ciminaan balaaleffannudha,” jechuun dubbii himaan ministeera dhimma alaa Ameerikaa Need Piraayis ibsaniiru.

MM al-Kadaamii, hogganaa wajjira tikaa kan turan, Caamsaa bara darbe aangootti muudamani.

Torbanoota dhiyoo keessatti, gartuleen iyaasaa Iraan waliin hidhata qaban naannoo Green Zone’tti hiriira mormii gaggeessaa turani.

Hiriira kan irratti, bu’aan filannoo ji’a darbee rakkoo qaba ture jechuun mormii isaani dhageessisaniiru.

Torban kana waldhabdee qaamolee nageenyaa waliin uumameen namootni 100 ol madaa’aniiru.