Waraana Tigraay: Finfineetti namoonni kuma hedduutti lakkaa'aman mootummaa deeggaruun hiriira bahan

Waraanni Kaaba Itoophiyaa waggaa tokko guute karaa nagaa fala akka argatuuf dhiibbaan idil-addunyaa yeroo cimaa jirutti namoonni kuma hedduutti lakkaa'aman mootummaa deeggaruun hiriira bahan.

Hiriira aanga'oonni Dilbata qopheessan kun magaalaa guddoo Itoophiyaa, Finfinnee keessa Addababaayii Masqalaatti kan gaggeeffame yoo ta'u, jiraattonni magaalaa Finfinnee kutaalee bulchiinsaa magaalichaa keessaa walitti dhufan hirmaataniiru.

Kantiibaa magaalaa Finfinnee Aadde Adaanecha Abeebee dabalatee aanga'oonni biroon hiriira kana irratti argamaniiru.

Jiraattota Finfinnee mootummaa deeggaruun bahan kanaaf haasawaa kan taasisan Kantiibaa Adaanech, "Finfinneen gootoota ijoolleesheetiin marfamte jirti," jechuu isaanii miidiyaaleen biyya keessaa gabaasaniiru.

Gareen finciltootaa TPLF magaalota naannoo Amaaraa barbaachisoo ta'an Daseefi Kombolchaa erga qabatanii booda, gara maagaalaa guddoo Itoophiyaattillee qajeeluuf fedhii akka qaban ibsaa turan.

Aadde Adaanecha haasaa taasisaniin barbaachisummaa tokkummaan qaabachuu yeroo ibsan, " Nama dhuunfaa ta'uurra maatii ta'uu, maatii ta'uurra ummata ta'uu, ummata ta'urra biyya ta'uutu caalaa," jedhan.

Miidiiyaaleen gara garaa sobaan Itoophiyaarratti duulaniiru jechuun kan qeeqan Aadde Adaanech, erga qorannoon dhugaa Ityoophiyaa ifoomseellee kan dhiifama gaafatan tokkollee hin jiran jedhan.

Kan bilisummaafi birmadummaa keenyatti dhufuu gaabbiifi of duuba deebi'uu tokko malee wareegamuuf duubatti hin deebinu kan jedhan Kantiibaa Adaanech, "Ijoollee Adwaa ta'uu keenya dagachuun AGOAn nu doorsiisuu barbaadu; Adwaan bilisummaadha AGOAn deeggarsa," jechuun ibsan.

Hiriirri deeggarsa mootummaa federaalaa kun Finfinneen alattis guyyoota darban muraasa keessa magaaloota biraattis gaggeeffameera.

Hiriirtoonnis dhaadannoowwan Finciltoota TPLF fi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) kan mootummaan 'ABO-Shane' jedhu balaaleeffataniifi mootummaa deeggaru agarsiisan qabachuun mul'ataniiru.

Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UNSC) marii dhimma waraana Itoophiyaarratti guyyoota gaggeesseen sagalee tokkoon waraanni atattamaan akka dhaabbatuufi waliigalteen dhukaasa dhaabuu waaraan akka raawwatamau gaafateera.

Erga waraanni Itoophiyaa eegalamee Manni Maree Nageenyaa UN ibsa waloo yeroo baasu kun isa lammataati.

Manni Marichaa wixinee ibsa waloof fudhatama kenne malee mariin banaan Jimaatatti gaggeessuuf karoorfamee ture gara Wiixataatti dabarfameera.

Manni marichadhimma waraana Itoophiyaarratti amma dura yeroo kudhan mariyateera.

Sababa waraana Kaaba Itoophiyaatti dhalateen naannolee Tigraay, Amaaraafi Affaar keessatti walumatti namootni miiliyoona torbaa ol ta'an deeggarsa namoomaa akka barbaadaniifi Tigraay keessatti qofa namootni walakkaa miiliyoonaata'an fiixee beelaarra jiraachuu UN ibseera.