Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Haalluun Biiftuu keelloo maaliif hin taane?
Ijoollummaa keenyarraa kaafnee yeroo fakkii Biiftuu kaasaa jedhamnu halluu keelloodhaan fakkeessina. Yeroo bahaafi lixa Biiftuu agarsiisuu barbaannu ammoo haalluu diimaa xiqqoo itti makna.
Ta'ulleen iddoon gidduu Biiftuu jiru keelloo, diimaaa yookan haalluu bifa burtukaanaa kan qabus miti. Kanarra haalluun sadanuu kan itti walmakaniifi haalluwwan biroo kan makatedha.
Biiftuun walitti fufiinsaan balaqqeewwan (carallaawwan) haalluu adda addaa gadhiisti.
Waan ittiin aduu ilaalan (Piriizim) fayyadamanii namootni Biiftuu ilaalan haalluwwan akka diimaa, keeloo,magariisa. Cuquliisa, indoogoofi vaayoleetiittii kan qoodame ta'uu hubatu.
Akkuma kan sabbata waaqaa Biiftuu keessattis walgeettii Haalluwwaniitu jira.
Dhugaan jiru sabbatni Waaqaaa akka ifa Biiftuu isa copha bishaanii keessa darbuutti fakkaatee nutti mul'ata.
Ta'ulleen haalluuwwan hedduu kan qabdu Biiftuun dhugumaan kan nama gammachiistu fakkaattulleen garuu sirrii miti.
Sababa kanaafi haalluuwwan Biiftuun gadhiistu hundi yeroo walitti makaman haalluu bifa tokko qofa kan argannu.
Maal akka ta'e hubachuu yoo barbaanne samii irra ijoon isaa jira. Innis ifti aduu kan nutti balaqqeesisan duumessoonni haalluu keelloos ta'e kan biraa kan qaban miti. Halluun isaanii adiidha. Sababni ammoo haalluu sirrii aduun gadhiistutu isa.
Maaliif halluu keelloo arginaree?
Haalluuwwan Biiftuu keessa jiran tokkoon tokkoon isaanii fageenya danbalii mataasaanii qabu. Fiixee tokkoon dambalii dheeraa kan qabu halluu diimaadha.
Sanirraa dheerinni daaambalii halluuwwanii Diimaarraa gara halluu burtukaanaa, gara magariisaa, cuquliisa, Indoogoo fi Vaayoleetiitti hir'achaa gara haalluu dambalii dheerinaa gabaabaa qabutti darba.
Footonoonni (Photons) Halluuwwan dambalii dheerina gabaabaa qaban kanneen dheeraa irra qilleensa naannoo keessa faffaca'anii argamu.
Ifti Biiftuu qilleensa naannoo lafaa keessa wayita darbu molokiyuulonni qilleensa keessa jiran dambalii gabaabaa fotonootaa waljala dhahu. Saniin booda halluuwwan piriizimii dambalii dheeraa irra jiran salphumatti gara ija keenyaa gahu.
Dhaabbata 'The astronomers diary' jedhamu kan bulchu Enjil Molina "Qilleensi naannoo carallaa ifa aduu akkaan hamaa ta'e ittisa. Keessumaa carallaa altiraavaayoleetii fi cuquliisa irraa dhufan" jedha.
"Kanaaf akka ampuulii hoo'eetti Biiftuun halluuwwan qilleensa qabbanaa'aadhaan irraa hambifamaniin malee lafarratti mul'atti.hoo'atii gara Halluu keellootti dhihaachaa mul'atti"
Yunvarsiitii Ripabliika Uraagaayitti kan barsiisan Gonzalo Tankireedii BBC'tti akka hi,anitti halluuwwan biiftiu Magariisarraa hanga Vaayoleetii jiran kanneen damabalii dheerina gabaabaa qaban erah walitti dhufaniin booda ifti biiftuu haalluu keelloo gidduu walmakiinsa kanaarratti mul'ata jedhan.
Biiftuu halluu magariisaa
Miidiyaaleee hawasaa yookan weebsaayitoota adda addaa irratti Bifti Biiftuu keelloodha kan jedhu isin mudatee taha.
Akka Gonzalo Tankireedii jedhutti kuni kan tahe osoo ispeektiramii Biiftuu kan haalluu hedduu qabu hojjennee naannoo haalluu magariisaatti olka'iinsaa kan qabuu fi gaara fakkaatee waan mula'tuufi jedha.
Iji namaa halluu carallaa Biiftuu adda baasuu hin danda'u. meeshaaleen garaagarummaa kana mul'isuu dandahan garuu nijiru. Bu'aan isaa halluu Magriisa keessatti gudda akka ta'e ni argu.
"Ta'ulleen yoo nuti dambaliiwwan dheerina gabaabaa qaban kanneen akka cuquliisaa yoo achii dhabamsiisne fiixeen isaa gara halluu Keellootti geeddarama. Kuni ammoo maaliif Bifa halluu keelloo lafa irratti akka arginu xinxaluuf gargaara" jedha Gonzalo Tankireedii.
Halluu diimaan lixa Biiftuu hoo?
Biiftuun yeroo baatuu fi lixxu bakka fiixee lafaatti dhihoo ta'etti argamti. Kuni ammoo carallaawwan biiftuu hedduun molokiyuulota qilleensa naannoo keessa akka darban godha.
Kuni ammoo Halluu Magariisa baayyee jeequun halluuwwan dambalii dheeraa qaban kanneen akka Diimaa fi Halluu Burtukaanaa caalaatti bifa Biiftuu akka too'ataniif carraa uuma.
Ta'iin akkanaa maqaa qaba. Jaarraa 19ffaa keessa hayyuun Fiiziksii Biyya Briiten lord Reyileyin kan mogga'e 'Reyiley iskaterin' jedhama.
Biiftuun samiirra yoo sochootu fiixeen ishee karaa lafaatiin jiru walirraa citiinsa malee jijijjiirama. Kunis yeroo biiftuun lixxu halluu diimaa dabalatee yeroo adda addaatti halluuwwan adda addaa akka mul'istuu taasisa.
Barreeffamni kuni wa'ee uumama raajii hawaa keessaa waan tokko akka isin hubaachiise abdii qabna. Garuu Teleskooppiis ta'ee daawwitii ijaa fayyadamtanii Biiftuu kallattiidhaan ilaaluu hin qabdani.
Kuni agartuu keessan irratti balaa yaalaan hin fayyamne yookaan ammoo ijallee isin jaamsuu waan danda'uufi.