Oromiyaa iddoowwan adda addaatti tajaajilli interneetii ‘Mobile Data’ addaan cite

Oromiyaa iddoowwan adda addaatti tajaajilli Interneetii ‘Mobile Data’ akka adda cite jiraattonni BBC’tti himan.

A L I Onkololeessa 21 bara 2014 guyyaa waaree booda sa’aatii 8:00 irraa eegaluun addaan kan cite tajaajilli interneetii kun magaalota akka Adaamaa, Harar, fi magaalota Naannawaa Finfinnee jiran keessatti sa’aatiiwwan muraasaan booda deebi’eera.

Tajaajilli intarneetii “Mobile Data’ kun Oromiyaa iddoowwan kaanitti deebi’us magaalota Sulultaadhaa hanga Qarree Gohaa jiranitti ammalleen akkuma badetti akka jiru BBCn jiraattota naannichaa irraa bilbilaan qulqulleeffateera.

Iddoowwan kunneenitti tajaajilli Bilbilaa fi WIFI garuu ammalleen akka hojjetu himu jiraattonni.

Magaalota akka Amboo fi Naqamteettis cicitiinsi tajaajila intarneetii moobaayilaa kun akka jiru jiraattonni magaalichaa BBCtti himaniiru.

Mootummaan iddoowwan rakkoon nageenyaa jirutti tajaajila bilbilaafi interneetii adda kutuun yeroo hedduu kan mul’atu yoo ta’u, ji’ootaan duras tajaajilli interneetii kun godinaalee Wallagga afran keessatti adda citee akka ture ni yaadatama.

Tajaajilli interneetii ‘Mobile data’ amma magaalota Oromiyaa adda addaa keessatti adda cite kun sababni isaa maal akka ta’e adda baafachuuf yaaliin taasifne nuuf hin milkoofne.

Qaama dhimmi ilaallaturraa yeroo deebii argannutti kan qabannee isiniif dhihaannus taha.