Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Maqaan haaraa Facebook 'Meta' jedhu afaan Ibraayisxiin 'du'aa' ta'uun qoosaa uume
Feesbuuk maqaa isaa Meta kan jedhutti geeddaruu isaa beeksisuun booda Israa’eel keessatti jechi kun hiika ‘du’aa’ jedhu waan qabuuf mata duree ta’eera.
Jechi Meta kun akka maq ibdii dubaraa jecha Hibruu(ibraayisxii) kanaatti sagaleeffama.
Namootni hedduun wa’ee maqaa kanaa irratti yaada isaanii Twitira gubbaatti hashtaagii '#FacebookDead' jedhuun qodaa jiru.
Tola ooltonni hojii lubbu baraaraa Zaka’nis, Tiwiitara irratti ergaa “Hin yaadda’iinaa, nuti ni hordofna” jedhu hordooftoota isaaniif barreessaniiru.
Fayyadamaan Tiwitaraa biraan “Dubbattoota Afaan Hibruu hundaaf sababa ittiin koffallu waan nu kennitaniif galatoomaa,” jechuun barreeseera.
Hiika maqaa isaatiin dhaabbatti itti ga’isame Feesbuuk qofa miti.
Fakkeenyoooti muraasa kunooti.
“Qubakee ofirraa nyaadhu”
Yemmuu KFC’n bara 1980’n keessa Chaayinaatti baname, dhaadannoo isaa “finger likin’good” jedhu jiraattota biyyatti biratti akka ta'utti hin simatamne.
Hiiki dhaadannoo kanaa Afaan Mandariiniin “ qubakee ofirraa nyaadhu,” kan jedhu ta’a.
Ta’us garuu kun dhaabbaticha badaa hin miine. KFC’n biyyatti keessatti dhaabbata nyaata gurguddoo jiran keessaa isa tokkodha.
“Xaa’oo”
Warshaan konkolaataa Rolls-Royce maqaa konkolaataa isaa Silver Mist jedhu geddareera, sababiin isaas jechi ‘mist’ jedhu Jarman keessatti hiika “bobbaa” jedhu qaba.
Kanaaf maqaan konkolaataa kanaa Silver Shadow kan jedhutti geeddameera.
Bara 2011 ammoo Nokia’n yemmuu bilbila isaa Lumia jedhamu gadhiise, deebii eege hin arganne.
Afaan Ispaanishiin Lumia hiika hojjatu wal qunnamtii saalaa jedhu qaba, ta’us garuu kun loqoda irratti hundaa’a.
Honda’n garuu carra qabeessa ta’ee miliqe. Konkolataa isaa tokko maqaa Fitta jedhuun moggaasuuf ture, kun ammo afaan Iswiidishiin hiikisaa, jecha arrabsoo qaama saala dubaraa ittiin ibsamudha. Afaan biroo adda addaanis hiika gaarii hin qabu ture.
Ta’us rakkoon kun dursamee hubatamee, maqaa konkolaataa kanaa biyyoota hedduu keessatti Jazz jechuuf murteessani.