Sudaan: Baankii Addunyaa erga waraanni aangoo qabateen booda maallaqa dhowwate

Baankiin Addunyaa Sudaanitti waraanni fonqolcha gaggessuun mootummaa sivilii diiguu hordofee deeggarsa maallaqaa biyyattiif kennuuf ture dhowwate.

Haanga'oonni siyaasaa sivilii Wiixata hidhamuunmormii biyyattii guutuufi balaalleeffannaa idil-addunyaa kaaseera.

Gamtaan Afriikaas akkasuma Sudaaniin sababii ''aangoo dhuunfachuun heera-maleessa'' jedheetiin sochiilee isaa hunda irraa dhorkeera.

Ameerikaanis deeggarsa doolaara miiliyoona 700 dhowwachuu beeksiifteetti.

Aanga'oonni siviliifi waraanaa Sudaan waggoota lamaan darban keessaa haala qoodinsa aangoo irratti waldhabdee cimaa keessa turan.

Deeggarsi kun irraa dhaabbachuun ammoo dinagdee biyyattii dadhabaa kan bayyannachuuf yaaliirra tureef miidhaa guddaa akka qabaatu himama.

Baankii Addunyaafi Gamtaan Afriikaa hogganaa fonqolchichaa Janaraal Abdal Fattaah Burhaan akka mootummaa siviilii deebiisaniif dhiibbaa dabalataa irra kaa'uu socho'aa jiru.

Janraal Burhaam itti-gaafatamaa aangoo-qoodachuu kan ta'an ammoo fonqolchichi 'wal waraana hanbisuuf barabaachisaa' ta'uu himan.

Akkasumas, Sudaan ammalleen daandii dimokiraasiitiin itti fufuu bara 2023tti filannoo akka gaggeeffamu himan.

Haata'u malee, fonqolchi baayyee balaaleffatameera.

Pirezidaantiin Baankii Addunyaa Daavis Maalpaas ibsa isaanitiin, ''taatee dhiheenya Sudaanitti umameen baayyee yaadda'eera. Dhiibbaa hin eegamne gochaan kun guddina diinagdeefi hawaasummaa biyyattii bayyanataa ture irratti qaqqabsiisu baayyeen sodaadha,'' jedhan.

Sudaan waggoota 30 booda yeroo jalqabaatiif Bitooteessa darbee keessa deeggarsa doolaara biiliyoonotaan Baankii Adduunyaa irraa argattee turte.

Yeroo sanattis Pirezidaantiin Baankichaa biyyattiin guddina diinagdee taasisaa jiraachuu himanii ture.

Baankiin Addunyaa dameewwan qonna, geejiba, kunuunsa fayyaafi barnootaatiin Sudaan deegaruuf dolaara biiliyoona sadii kennuufii MM Abdallaa Hamdok himanii ture.

Haasaa MM Abdallaa Hamdok baatii darbe Baankii Addunyaatiif taasisan keessatti, deeggarsa argataniin ''bu'aaleen mul'achuun'' diinagdeen biyyattii tasgabaa'ina mulisaa jiraachuu himanii ture. Amma garuu haalli kun balaarratti argama.

Odeessaalee walfakkaataa:

Gamtaan Afriikaa ergaa karaa toora tiwitaraatiin dabarseen, gadhiifamuu MM Abdallaa Hamdok kan Wiixata tare to'atamanii turee simachuun, Sudaaniitti hanga mootummaan siivilii deebi'uutti sochiilee hunda keessaa akkuma dhorkamteetti itti fufti jedhe.

Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antonii Bilikan ammoo, Ministira Dhimma Alaa Sudaan Maariyaam Saadiq al-Maahdii waliin dubbachuufi ''hoggansi siiviilii gara dimokiraasiitti ceesisuu'' akka bakkatti deebi'uuf deeggarsa isaanii akka kennan himan.

Roobii kaleessaa gara boodaa keessa ammoo ambaasaadaroonni Sudaan jaha waraanaan aangoo isaanii irraa kaafamuu miidiyaan mootummaa gabaaseera.