Ameerikaa: Hojjetoonni Maakdoonaald miidhaa saal-qunnamtii irra gahuu mormuun hojii dhaaban

Madda suuraa, Fight for $15
Hojjetoonni Maakdoonaald magaalota Ameerikaa 12 keessatti argaman komiiwwan miidhaa saal-qunnamtii waliin wal qabatanii dhufan haalli dhaabbatichi ittiin keessummeessu sirrii miti jechuun hojii dhaabuufi hiriira bahuun mormii gaggeessan.
Warreen hiriira mormii qopheessan bara 2018 irraa kaasee miidhaa saal-qunnamtiin walqabateen irra gahu ilaalchisee mormii gaggeessaa kan ture yoo ta'u, dhaabbatichi garuu komii isaan dhiyeessan kana xiyyeeffannoo itti kennuu dhiiseera jechuun himatu.
Hojjettoonni keessummeessaniifi kaasheroonni mana nyaataa Maakdonaald keessa hojjetan Chikaagoo, Detirooyit, Hiwustiiniifi Maayaamii dabalatee magaalota biroo hedduu keessa hojjetan mormii hojii dhaabuu gaggeessaniiru.
Dhaabbatichi gama isaatiin, "Maakdoonaald keessatti miidhaan saal-qunnamtiin walqabatan bakka hin qaban," jedheera.
Hanga ammaatti hojjetoota hangamitu akka hojii dhaabe wanti beekame hin jiru.
Diddaa hojiifi mormii kana kan qopheesse gareen 'Faayit foor $15' jedhamu akka ibsetti, bara 2016 irraa kaasee hojjettoonni si'a shantamii lamaa ol komiifi himannaa dhiyeessaniiru.
Dabalataanis, hojjettoonni dhaabbatichaa hoggantoota isaaniirra deebiin kennamuuf kan hin mallee ta'uurra darbee tokko tokko hanga hojiirraa ari'amaniitti gahuu isaanii gareen kun ibseera.
"Anis mormichatti nan makama. Sababiin isaas waggootaaf mormii taasifnullee Maakdoonaald miidhaa saal-qunnamtii dubartoota baay'ee irra gahuuf itti-gaafatamummaa hin fudhanne," Saanfoord Filooriidaa keessa kan hojjettu Jamiilaa Fayiisalitu dubbate.
"Dhaabbatichi waan barbaade hunda jedhullee ani garuu akka hojjettuutti wanti tokkoyyu anaaf jijjiirame hin jiru."
Qorannoon bara 2020 keessa gaggeeffame kan dubartoonni hojjettoota Maakdoonaald 800 ta'an keessatti hirmaatan keessaa harka afur keessaa sadii kan ta'an hojii isaaniirratti miidhaan saal-qunnamtii waliin walqabateen miidhaan akka irra gahu ibsee ture.
Qorannoodhuma kanaan dubartoota miidhaan saal-qunnamtii irra gahee jennaan dhaabbatichatti beeksisan harka dhibba keessaa 71 kan ta'an gama dhaabbatichaatiin deebiin adabbii fakkaatu akka irratti darbe ibsan.
Diddaa hojii dhaabuufi mormiiwwan hordofee Maakoonaald rastoraantota hunda keessa dubartoota hojjetan baatii Amajjii dhufu irraa kaasee miidhaa saal-qunnamtii ilaalchisee leenjii akka kennu beeksiseera.
Haa ta'u malee, warri mormii qopheessan ibsa baasaniin rakkoowwan jiran irratti tarkaanfiin sirriin akka hin fudhatamne agarsiiftuudha jedhan.
Dhaabbatichi garuu komiiwwan miidhaa saal-qunnamtiin walqabatanii dhiyaatan karaa sirrii ta'e akka qoratamuufi qajeelfamoota hojiirra oolchuuf murannoo akka qabu ibseera.













